Monday, August 31, 2015

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Hagayya 27, 2015 Tarkaanfii Diina Irratti Fudhateen 11 Ol Hojiin Ala Godhe

Konkolaataa ORAL Tokkos ZU. Baadhatee Deemu Waliin Daaresse.  Loltootni 9s Tarkaanfii Ummataan Hojii Ala Taasifaman.
Somali-and-Oromo-borderAbdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu tarkaanfii humna diinaa irratti fudhatu jabeessee kan itti fufe oggaa ta’u, Hagayya 27,2015ttis Dhiha Harargee keessaa karaa guddicha Hararii fi Finfinnee walquunnamsiisu naannoo Hirnaa bakka Kaarra Garbuu ykn Hulaa Cufaa jedhamee beekamutti loltoota wayyaanee konkolaataa ORALii meeshaa waraanaa ZU baadhatee deemu waliin turanitti haxii hidhuun tarkaanfii irratti fudhateen 3 ajjeesee 9 ol ammoo madoo taasisuun ORALicha meeshaa isaa waliin guutummaatti barbadeessuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksise.
Tarkaanfii irratti fudhatametti kan aaran loltootni wayyaanee osoo quba qabdanii nutti gabaasuu diddan jechuun namoota nagaa hedduu naannoo tarkaanfiin irratti fudhatametti argaman hidhaa fi hiraarsuu irratti akka argamanis hubachuun danda’ameera.
Oduu gama biraan Hagayya 21,2015 Dhiha Harargee Odaa Bultum keessatti waraana wayyaanee fi ummata gidduutti walitti bu’iinsi akka uumame oduun walqabatee nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Waraanni wayyaanee maqaa WBO sakatta’uun Odaa Bultum keessa bobbaafame ummata nagaan hojjetee jiraatuun WBOn eessa jira, baasaa, isintu qallaba, kan nu rukuchiisus isini ittiin jechuun hiraarsuutti waan bobba’eef ummatni tarkaanfii of ittisuu fudhateen loltoota wayyaanee 4 mancaan akka ciccire oduun SBO dhaqqabe ifa godhee jira. Sababa kanaan abbaa araddaa naannootti argamu dabalatee namootni baay’een hidhamanii jiran.
Walitti bu’iinsi waraana wayyaanee fi ummata gidduutti geggeeffamu kun itti fufuun Hagayya 23,2015ttis Dhiha Harargee Ona Doobbaa Araddaa Madda Xaliilaa jedhamu keessatti humna diinaa dirqama ummata gooluu fudhatee bobba’ee fi ummata gidduutti lolli kan geggeeffame oggaa ta’u, tarkaanfii of ittisuu ummatni fudhateen loltootni wayyaanee 4 oggaa ajjeefaman 1 madeeffamuu oduun arganne ni hubachiisa.
Yeroo ammaa kana kan duraanii caalaatti hammeenyii fi dararaan mootummaan wayyaanee ummata irraan gahu hammaachaa dhufuu irraa bakka hundatti waldiddaan diinaa fi ummata gidduu hidda jabeeffachaa waan dhufeef, ummatni walgurmeessee diinaan loluuf haga bosona seenee WBO cina hiriiruutti akka deemaa jiru oduun Godina Baha Oromiyaa irraa SBO dhaqqabe addeessee jira.

Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku

asxaa_oromoHagayya 31,2015
(Ijoo Dubbii ABO)
Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.
Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate.  Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.
Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.
Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa  hin baraaramne. Sababa beelaan  biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe.
Kufaatii mootummaa Dargiin boodas ummatootni Itophiyaa hiree ofiin of bulchuu, mootummaa ofiif filatan jalatti buluu fi mirgoota dimokraasii gonfachuuf hiree hin arganne. Mootummaa murna bicuu dantaa naannoo keessaa dhalatee qofaaf dursa kennu, saamichaa fi hacuuccaa akeeka godhateen bittaan abbaa irrummaa itti fufuun rakkoon ummatootaa furamuu irra akka hammaatu taasise.
Har’as ummatootni Itophiyaa beelaa fi hiyyummaa jalatti hiraaruu irratti argamu. Hongee bakka adda addaatti yeroo garagaraatti mudataa tureen lammiilee fi qabeenyi ummataa miidhamaa ture. Waggoota 24 dabraniif lammiileen miliyoona afurii olii gargaarsa biyyoota alaa irraa argamuun lubbuu isaanii turfatan. Kun kan tahaa turee fi jiru biyya guddina dijitii lamaa galmeessaa jirti jedhamee ololamuu fi mootummaa dirmokraatawaa fi dantaa ummatootaan dursaa jira jedhee lallabataa jiru keessatti.
Hongee yeroo ammaa naannoolee empaayera Itophiyaa adda addaa keessatti mul’atee jiru kanaan daa’imman hubamaa, ummatootni baqataa fi beeyladni dhumaa jiraachuu ragaleen mul’isan hedduu dha. Haa tahu malee dhumiinsa dhaqqabaa jiru kanaaf mootummaan Wayyaanee ilaalcha gahaa kennuu irra beelli kan hin jirre fakkeessuuf isaa xiqqeessee ibsa kennutu dhaga’ama. Kun ammoo amalaa fi aadaa bittoota Itophiyaa bara dheeraa ti.
Mootummootni Itophiyaa beela ifatti mul’atu addunyaa fi ummatoota irraa dhoksuuf yaalan. Mootummaan ummatoota “guyyaatti marroo sadii akka nyaatan taasisa” jechuun dhaadataa ture kan miliyoonotaan lakkaa’aman wayta nyaata dhabuu irraa gaaga’amanii fi biyyoota ollaatti godaanaa jiran kanatti maqaa isaa tikfatuuf jecha yaaliin dhoksuuf godhu kan gaafachiisuu dha. Lubbuu ummatootaa irraa maqaa fi aangoof dursa kennuun yakka ol aanaa dha.
Sababni beelli empaayera Itophiyaa keessatti deddeedi’ee mul’atuuf beekamaa dha. Mootummaan ummatootaaf dhimmu dhibamuun sababa isa duraa ti. Mootummootni Itophiyaa dantaa kanneen aangoo irra jiranii qofa kan dursan tahuu, ummatni beela’e dandeettii mootummaa dura dhaabbatuu waan hin qabaanneef bittaa isaanii itti fufsiisuuf aanjawaa dha jedhanii waan yaadaniif beela dhabamsiisuu irratti kan hin bobbaane tahuu fi akka madda galiitti kan itti gargaaraman tahuu irraa ummatootni Itophiyaa fi beelli waliin jiraatan.
Rakkoo fi beelli empaayera Itophiyaa keessaa kan dhabamu wayta ummatootni walabummaa fi bilisummaa isaanii gonfatan qofa. Beelli dhabamuuf mootummaan dantaa ummatootaa irra kan murnaa fi matayyaa dursu dhabamuu qaba. Waan taheef rakkoon empaayera Itophiyaa, ummata rakkoo beelaan qabamee jiru beelaa  baasuu qofaan osoo hin taane, gabrummaa fi hacuuccaa jalaa walaboomsuun hongee fi beela deddeebi’ee mul’atu hanqisuuf furmaata isa maayyii ti.

Sunday, August 30, 2015

Ethiopia: The endless suffering of Oromo Nationals continued even after the landmark victory claim of the EPRDF in the election of May 2015

