Friday, April 25, 2014

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffiin abbaa biyyummaa Hiriira bal’aan itti fufe. Mootummaan Wayyaanees dhiphina keessa seene

OromiaALutaContinua2011FDGGaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen
1. Oromiyaan lafa Oromooti.
2. Buraayyuun kan Oromiyaati.
3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati
4. Sabbataan keenya
5. Biyya keenya Murree hin kenninu
6. Galaan Kan Oromiyaati.
7. Finfinneen handuura Oromiyaati.
8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu
9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman
10. Bilisummaa barbaadna
11. Oromia Shall be free
12. Oromo need freedom
13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu
14. Siidaan Minilik haa buqqa’u
15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu
16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata
17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu
18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu
19. Qotee bulaaf iyyina
20. Barataa Oromoof iyyina
21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu
22. Baqattummaan haa dhaabbatu
Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran

No comments:

Post a Comment