Wednesday, April 30, 2014

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Gimbii fi Mandii keessatti FDG dho’uun itti fufe


DiddaaManneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa keessatti barattootni Oromoo goototni imaanaa gootawwanii tiksan gaaffii abbaa biyyummaa itti fufuun magaala Gimbii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa Kompiriheensivii Gimbii keessatti FDG gaggeessan. Barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa ilmaan Oromoo QBO keessatti wareegama baasaa as gahee fi haras itti jiru deebiuu qaba jechuudhaan FDG gaggeessanii jiran. Barattootni oromoo kunneen mana barumsaa keessatti walgahuudhaan tokkummaadhaan ABO gaachana ilmaan Oromoo tahuu kan dhaadatan Yoommuu tahu waardiyaan mana barumsaa fi waraanni mootummaa wayyaanee dura dhaabbatus gaaffii mirgaa irraa humni duuba nu deebisu tokko illee hin jiru, Uummatnis gamtaadhaan kaee falma jabaa gaggeessuutu irraa eegama jechuudhaan murtii dhumaa dabarfatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessattis barattootni Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi walabummaa Oromiyaa itti fufuu Qeerroon Gimbii gabaasee jira.
Kana malees barattootni Sadarkaa lammaffaa Mandii Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef biyya bulchuu hin qabu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa FDG bobeessan. Mootummaan wayyaanee bakka maraa diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuu kan dadhabde yoommuu tahu Barattoota Oromoo mana barumsaa Mandii sadarkaa lammaffaa Mandii waraana hedduumminaan itti bobbaasuun reebicha hamaa irraan geessee jirti. Barattootni oromoo mana barumsaa kanaas reebicha mootummaan wayyaanee irraan gaggeessaa jiru dura dhaabbachuudhaan dhaadannoowwan
1. Oromiyaan kan keenya
2. Kanneen hidhaman haa hiikaman
3. Mootummaan wayyaanee Gamboomfataa dha
4. Nuyi Qeerroo dha
5. Oromoon Lagaan hin qoodamu
6. Finfinneen handhuura Oromiyaati
7. Sagaleen Uummata Oromoo haa dhagahamu
Kanneen jedhanii fi biroo dhageessisaa oolanii jiran. Oromiyaa keessatti ibidda qabatee mootummaa wayyaanee barbadeessaa jirutti tumsa Gochuun Oromoon Gumaa gootawwan keenyaa akka deebisu Qeerroon magaala Mandii gabaasee jira.
EBLA 30,2014 GABAASA QEERROO GIMBII

No comments:

Post a Comment