HRLHAHRLHA Urgent Action
For Immediate Release
August 29, 2015
Even though the government of Ethiopia claimed 100% of the victory during the parliamentary election of   May 2015, harassment and intimidation through arbitrary arrests, kidnappings and disappearances of civilians have continued unabated in all corners of the Oromia Regional State under the pretext they voted for opposition parties and  did not give their voice for the EPRDF wing Oromo organization, the Oromo People Democratic Organization (OPDO)
According to HRLHA correspondents in Oromia, the major target areas of these most recent government-sponsored human rights abuse include Bule Hora (Guji zone, Southern Oromia), Dambi Dolo (Western Oromia zone), Western and North Showa Zones (Central Oromia Regional State). According to the report obtained from Oromia, more than two thousand Oromo nationals have been arrested and many have been abducted since the May 2015 election.
In another incident, the Ethiopian federal police arrested over 400 farmers, men and women in the North Showa Zone Warra Jarso district from different communities on the pretext that they harbored rebels who fought against the government. The victims were picked up from their homes and confined in Warra Jarso district administrative offices and different local schools.
Although it has been difficult to identify everyone by their names, HRLHA correspondents have confirmed that the following were among those arrested.
NoNameSexCommunity
1Motuma HordofaMQorqoro Lixu
2Girma AdamuMQorqoro Lixu
3Motuma AddiseMQorqoro Lixu
4Birre MitikeFQorqoro Lixu
5Girma AsefaMQorqoro Lixu
6Dhara GidissaFQorqoro Lixu
7Gizaw BelachewMQorqoro Lixu
8Dama BardassaMQorqoro Lixu
9Tarafu NegasaFQorqoro Lixu
10Dhine AbabawFQorqoro Lixu
11Mergaa Mul’ataMQorqoro Lixu
12Hordofa DofcheMQorqoro Lixu
13Merga  kulkuMQorqoro Lixu
14Merga KababaMQorqoro Lixu
15Ijara ItissaMQorqoro Lixu
16Diribe ShiferawFQorqoro Lixu
17Tabura MergaMQorqoro Lixu
18Birqii hordofaaFTaji Ejerssa
19Habtamu GiddisaMTaji Ejerssa
20Tolera GiddisaMTaji Ejerssa
21Wayya GiddisaMTaji Ejerssa
22Shumi DammaMTaji Ejerssa
23Jorro ShummaMTaji Ejerssa
24Dibabe AddiseFTaji Ejerssa
25Tenagne TolessaFTaji Ejerssa
26Dokku WayaMTaji Ejerssa
27Tagay TalemmaMTaji Ejerssa
28Abate DamisseMTaji Ejerssa
29Tabure HailuFTaji Ejerssa
30Girma LetaMTaji Ejerssa
31Dheressa WammiMTaji Ejerssa
32Dhugassa MengistuMTaji Ejerssa
33Dadhi NagawoMTaji Ejerssa
34Xafa BultoMTaji Ejerssa
35Dinqitu LemiFTaji Ejerssa
35Bulto FayyoMTaji Ejerssa
36,Shiferaw MergaMLattu Walargi
37Bedhadha ShiferawMLattu Walargi
38Shifanu BiraraMLattu Walargi
39Amare NegassaMLattu Walargi
40Takkatu GaredewMLattu Walargi
41Jitu DamuFLattu Walargi
42Kefyalew JirruMLattu Walargi
43Mitiku NegassaMLattu Walargi
All the arrestees are being held incommunicado without food and drink under very poor conditions and many of them have been severely beaten by the federal police- among them, Jarro Shuma has reportedly been seriously injured.
The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) expresses its deep concern over the safety and well-being of these Oromo nationals who have been arrested without any court warrant and are being held at Warra Jarso district administrative offices and in different schools without any food and drink under appalling sanitary conditions. The Ethiopian government has a well-documented record of gross and flagrant violations of human rights, including the torturing of citizens who were suspected of supporting, sympathizing with and/or being members of the opposition political organizations. There have been credible reports of physical and psychological abuses committed against individuals in Ethiopian official prisons and other secret detention centers, including government offices and schools. This is what is happening currently in Warra Jarso District of North Showa Zone of Oromia Regional State.
HRLHA calls upon governments of the West, all local, regional and international human rights agencies to join hands and demand an immediate halt to these extra-judicial actions, and the immediate unconditional  release of the detainees.
RECOMMENDED ACTION: Please send appeals to the Ethiopian Government and its concerned officials as swiftly as possible, in English and Amharic:
  • Indicate your concern regarding the apprehension and fear of torture of the citizens who are being held in different detention centers, including police stations, the infamous Ma’ikelawi Central Investigation Office, and call for their immediate and unconditional release
  • Urge the Ethiopian authorities to ensure that detainees will be treated according to regional and international standards on the treatment of prisoners, and that the whereabouts of the abducted citizens be revealed
Send Your Concerns to:
His Excellency: Mr. Haila Mariam Dessalegn – Prime Minister of Ethiopia
P. O. Box – 1031 Addis Ababa
Telephone – +251 155 20 44; +251 111 32 41
Fax – +251 155, 20, 30 , +251 15520
Office of Oromiya National, Regional State President Office
Telephone –   0115510455
Office of the Ministry of Justice of Ethiopia
PO Box 1370, Addis Ababa, Ethiopia Fax: +251 11 5517775; +251 11 5520874 Email: ministry-justice@telecom.net.et
Copied To:
Office of the UN High Commissioner for Human Rights
United Nations Office at Geneva 1211 Geneva 10, Switzerland Fax: + 41 22 917 9022 (particularly for urgent matters) E-mail: tb-petitions@ohchr.org . This e-mail address is being protected from spambots.
You
African Commission on Human and Peoples‘ Rights (ACHPR)
48 Kairaba Avenue, P. O. Box 673, Banjul, The Gambia.
Tel: (220) 4392, 962 , 4372070, 4377721 – 23 Fax: (220) 4390 764
E-mail: achpr@achpr.org
Office of the Commissioner for Human Rights
Council of Europe
F-67075 Strasbourg Cedex, FRANCE
+ 33 (0)3 88 41 34 21
+ 33 (0)3 90 21 50 53
U.S. Department of State
– Short Echalar Julie A
shortJA@state.gov
– Trim, Vernelle X
Ethiopian desk officer
trimvx@state.gov
Ø Amnesty International – London
Claire Beston
Claire Beston” ,
Ø Human Rights Watch
“Felix Horne

