Saturday, April 5, 2014

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa kenname (Qeerroo Bilisummaa) Ebla 2,2014 Jimmaa

Bakka bu’oonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa irraa
walitti dhufuun Ebla 1 fi Ebla 2,2014 walgahii guyyaa lamaaf
gaggeefatan irratti haala yeroo uummata Oromoo fi Qabsoo FDG
bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi haala waliigala raafama
siyaasa Impayeera biyyattii irratti marii bal'a gochuun ibsa armaan
gadii dabarsee jira.

1.Dugugginsa Sanyii (Genocide), moototni Habashaa erga Oromoo afaan
qawween cabsanii bulchuu eegalanii hanga har'a jarraa 21ffatti
dabaree angootti dhufan rawwatanif Oromoon tolee jedhee
jilbeeffatee bitamee, hin bule. Utuu falmatuu diina kufaa kiffisaa
har'a as ga'ee; qabsoo bilisummaa Oromoos bu'awwaan dagatamuu fi
eenyu iyyuu haalu hin dandeenye dhiigaa fi lafee isaa itti cabsee
fidee har'a dhaloota haara nu Qeerroo Oromoo qaqqabsise jira.
Haata'uu malee ilmaan mootota habashaa kaleessaa har'a illee qabsoo
Oromoo dhaamsuuf Oromiyaa deebisanii qabachuufi sirnota abbooti
isani sirna nafxanyaa kaleessa deebisuuf nurraa hin dhaabbanee
hojii idilee isanii godhachuun hanga sadarkaa mana maxxansaa
banachuun Oromoo arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu fi Oromoon biyya
hin qabu jechuu irra gahani jiru.Nafxanyaa har'a qawwee fi golgaa
dimookiraasiin biyya lafa gowwomsaa jiru of jabeessuun umrii bittaa
isaa dheereffachuuf yeroo kallatti hundaan tattafatan ifatti ba'een
mu'acha jirra, sochii farrummaa Oromoo nafxanyota kaleessa fi har'a
kana dhaabamsisuuf Oromoon bakka jiru hundaa dammaqee qalbiin
qabsoo FDG keessatti qooda guddaa ba'uu qaba.

2. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee bulchiinsa magaalotaa Oromiyaa
fi saaminsa qabeenyaa uummataa Oromoo fi uummaata Oromoo qe'eef
yaa uummataa Oromoo fi uummaata Oromoo qe'eef
qabeenyaa irraa buqqisuuf bifa haaraan karoorfatee sochii irra
jiraachuu ifatti karaa media of harka qabuun labsii dabarfatee
jira, Sochii kana dhaabsiisuu fi bulchiinsa Magaalaa finfinnee
to'achuuf, qabeenya uummata Oromoo saaminsa irraa hambisuuf, fi
Oromoon nagaan qee'eef qabeenyaa isaa irratti abba biyyummaa isa
akka mirkaneeffatuuf bakka jirru maraa halduree tokko malee maqaa
Oromoo jettu qofaan waliif dirmannee qabsoo FDG jabeessuun bara
sirna naf xanyaa kaleessaa fi har'atti xummura haa goonu jechuun
waamicha Oromummaa ilmaan Oromoo hundaaf dabarsina.

3. Ilmaan Oromoo gooftummaan diinaa suga isinitti fakkatee
mootummaa EPRDF fi Wayyaanee duuka dhaabbachaa jirtan guyyaa saafaa
ilmaan habashaa fi sirni EPRDF uummata Oromoo tuffachaa, arrabsaa
fi arrabsiisaa dhiyeenya kana du'aa mootummaa naannoo Oromiyaa
President Alamaayyoo Atoomsaa fi waldorgommii Ispoortii magaalaa
Bardaritti gaggeeffame irratti salphina guddaa uummata keenya
irratti rawwatame ijan argitanii gurraa dhageessani jirtu, kana
qofaa mitii eeyyama Oromoo malee Magaalawwaan Oromiyaa kanneen akka
Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Holotaa, Sandafaa, Laga Xaafoo laga
daadhii, Aqaaqii Qaallitii ,Duukam, Galaan bishooftuu, fi magaalota
kannee akka Shashamannee, Adaamaa, Jimmaa, Neqemtee fi Amboo illee
bulchiinsa Federaalaa jala galchuun leeccelloo achii irraa argamuu
fi Oromoo ittin jilbeffachisanii bituun umrii garbummaa dheeressuuf
diini karoorsee uummata keenya irratti hojechaa jiraachuun ifatti
ba'ee saaxilamee jira.Kanaaf ilmaan Oromoo diina duukaa dhabbachuun
haa ga'u jenna.

4.Jarraa amma geenye keessa yeroo biyyi lafa bineensaaf iyyuu
carraa barnoota kennaa jirtutti Mootummaan abbaa irree EPRDF
baratoota Oromoo badii tokko malee sababa Oromummaa isanii fi sirna
Wayyaaneetti harka hin kennanuu jedhaniif jumlaan barnoota irraa
arii'atama, mana hidhatti guramaa, ajjeefamaa, fi biyya irra
arii'atamuun dararan ilma nama irratti rawwatamuu hin qabne
nurratti rawwatamaa waan jiruuf qabsoo FDG jabeesinee itti fufuu
murteessine, rakkina kana keessas of baasuun Oromiyaa bilisoomtee
fi uummanni keenya hiree isaa murteeffate ofiin akka of buchuuf
qabsoon sochiin warraqsaa dimookisii fi bilisummaa Qeerroon
gaggeessa jiru gabrummaa bardhibbeetti furmata waaraa fi karaa waan
ta'eef fincillee mirga keenya kabachiifachuuf bakka jirru gamtaan
sagalee keenya haa dhageesifannu.

