Saturday, April 5, 2014

Amma yoomittii Meeshaa Wayyaanee Taanaa? Ifaatiin Wayyanee Nu Hin Gahuu?


Sababa “misooma waliinii” jedhuun godina addaa naannawaa finfinnee magaala finfinnee jala galchuuf akkuma karoorfametti yeroo ammaa pilaanii waliinii kana hojiirra oolchuuf sochiin guddaan godhamaa akka jiru odeeffannoon karaa mootummaa ballinaan nutti himamaa jira.
Akka maastar pilaanii harawaa baheetti bulchiifni magaalaa finfinnee lafa heektaara kuma 54 fi godinni addaa magaalota 6 fi aanaalee baadiyyaa 17 walumaa galatti lafa keektaara miliyoona 1.1 kan haammatu dha.
Kan nama gaddisiisu garuu dhimma kana ilaalchisee dhaabbilee fi namoonni Oromoo bakka buuna jedhan tole ykn bade jechuu dadhabuu isaaniiti. Kuni gaaffii guddaa dha. Ummatni naannoo kanaa uummata Oromoo godinaalee kamiyyuu caala rakkoo guddaan saaxilamaa kan jiruudha. Sababni isaa ammoo magaalaa guddoon biyyattii uummata kan gidduutti hundeeffamuu isaati.
Mootummoonni hundi miniliki irraa eegalee hanga ammaa kan jiran uummata kana buqqisuu malee ijaarsa guddina magaalaa kana keessaatti osoo hin hirmaachisiin lafa isaanii irraa fudhachuun akka uummanni irraa buqqa’ee badu godhamaa tureera ammas itti fufee jira.
Sababni Oromoon naannoo kanaa caasaa mootummaa federaalaa fii bulchiinsa magaalaa finfinnee keessaatti hirmaachuu dhabeef sirni mootummaa miniliki irraa eegalee hanga ammaatti kan jiru Afaanii fi aadaa saba kanaa jibbuu fii jibbisiisuun afaanii fi aadaa isaanii fudhachuu dhabuun uummatni kun akka aadaa fii afaan isaatti qaana’u/saalfatuu fi gadaantummaan itti dhagaahamuu itti yaadamee waan hojjetameefi.
Sirna amma jiru keessatti naannawaan kun yeroo jalqabaa godinaalee shawaa arfan jalatti caaseffamanii akka bulan godhamee ture. Yeroo dhihoo qabee ammoo maqaan godinaa addaa naannawwaa finfinnee jiedhu kennameefii jira. Garuu caasaan ammaa jirus ta’ee kan duri uummata kana buqqisuurraa hin ambifne.
Rakkoon uummata kana qunnamaa turee fi ammas jiru lafarraa buqqa’uu qofa osoo hin taane, sababa keemikaala industrii adda addaa keessaa baahu osoo kunuunsi naannoo hin godhamiiniif gadi gallakkifamaniin faala’iinsa bishaanii fii qilleensaatiin dhibeen sanyii balleessu (genetic problem) tiin saaxilamaa jiru.
Gama siyaasaatiin yoo ilaalle fedhiin habashootaa uummatni kun akka buqqa’u gochaa jiraniif, Oromoo fi Oromiyaa kan jedhu giddu gala biyyatti irraa fageessuun tokkumman Oromoo akka hin cimne gochuudha. Karoorri waggaa 25 dhufutti karoorfamaa jiru naannoo shawaa jedhamu hanga kilo meetira 150 mootummaa giddu galeessaa keessa galchuu dha. Kana jechuun maappiin Oromiyaa ammaa bakka saditti cituun dirqii ta’a. Kun ammo tokkummaa Oromoo akka cabsuu beekkamaadha. Bu’aan siyaasaa kanaan wal-qabatee irraa argatan, naannoon Oromiyaa jedhamu tarii sodaa naannoon kun gara biyya Oromiyaa jedhamutti ce’uu danda’a jedhamee shakkamullee abdii akka hin qabaanne gochuudha. Karaa biraatiin tuffii uummata kanaaf qabaniin buqqa’iinsii fi rakkoon saaxilamuun uummata kanaa habashootaaf homaa jechaa miti.
