Tuesday, April 15, 2014

Miseensonni ABO biyya Canada Konyaa Gadaa Bilisummaa Jiraatan Ummata Oromoo Dachii Isaa Irraa Buqa’u Ilaalchisanii Ibsa Morii Baasan!

QEE FI QABEENYAA, DHACHII HADHUURAA ISAARRAA UMMATA OROMOO BUQQISUUN
 MIRGA UUMAMAAN UMMATNI OROMOO QABU SARBUU DHA.
Mootummootni Habashaa/Itiyoophiyaa dhufee dabraan toftaa fi tarsiimoo sirna gabroofataa ykn
koloneeffattummaa isaa haala addaa addaan Oromiyaarratti caasaa isaa diriirfatee ummata
Oromoo qee fi qabeenya, irraa saamaa fi saamisisaa kaan Lubbuu ajjeessaa kaan godaansisaa, qee
isaa keessatti jiruu fi jireenya itti hadheessee,baroota dheeraaf,Ummatni Ormoo qee dhabilee ta`ee
godaanaa akka jiraatuu fi baqattummaaf akka saaxilamu godhamaa tureera. Har`as mootummaan
Wayyaanee /TPLF/ sirnuma duraan warri isa duraa Ummata Oromoo fi Oromiyaa weeraruuf
saganteeffatan sana bakkaan ga`uuf fi ummata Oromoo fi Ormiyaa human Qawween
hukkaamsanii of jalatti bulchuuf abju`atan sana fiixaan baasuuf Marxifatee hojjetaa jira.
Oromoo qee fi qabeenya isaa saamaanii Maatii tamsaasanii daa`emman yatiyyaman. Gochaa
suukanneessaa fi diinummaa kana Ummata Oromoo irratti hojjechuun Qee ummata Oromoo
Oromiyaa honsaniiru. Sabboontota ilmaan Oromoo gaaffii haqaa gaafatanii fi mirga saba isaaf
falamatan, qee isaarratti ajjeesaa, hidhaa turan.Har`as ittuma jiru.
 Bara sirna Bulchiinsa Mootummaa wayyaanee dachii Oromiyaa Qircuun ta`e jedhamee
Ummata Oromoo fi ummattoota Ollaa Oromiyaa qubatanii jiran Ummata Oromoo waliin yeroo
addaa addaan walitti buusa tureera. Har`as sanuma godhaa jira. Akka fkn tti Karaa Oromiyaa bahaa,
ummata Oromoo fi Ummata Somaalii, Karaa Dhiya Ormiyaa Ummata Oromoo fi Ummata
Gumuuz/Gurraacha Abbayaa/ karaa kibba Oromiyaa fi kibba bahaa Oromiyaa saboota bicuu
Oromiyaa keessa qubatanii fi Ummata Oromoo walitti buusuun dhiigni ummata Oromoo fi
ummattoota Cunqurfamoo danuun dhangala`eera. Qabeenyi heedduun barbaada`eera. Horiin
gaanfaa fi midhaan ykn dhangaan calla`eejiru saamaameera.
Kallattii Arfaniinuu ta`e jedhee Mootummaan wayyaanee ummatni Oromoo qee isaarratti akka
nagaa fi tasgabbiin hin jiraannee ummata Oromoo irratti lola banee jira. Ummatni Oromoo qee
isaarratti qabeenya isaa fi qee isaaf akka hin falmannee fi mirga isaa hin gaafanneetti ofii karaa
dudduubaa fi harka lafa jalaan saboota Diinummaa fi farrummaa tokkollee ummata Oromoorraa
hin qabne ofumaa meeshaa waraanaa sadarkaa guddaatti bifa addaa adaan hidhachiisee,
Oromoorratti ta` ejedhee bobaasee ummata Oromoo saamsisaa fi ajjeesisaa jira. Kaan Lafa bajjii
gabbataa fi bakka qonnaaf filatamaa ta`e Lafa ummata Oromoo kutee saboota biraaf kennuun kaan
ammoo alagaa bakka biraatii godaansisee fidee dachii Oromiyaarra qubsiisuun ta` e jedhee ummata
Oromoo fi saboota cunqurfamoo walitti buusaa tureera. Ammas yeroo yeroon sagantaa haaraa
baafatee Oromoo qee isaarraa dhiibee alagaa fidee lafa Oromoorra qubsiisaa jira. Akka fkn tti
Godina wallagga bahaa ummata Amaaraa Goojjamii fidee naannoo Hangar Guuttin naannoo
harqubbee qubsiisuun bosona Oromoo Ciriisaa fi mancaasaa, dachiin Oromoo akka Qullaatti aftu
godhaa jira.
