Saturday, April 19, 2014

Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Hawaasaa Ebla 15,2014 GGO Haala Bifa Adda Ta’een Kabajachuun Gabaafame.


DSC01251Guyyaan wareegamtoota gootawwan oromoo ebla 15/2014 ,mooraa yunivarsiitii hawaasatti haala akkaan hoo’aa ta’een yaadatamee oolee jira.
Qeerroon Yunivarsiitii hawaasaa mooraa guddicha( main campus)fi Kolleejjii saayinsii fayyaa riferaal hoospitaalii fi akkasumas qeerroon magaalaa shaashamanneen walitti dhufuun guyyaa wareegamtoota gootota oromoo kana haala akkaan bareedaa ta’een mooraa saayinsii fayyaatti yaadatanii oolanii jiru.Qeerroon iddoowwan garagaraatii walitti dhufanii kabaja ayyaanichaa waliin dabarsan kunniin caasaalee mandhee tokko jalatti ijaaramanii jiran ta’uu maddi oduu qeerroo yunivarsiitichaa addeessee jira.Toorri qophiilee sagantichaa akka itti aanutti ta’a;
Sagantaan eebban banamee Waallee warraaqsaa erga itti fufeen booda Sagantaa dungoo qabsiifannaatu taasifame.Akkuma baratame dungoon qeerroon sagantaalee garagaraa irratti dhimma itti bahu dungoo halluu diimaa, magariisa,diimadha alaabaa keenya mul’isuuf jecha.
Haasawatu taasifame walitti qabaa qeerroo yunivarsiitii hawaasaa mandhee Guutamaa Hawaas kan ta’e Jal Abdii Boruutin.Ebli15,guyyaa gootonni oromoo osoo bilisummaa saba isaanitii fi walabummaa oromiyaaf jecha hadhaa qabsoo dhandhamanuu karaa irratti hafanii fi akkasumas sabboontota oromoo gita bittaa alagaaf gadi jechuu didanii osoo falmaa diddaa gabrummaa finiinsanuu diinan lubbuudhaa guraaraman itti yaadatamuudha. Ebla15 qofa osoo hin taane guutummaan baatii eblaa baatii goototaa jedhamee waan beekamuuf biyya keessattis ta’ee biyyoota ambaatti guyyoota garagaraatti yaadatamaa ture har’as yaadatamaa jira.Ummanni oromoo baroota sirna nama nyaataa sana keessa diina isaa fuuldura dhaabbachuu kan danda’e waan tokko ta’ee irree gamtaatin socho’eef qofaadha.Kanaafuu ,nutis har’a yoo ilmaan oromoo warra dhugaan dhimmi oromummaa galeefii ummata isaanif dhugaan qabsaa’an waliin gaaddisa tokko jalatti of ijaarruun irree gamtaatin sochoonu malee hundee diinaa buqqisuu akka hin dandeenye cimsinee isin hubachiifna.Waggaa waggaan walitti dhufnee seenaa gootonni oromoo hojjetanii darbanii fi rakkoo ummanni oromoo har’a keessa jiru walitti odeessinee dhuma gargar faca’uu irra, ofii keenyafis seenaa hojjechuu fi ummata oromoo rakkoo irraa baraaruf of haa qopheessinuun dhaamsa keenya.Osoo itti hin rakkanne, osoo itti hin dadhabne, osoo wal’aansoo hin taasifne gabrummaa keessaa, mirga ofii dhabuu keessaa, salphina keessaa bahuun akka hin danda’amne cimsinee hubachuutu nurra jiraata.Qabsoon ummata oromoo yoom illee bifa geeddarachuu hin qabu.Gaaffiin ummata oromoo kaleessas, har’as, borus, yoomillee gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ta’uun isaa waan haalamuu mitI. Kanaafuu kallacha qabsoo bilisummaa oromoo kan ta’e ABO wajjin taanee kaayyoon waayyaba bal’aa kun yeroo gabaabatti akka galma gahuuf fardiin haa dalagnu.Siyaasni akka uffata garee kubbaa miillaa miti.Namni tokko sababa taphataa tokko jaallatuuf garee kubbaa miillaa tokko deeggaruu danda’a,gaafa taphataan sun garee kubbaa sana geeddaree garee biraaf taphachuu eegalu deeggaraan sunis yaada isaa geeddaruun uffata garee kubbaa miillaa isa haaraa sana afarsuu jalqaba.Garuu adeemsa siyaasaa keessatti dhugaan jirtu faallaa tanaati.Qabxiin ijoon as gubbaatti kaasee bira darbuu barbaadu adeemsa siyaasaa keessatti hoogganaa ykn hayyu duree dhaaba sanaa osoo hin taane kan deeggaramuu qabu kaayyoo,ergamaa fi sagantaa siyaasa paartichaati.Har’a murnoonni hedduun adda bilisummaa irraa fottoquun bifa dhaaba siyaasatiin of kurfeessanii sosso’aa jiru, nuti qeerroon garuu kaayyoo qabsoo ummata oromoo ishee ganamaatti cichinee qabsoo keenya saffisiisun akka nurra jiru irra dhaabbannee dubbachuu feena. Walumaa galatti jabaadhaa, wal jajjabeessaa, ummata keenyafis lafa deemtanitti irra deddeebi’uun waamicha taasisaafiin dhaamsa keenya Ja/ Abdii Boruu.
Qeerroon Yunivarsiitii hawaasaa yaadannoo guyyaa wareegamtoota gootota oromoo kana sababeeffachuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii 4 baafatanii jiru.
IBSA EJJANNOO
  1. Tokkoon tokkoon miseensa mandhee keenyaa mooraa barnootaa keessatti qofa osoo hin taane lafa dhaloota keenyatti gaafa deebinu caasaa keenya hanga gandoota baadiyyaatti diriirsuu qabna.
  2. Qabsoo tokko geggeessuf baruumsi,humni namaa fi maallaqni akka barbaachisu eenyu jalaa illee kan dhokatee miti,kanaafuu nutis guyyaa har’aa irraa eegallee buusii mandhee buusuf murteeffannee jirra.
  3. Fincilli diddaa gabrummaa yeroo yeroodhaan yunivarsiitiwwan biyyattii keessatti taasifamaa jiru, mootummaa wayyaanee baarragsuun isaa waan hin oolle.Gaaffiin qeerroon yunivarsiitii Jimmaa fi Adaamaa tibba kana finiinsaa jiran gaaffii hunda keenya ilaallatu waan ta’eef nutis tumsinee falmaa diddaa gabrummaa daran finiinsuu qabna.
  4. Hawaasa Oromoo naannoo Oromiyaa jiru mara haala mijataa ta’eef bakka barbaachisutti carraa argannetti fayyadamuun afaaniin,waallee warraaqsan,barruulee warraaqsa fi k.k.f fayyadamuun akeeka gaachana ummata oromoo kan ta’e adda bilisummaa oromoo ummata hubachiisuf waadaa gallee jirra. Qeerroon yunivarsiiti hawaasaa irbuu isaanis haaromfatanii jiru.

No comments:

Post a Comment