Monday, April 14, 2014

Lafti Oromoo A/Anfilloo Irraa Qabiyyee Nama 50 ol Tahu Lammii Tigree Tokkotti Gurgurame!

Gabaasota Qeerroo Yuuniversitii fi naannoo Oromiyaa adda addaa irraan dhiyaataa jiru gama hundaanuu hammeenya mootummaa Wayyaanee saba Oromoo irratti kaayyeffatee gaggeessaa jiruudha, uummata walitti buusuun wal ficcisiisuu,lafa oromoo gurguu, saamuu irratti daran jabaatee kan itti fufeedha. Yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan gabaasa Qeerroo godina Qellem aanaa Anfilloo dhiyaatuu qabeenyaa uummataa mancaasuu, qabiyyee mootummaa jedhuun lafa waggaa dheeraa qote bulaan irra qote kan dhuunfaa isaa godhachuun abbaa qabeenyaatti gurgarachuu irratti kan argameedha.
Gabaasa Qeerroo Ebla 11 A/Anfilloo ganda Shebel jedhamu irraa addeessuun lafa qonnaa uummanni Oromoo irra qotatu lafa qonnaa walii galatti kan namoota 50 olii tahu abbaa qabeenyaa lammiidhaan tigree naannoo Gambeelaa irraa kan maqaan isaa Takilahaymaanot Alleny jedhamu lafa uummataa kan naannoo gaara Essi Essii jedhamuu nama kanatti ka gurgurame yoo tahu namootni qabeenyaa isaanii kanaaf falmatan, walakkaan isaanii mana hidhaa jiru,kaan ammoo waan hojjetee maatii isaa jiraachisu dhabuun hojii humnaa guyyaatti hojjetee ooluudhaan rakkinatti galee jira,abbaan qabeenyaa tigree lafa qote bulaa kana bite tikoota wayyaaneetin guyyaa guutuu kan tikfamee ooluudha, itti fufee kaayyoon mootummaa lafa uummataa naannoo kana jiru hunduu kan mootummaati jedhee labsachaa kan jiruu fi abbootii qabeenyaa bakka birootii fidee gurgurataa kan jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasa.Gabaasa itti fufuun walitti deeebina!
EBLA 12,2014 GABAASA ANFILLOO

No comments:

Post a Comment