 Ummata Gumuz Godina Wallagga bahaa fi Dhiyarra qubsiiseera, Akkasumas karaa baha Oromiyaas
ummata Somaalii qubsiiseera.Karaa Giddu galeessa/handhuura Oromiyaa naannoo Shaggari kan
hojjetamaa tutree fi itti jirus isuma kana dha.
Mootummoota Habashaa dhufanii dabran keessaa diinni suduudaan sanyii dhala Oromoo lafarraa
balleessuu fi dhumaatii daangaa hin qabne/Sanyii duguuggaa/ saba Oromoo irraan geessisee fi
saba Oromoo miidhee Mootummaan Wayyaaneeti. Haalli gochaan suukanneessaa fi ajjeechaan
gara laafina tokko malee waraanaa wayyaaneen ummata Oromoorratti raawwatame fi
raawwatamaa jiru yoomuu kan Ummatni Oromoo dagatuu fi seenaan irraanfatamu miti.
 Bara 1992 erga ABO mootummaa ce`umsaa keessaa humnaan dhiibamee ba`ee kaasee hanga
har`aatti mootummaan wayyaanee ifaa fi kalaattiin waltajjiitti ba`ee Ummata Oromoo fi Biyya
Oromiyaarratti lola labsee jiraachuun isaa ni yaadatama.
Akka kanaan Maanguddoota,hawwan, hayyoota, beektota, dagraggoo fi shammaran ,Jaarolee fi
daa`imman xixxiqaan utuu hin afiin maqaa Miseensaa fi deggeraa ABO ti jechuun manoota hidhaa
kanneen akka kaambii waraanaa fi mlooraan leenjii Waraanaa utuu hin afiin ummata Oromoo
qonnaa fi jiruu,manaa fi jireenya isaarraa ukkaamsanii guuramanii hidhamaniiru. Kaan
ajjeefamaniiru. Kaan ammoo achi buuteen isaanii hanga ammaatti dhabameera. Haalli kun itti
fufuun mana barumsaa keessattillee ilaamn Oromoo adamsanii ajjeesuun, mana barumsaarraa
hariyuun,abdii fi qaroo Oromoo kan ta`e sababa deggeraa ABOtiin yakkuun hojiirraa hariin,hojii
dhorkuun, hayyootaa fi beektota sabboontota Oromoo ,barattoota Oromoo fi bariisota qonnaa
bulaa Oromoo,daldaaltotaa walumaa galatti ilmaan Oromoo biyya isaanii keessatti jiruu fi jireenya
dhorkee iraarsaa fi mankaraarsee akka biyya ababa isaanii keessaa baqatan taasiseera. Har`as
sanumatti jira.
Mootummaan Wayayanee ilmaan Oromoo biyya itti baqataniillee heeraa fi seera mirga
baqattummaa isaanii sarbuun adamsee qaama tikaa Mootummaan ukkamsisiisee biyyatti deebisee
kan ajjeessee fi kan bakka buuteen isaanii dhabames danuu dha. Yeroo ammaa kana Ummatni
Oromoo kumaa fi kitilaan lakkaa`aman mana hidhaa wayyaanee bakka addaa addaa keessatti badii
fi yakka tokko malee waan Oromoo ta`an callaaf mana hidhaa keessatti Korreentiin waxalamaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee/TPLF/ dachii Oromiyaa qabeenya uumaa fi uumamaan jiru saamuu
callaan hin dhaabbanne. Bosona Oromiyaa baroota dheeraaf Ummatni Oromoo akka qabeenyaa
uumaatti kunuunsaa fi tikfataa ture Bosona Baalee Ibdinaan gubee barbadeesseera. Iluu Abbaa
Booraa keessaa kan akka Bosoma Hurruumuu fi Yaayyuu Abiddaan gubee barbadeesseera.
Lageenii fi Haroolee Oromiyaa keessa jiran kaan Gosseera. Kaan ammo Summeesseera.
Wayyaaneen Gochaa diinummaa isaa kan raawatee fi raawataa jiru Qabeenya Uumaa fi uumamaan
Oromiyaa keessa jiruu dhabamsiisuun, Jireenya ummata Oromoo balleessuu fi ummata Oromootti
jireenya hadheessee Ummata Oromoo qee dhabilee ta`ee rakkataa fi baqataa ta`ee akka jiraatu
marxifattee hojjetaa jirti.
 Ummatni Oromoo nagaa jaallata. Sabni Oromoo nagaa fedha. Akkuma ummata kamiiyyuu
Ummatni Oromoo qee fi qabeeya, manaa fi maatii isaa waliin qee isaarratti kabajamee nagaa
waaraa fi tasgabbiin hojjetee,horatee, qotatee nagaan daldaallatee jiraachuu barbaada.