5. Akka guutu Oromiyaatti yeroo amma kanatti qaala'insa jiruuf
jireenyaa fi hojiidhabdummaan ija baasee dargaggoonni Oromoo
dhabbilee barnoota olaanoo akka Yuunibarsiitii fi Kolleejjota
garaagara irra sadarkaa barnoota dipiloomaa hanga Digrii 2ffatti
baratanii hojii dhabdee ta'uun dararama ilmi namaa hin arginee
argaa jiru, sirni EPRDF sirna dabbalee walaalaa fi ogummaa hin
qabneen kan durfamuu waan ta'eef of shakkii angoo irraa ka'uun
beektotaa fi hayyoota Oromoo ogummaa isaniitiin illee lammii
isaanii tajajilanii akka of hin jiraachifneef beektota Oromoo
moggaatti dhiibee, baratoota dargaggoota Oromoo hojii dhabdee
taasiisuun karaa irra taa'ee dargaggeessi akka kadhatuuf saaxilee
jira. Dhugaan kun har'a addunyaa biyya lafaaf ifaadha. Kanaafuu
beektootni fi dargaggoon Oromoo dhaabilee barnoota olaanoo irra
eebbifamuun jiruuf jireenyan dararamaa jirtan dandeetii fi humna
keesaniin qabsoo FDG sochii warraqsaa Qeerroon bilisummaa Oromoo
gaggeessa jirutti gurmuunis ta'ee namtokkee wal ijaaruun harka
wal qabannee sirna walaltotaa fi humna qawween ijaarame kana
diiguun mirga uummataa keenyaa fi bilisummaa keenya haa
kabachiifannuun waamicha keenya.

6.Mootummaan shororkeessaa fi abbaa irree kan ta’e Wayyaaneen humna
afaan qawween aangoo irra kan ture sabaa fi sablammii biyyatti
giddutti ibidda qabsiisuun wal nyaachiisa ofiif fayyadamaa ta'a as
ga'e wantii baay'ee nama ajaa'ibuu sabuma tokkicha Oromoo fi Oromoo
gidduutti illee walitti bu'insa hin jirre qabsiisuun dhiiga wal
dhangalaasisa umrii dheereffate uummatni Oromoo lola Gumuzii fi
Oromoo, Sumalee fi Oromoo, Oromoo fi Bertaa, Oromoo fi Burjii
Oromoo fi Geedi'oo gidduutti Wayyaneen qabsiisa tureen lubbuun
hedduun galaafatame dhiigni dhangala'eera, tokkummaan uummatoota
laafffate Wayyaaneef carraa ta'eera, Mootummaan abbaa irree amma
illee uummata Oromoo Booraanaa fi Gujii saba tokkicha gidduutti
toftaa uummata shororkeessuu fi dhiigaa waldhangalaasiisuu
gaggeessa jira. Ummaanni Oromoo hundi akeeka diina kana irratti
dammaquun uummanni keenya bu'aa xixiqqoo irratti dhiiga
waldhangalasuun carraa diinaaf banuu dhiifnee, diina wal nu
nyaachisaa jiru abbaa irree EPRDF irratti gamtaan qabsaa'uuf ga'een
dargaggootaa fi beektotaa olaanaa ta'uu ni hubachiifna.

7.Qabsoo bilisummaa Oromoo fi kabajamuu mirga Uummata Oromoof itti
gaafatamuummaa guddaa kan of harka qabu numa dargaggoota Oromoo fi
beektoota Oromoo sadarkaa garaa garaa irra jirruu ta'uu jaabessinee
hubachiifna. Goototni ilmaan Oromoo kaleessa utuu hanga kana hin
baay'atiin, hin baratiin, walitti dhiyaatee hin marii'atiin fi
teeknoloojii hin fayyadamiin eenyummaa uummataa keenyaa fi
qabeenyaa Oromoon qabu tiksuun wareegama qaalii lubbuu, lafee itti
cabsee dhiiga irratti cophsee Oromoo fi Oromiyaa har'a kana nu
dhaalchisee utuu diinaaf hin jilbeeffatiin bilisummaa keessanitti
xumura godhadha ofiin of bulchaa jechuun wareegama tilmaama hin
qabne kanfaluun seenaa keessatti bakka olaanaa qabachuun darbaniru.
Nuti dhaloonni har'a itti gaafatama seenaa jalaa of baasuufi qabsoo
bilisummaa gootota keenyaan dhaalchifamnee fi bu'aa qabsoo Oromoo
ta'uu keenya beekuun eenyummaa, abbaa biyyummaa, sabboonummaa, fi
bilisummaa keenya gonfachuuf yoom iyyuu caalaa yeroon gamtaan harka
walqabannee biyya keessaa fi biyyota hambaa garaagaraa keessatti
FDG Qeerroon qabsiisee jiruu jabeessuun wareegama barbachiisa itti
kanfallee bilisummaa keenya mirkaneeffannu amma!! jechuun Hogganni
Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa bakka bu’anii Ebla
2/2014 haala yeroo irratti marii gochuun dhiha Oromiyaa magaalaa
Jimmaa keessatti keessatti Ibsa Ejjennoo walgahii kanaa baaseen
beeksisa.

Injifannoon Uummaata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ebla 2/2014

No comments:

Post a Comment