Kanaaf jecha Oromoonni hundi dhimmi kun nu hin ilaalu jennee ilaalla taanaan (hanga ammaatti callisnee ilaalaa jirra), rakkoon kun rakkoo uummata kanaa qofa akka hin taane beekuu qabna. Giddu galeessi biyyatti hanga km150 Oromiyaa irraa cite taanaan maqaan Oromiyaa jedhu akkamitti jiraachuu akka danda’a namni sammuu qabu yaaduu waan danda’uu dha.
Karaa biraatiin uummatni tokko lafa irratti dhalatee, horee, jiraate irraa sababa misoomaatiin buqqa’uu jechuun namni kamiyyuu akka dhala namaatti callisanee ilaaluun rakkoo maaliirraa akka maddu naaf gala hin jiru. Hardha lafa irraa buqqa’uunii fii weerrarri lafaa maqaa inveestaraan naannoo Gaambeellaa, Beeneshaangul, uummattoota kibbaa miidiyaa addunyaarratti darbaa jira. Kan qote bultoota naannoo finfinnee garuu akka waan hojii qulqulluu ta’eetti namni abbaa kanaa jedhu hin jiru. Kuni maaliif ta’e laata? Ammas kan anaan nadhibaa jiru callisuu habashootaa ykn mootummaa Itiyoophiyaa miti. Kan ajaa’iba natti ta’aa jiru kan Oromoota mirgaa Oromoof qabsoofana jedhanii sadarkaa adda addaatti wal-ijaaraa jiraniiti. Dhimmi kun dhimma Oromoo fi ajandaa Oromoo hin taane yoo ta’e ammo ifaan ifatti itti himamee uumatni kunis baree furmaata mataa isaatii qopheefachuu qaba. Akka qaama Oromoo fii Oromiyaatti dhimmi uummata giddu galeessaa kanaa Oromoota naannoo biroo biratti fudhatama hin arganne taanaan, faayidaan waliin jiraachuu maalinni? Uummatni kun karaa isa baasuun mirga dhalootan qabu addunyaatti iyyatee ofiisaatiin Oromiyaa irraas ta’ee finfinneen ala of bulchuun aadaa isaa fii afaan isaatiin dhimma bahuu akka danda’us baruu qabna. Uummatni kun osoo rakkoo irra jiruu lafa isaa kan saamaa jiru habashoota ykn mootummaa qofa miti. Oromoonni naannawaa biroo illee lafa uummata kanaaa saamaa jiru. Kanaaf uummatni kun fedhii mataa isaatii hin qabu kan jiraachuu qabu faayidaa namoota birootiifi moo maal jechaa dha? Dhimmi kun kan akka salphaatti ilaalamuu miti, boru hunda keenya akka Oromootti kan nu gaabbisiisu ta’uu irra deddeebinee osoo ilaallee gaariidha. Waggaa 100 oliif sabni kun ba’aa nafxanyootaa baatee jira. Ammas rakkoo bara minilikii caaluun saaxilame malee waanti bu’eef hin jiru. Adeemsa kanaan gara fuulduraattis yoo Oromoon akka waliigalaatti mirga isaa gonfate iyyuu uummatni giddu galeessaa kanaatiif waanti bu’u akka hin jirre muuxxannoo argame waan tokko nutti agarsiisaa jir!
Qaamni kamiyyuu maqaa Oromootiins ta’ee habashaa kan barbaadu uummata kanaaf akka darbu osoo hin taane lafa uummata kanaa saamuu akka ta’e hubannoon hedduun argamee jira. Giddu galli Oromoo fii Oromiyaa osoo horfamaa jiruu fi qaamni afuura baafatu bakk hin jirretti bilisummaa Oromoo fi mirga Oromoof qabsoofana jechaa of gowwomsuu Oromo saamsisuufi meeshaa alagaa ta’uu otoo dhiifnee gaarii natti fakkaata.
Galatooma.
Alemayehu Tilahun G | Ebla 4, 2014

No comments:

Post a Comment