 Garuu qeema isaarratti itti dhufanii nagaa dhorkuun jiruu fi jireenya dhorkanii Qee
keenyarratti/Biyya abbaa keenyaa Oromiyaa keessatti nagaa nu dhorakkan. Hanga Yoomiitti sabni
Oromoo qee fi qabeenya isaa saamamaa, jiruu fi jireenya dhabee hidhamaa fi ajjeefamaa jiraata?
Qee issaarraa hariyatamee baqattummaaf saaxilamee biyya hormaa keessatti dhiiraa fi
dhalaan,maanguddoo fi ijoolleen salphatee jiraata?
Nuti miseensotni ABO Konyaa Gadaa Bilisummaa/KOGB/gochaa suukanneessaa mootummaan
wayyaanee ummata keenyarratti raawwataa jiru kana mormuun,akkasumas qabeenya dachii
Oromiyaa fi Saba Oromoo irratti Qaween roorifamaa jiru kana ilalachisee mormii fi dura
dhaabbannoo qabnu ibsa ejjennoo armaan gadii kana ibsneerra.
1. Ummata Oromoo kallattii Arfaniinuun Finfinnetti marsee qubatee jiru maqaa
Bulchiinsa Finfinnee jala galchuu jedhuun Ummata qee fi qabeenya isaarraa humnaan
buqqisuuf dhiibbaa fi doorsisa Mootumaa Wayyaanee/TPLF/ godhamaa jiru akka
dhaabbatu ni gaafanna. Haalli kun ummata Oromoo Iyyummaaf saaxiluuf waan ta`eef ni
mormina.
2. Mootummaan wayyaanee Ummata Oromoo fi Gumuz ammaan dura walitti diree wal
lolchiiseen lubbuun nama heedduu galaafatamuun isaa ni yaadatama. Yeroo ammaa
kana Mootummaan wayyaanee Godina Wallagaa bahaa aanaa Haroo Limmuu fi
Eebantuu dachii gabbattuu Kutee ummata Gumuziif kennaa jira. Haalli kun balaa biraa
waan fiduuf Mootummaan wayyaanee waan kana atattamaan akka dhaabu gaafanna.
Sababa kanaan rakkoo uumamuuf kan itti gaafatamu Mootummaa wayyaanee ta`uu
dursinee hubachiifna.
3. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo badii fi yakka tokko malee sababa
Oromummaa isaaniin yakkee maqaa deggeraa ABOti jedhuun mana hidhaatti Guuree
gidirsaa jiru atattamaan akka mana hidhaatii gadi lakkisu gaafanna.
4. Barattoota Oromoo ajjeeseeuun,hidhuu fi barumsarraa hariyuun akka dhaabbatu
gaafanna. Gaaffiin barattoota Oromoo gaaffii Ummata bal`aa Oromoo waan ta`eef ni
deggerra. Waan dandeenyuun bira ni dhabbanna.
5. Naannoo Oromiyaa keessatti mooraan Yuunversiitii,Koolejjii fi manneen barumsaa
sadarkaa ol aanaa Humna waraanaan marfamee mooraa leenjii waraanaa fi kaambii
qumtuma waraanaa ta`ee akka barattootni Oromoo sammuu nagaan hin baranneef
qoorqalbii baratoota Oromoo shororkeessuun, addatti barattoota ilmaan Oromoo
qofaatti maqaan fo`anii doorsisuu fi barumsa irraa ilaamaan Oromoo hariyuun akka
dhaabbatu gaafanna!
6. Mootummaan Keeniyaa ummata Oromoo nagaan biyya isaa keessa jiraachuu dadhabee
lubbuu isaa baraarfachuun gara biyya ollaatti baqatee heeraa fi seeraan UNHCR jalatti
galmaa`ee jiru heeraa fi seera mirga baqattummaa isaanii akka kabajuuf cimisinee
gaafanna.
7. Warri mirga dhala namaaf dhaabbattaanii fi haqaaf baamsitan miidhaa fi dararama
ummata Oromoo biyya baqaa /Keeniyaa keessatti irra ga`aa jiruuf gargaarsa
namoomaa fi daahannoo seeraa akka gootaniif, Hatattamaan akka baqattoota miidhaan
irra ga`eef dirmattanii fi mirgi baqattummaa isaanii seeraan kabajamuuf cimsinee
gaafanna.
