Wednesday, April 30, 2014

Latest News

Uummanni Amboo Gootummaan Diina Dura Dhaabbachuun Badiyaa fi Magalaan Waraana Wayyaanee Dandii Konkolaataa Dhorkate.

Uummanni Amboo Waraanni Wayyaanee Dhiha Oromiyaa Wallaggatti Akka Hin Dabarreef Bakkoota 16 ol ta’anitti mukkeen guruguddaa jigsuun gootummaan diina dura dhaabbatan

suuraa gamtaa poolisii
Ebla 30/2014 uuummaanni Oromoo fi Dargaggeessii Oromoo Baraattootni Oromoo fi Barattootni Oromoo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, Qopha’inaa fi University Amboo yeroo amma kanatti hiriiraa guddaa guyyaa shaniif itti fufiinsaan gaggeessa jiru. Kessaattuu isa guyyaa har’aa wanti adda isa godhuu, Ummaanni Oromoo Magaalaa Amboo Jaarsaa, Jaartii, Manguddoon, Da’imnii waggaa 8tii olii, Shamarraan Dargaggeessii, Daldaltootni, fi Barattootni utuu hin hafiin keessatti qoodaa guddaa Fudhachuun FDG gaggeeffamaa jira. daandiin konkolaataa Finfinnee Amboo keessa dabarsee Dhiha Oromiyaa geessuu Cufameera,Gudarii fi Amboo Gidduu Bakka 16ttii Daandiin mukaa fi dhagaa Goommaa Konkolaataa karaa irratti Guuruun gubuun, Warannii Wayyaanee akka Wallaggatti gadi hin darbinee Amboo ittisee qabee Bilisummaa isaaf falmachaa jir.
Magaalaa Amboo keessatti daandiin keessaa keessaa fi daandiin guddaan dhagaa fi mukoota karaa irratti guuruun uummaanni daandii cufee;-
  1. Gaaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa Ijioolleen keenya hidhamaan nuuf haa hiikaman,
  2. Nu hin ajjeesinaa waggaa 24 nuu ajjeessa turtan nurraa galaa isin ga’a .
  3. Qotee bulaa lafa isaa irraa hin buqqisiinaa,
  4. Finfinneen bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaa jalatti deebitee Ofii keenyaan bulchachuu qabna,
  5. Mirga Dimookiraasii Namummaa nurraa hin sarbiinaa,
    Warannii kun itti gaafatama seenaa keessa jirtuu nu hin ajjeesinaa mirga keenyaaf falmanna, -Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba,
  6. Bilisummaa barbaadna, garbummaan nu ga’a,
  7. Isiin nu hin bulchitan, waggaa 24 nutti taphattan,
  8. Ilmaan Oromoo hidjhaman haa hiikaman
Jechuun Hiriira Nagaa Guddaa ganama sa’aa 2;00 irraa egaluun kan jalqabame hanga amma sa’aatii 8;00tti itti fufee jira, Mootummaan Wayyaanee Sochii uummataa kanatti aaruun rasasasa uummata irratti roobsa jira, rasaasa Waranaana Wayyaaneetiin namoonni hedduun madaa’aniru.
APRIL 30,2014
BY QEERROO

No comments:

Post a Comment