8. Mootummaan Keeniyaa Ummatni Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaa keessa humnaa
qawween mirga namummaa isaa sarbamee fi sirna gabroofataan Koleeneeffatamee
hireen baqattumaa isa muudate. Kanaaf kaleessas ta` e boris Ummatni Oromoo fi
ummatni Keeniyaas ta` e mootummaan Keeniyaas waliin jiraata. Haala rakkoo
Siyaasaan miidhaa saba Oromoo irra ga`e kana hubachuun Ummata Oromoo iraarsuu fi
miidhaa addaa addaa irraan ga`ee fi g a`aa jiru akka atattamaan dhaabu cimsinee
gaafanna.
9. Ummata Oromoo Booranaa fi Gujii jidduutti karaa warra Tika mootummaa
wayyaanee/TPLF/ shira walitti bu`insaa uumame haalaan kan nu gaddisiise dha.
Lafee Satawwaa Lafeema Satawwaan Cabsu jedhan sana . Yeroon amma keessa jirru
yeroo sabni Oromoo gamtaa fi tokkummaan ka`ee QBtti dirmatuu fi diina biyya keenya
weeraree Nu ajjeessaa fi hidhaa jiru ofirraa baasuuf diinarratti qabsoofnuna. Kanaaf
ummatni keenya waliin diina isaa loluu malee wal isaatii walitti galagalee wal
millachuu hin qabu jenna.
10. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo kan biyya keessaa fi biyya alaa jirtan diinni nuti qabnu
diina qabsoo Bilisummaa saba Oromoo fi diina Ummata Oromoo kan ta`e Alagaa dha.
Kana hubachuun akeekaa fi kaayyoo kaleessa manaa hitti baatanii fi qabsooftaniif saba
keessan ummata Oromoo fi biyya keessan Oromiyaa sirna kolonii Alagaa jalaa bilisa
baasuuf ilaa fi ilaameen wal hubachuun akka waliin Qabsoo gamtaa qindeeffatanii
diinarratti xiyyeeffatanii irree tokkoon qabsooftan waamicha keenya lammummaa fi
kaayyoo Jaallummaa isiniif dhiyyeessina.
11. Ilmaan Oromoo kan biyya hambaa keessa jirtan maraaf, Yeroo ammaa Ummatni
Oromoo biyya keessa jiruu fi bakka addaa addaa jiru diina keenya Hin kaa mootummaa
Wayyaaneen adamfamee iraarfamaa jira. Qee fi qabeenyi saba Oromoo manca`aa jira.
Yeroo kana callifnee teenyee ilaalluun, Bori seenaan nu gaafata. Kanaaf bakka jirruu
sagalee tokkoon kaanee ummata keenyaaf waan dandeenyuun akka dirmannuu fi waan
dandeeny gumaachinu waamicha keenya lammummaa fi Oromummaa isiniif dhaamna.
12. Gootota barattoota Oromoo fi Qeerroo Oromiyaa qabsoo kaleessa abbootiin keenya
lafee hurreessanii, dhiiga itti lolaasanii nuun ga`an harkaa fuutanii xumuura itti gochuuf
qasboo seexaa fi xiiqii qabdu diinarratti geggeessa jirtan. Baayyee kan lammii boonsee
fi diina dhiphiisaa jiru dha. Jabaa dhaa itti fufaa waan dandeenyuun isin faana jirra.
13. WBO dirree falmii keessa jiru roorroo fi iraasa saba kee ummata Oromoorraan diinni
ga`aa jiruu fi geessiseef furmaatnii qabsoo hidhannoo jabeessuu dha. WBO tarkaanfii
diinarratti fudhataa jirtu abdii fi hamilee ummata keetti horaa jira. Jabaadhu WBO!
Waan dandeenyuu maraan WBO bira ni dhaabbanna!
14. Ilmaan Oromoo kan biyya keessa jirtan ,haalli amma keessa jirru QBOf haalaan
murteessaa fi barbaachisaa dha. Mootummaan wayyaanee wagaga 22/3 guutuu Oromoo
fi Oromiya ajjeessaa fi miidhaa jira. Qaroo ilaamaan Oromoo kumaa fi kitila lubbuu
galaafateera. Kanaaf Diina saba keetii tajaajiluurra, Lammii fi qomoo kee waliin mirgaa
fi bilisummaa keetiif akka falamtuu fi gara QBOtti akka makamtu waamicha keenya
Oromummaa fi lammumaa cimsinee isniif dhaamna.
15. Ummatni Oromoo baayyina sabaa fi gurmmuu lammii keetii hunda gara human
Qabsootti jijjiiruun tokkummaa fi gamtaan QBtti dirmattee mootummaa gabroofataa
kana ofirraa Buqqiftee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa keenya akka gonfannu
waamicha Qabsoo isiniif goona.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Miseensota ABO Konyaa Gadaa Bilisummaa
Kaanaadaa
 Ebla 2014

No comments:

Post a Comment