Saturday, August 29, 2015

Hagayya 28 Bara 2015 Waranni Mootummaa Wayyaanee Godina Wallagga Magaalaa Naqamtee Keessa Qubsiifaman Uummata Nagaa Irratti Dhukaasa Banuun Oromoota 2 Yeroo Ajjeessan Garii Madeessuu Qerroon Gabaase

“Oromoon Mootummaa Mataa Isaa kan Nageenya Biyyaa Tiksu Dhabuun Miidhaa Nitti Heddummeessaa Jira” Jedhu jiraattoti Naqamtee.
warana wayyaane uummata goola jiru
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF ofiin jedhu uummata Oromoo garaa lafina tokko malee lafarraa duguuga kan jiru yakka sukkaneessaa fi gara jabinaan guutameen ilmaan Oromoo magaalaa Naqemtee keessa jiraachaa jiran Obboleeyyaan lamaan
1. Dargaggoo Faasil Daamxoo hojii konkolachisummaan kan of jiraachisuu rasaasaan reebamee ajjeefame. fi
2. Obbaa Dajanee Daamxoo waggaa tokko dura biyyaa hambaa jiraachaa ture kan gara biyyatti deebi’e biyya abbaa isaa keessatti rasaasaan reebamee yeroo amma kana Hospitaal Black Lion Finfinnee ciisee du’aaf jireenya gidduutti kan argamu yoo ta’u,
3. Namni yeroof maqaan isaa nu hin qaqqabiin tokkos rasasa loltoota Wayyaanee kanaan rukkutamee hospitaaluma kanatti kan argamu ta’uun Ibsamera.
Dargaggoo Faasil Daamxoo rasaasa humna waraanaa Wayyaanee EPRDFn akka malee reebamee ajjeefame. Gochaan suukaneessaan kun yeroo tokkoof lama utuu hin ta’iin haala wal fakkaatuun yeroo garaagaraatti uummata Oromoo irratti bakkoota garaagaraatti haala walfakkatuun rawwachaa kan jiru ta’uun beekamadha.
Tarkaanfiin hammeenyaa magaalaa Neqemtee keessatti rawwate kunis caalmaatti uummata Oromoo fi uummata magaalaa Neqemtee keessa jiraatu kan dheekkamsiisaa jiru ta’uun ibsame jira. Sabboontotni fi beektootni Oromoo magaalaa neqemtee keessatti argaman Mootummaa mataa keenyaa fi bakka nu bu’u dhabuun yeroo irraa gara yerootti uummaatni keenya akka ajjeefamuu fi yakki garaa jabeenyaan guutame fi jibbinsa sanyii qabu akka nurratti raawwatu ta’ee jira jechuun sagalee dheekkamsaa dhageesisan.
Hagayyaa 28,2015 guyyaa har’aa Barattootni yeroo gannaa mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa irraa barachaa jiran roorroo ulfaataa uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru ajjeechaa uummataa sivilii irratti rawwachaa jiru, fi hoomaa Waraanaan egamaa jiraachuu fi yakka waranni Wayyaanee rawwachaa jiruu fi qabinsa mirgaa mooraan Yuunivarsiitii Wallaggaa gochaa jiruu illee abbaa irrummaa wayyaanee calaqisiisa jechuun sagalee mormii dhageesisuu egaluun FDG ka’e, yeroo ammas mooraan Yuunibarsiitii wallaggaa waraana wayyaaneetiin eegamaa jiraachuun gabaafame jira.
Rakkoowwaan haala waliigalaan uummata Oromoo irratti rawwatamaa jiru kanaaf furmaatni guddaan uummatni keenyaa irree tokkoon harka walqabatnee ka’uun mirga keenyaaf falmannee yakka ajjeechaa of irraa dhaabuu qabna jechuun dhaammatan.

Friday, August 28, 2015

How the United States Makes Corruption in Africa Worse

August 28, 2015 EthiopiaHorn of Africa
Citing corruption and bribery as major reasons for the increase in IFF, the Global financial report, which had illustrated data from World Bank and the International Monetary Fund showed that Ethiopia had lost 11.7 billion dollars in illegal financial out flow between 2000 and 2009. Similarly, the UNDP report had shown that Ethiopia had lost 8.3 billion dollars from 1990 to 2008 representing 3.6 pc of its GDP.
Citing corruption and bribery as major reasons for the increase in IFF, the Global financial report, which had illustrated data from World Bank and the International Monetary Fund showed that Ethiopia had lost 11.7 billion dollars in illegal financial out flow between 2000 and 2009. Similarly, the UNDP report had shown that Ethiopia had lost 8.3 billion dollars from 1990 to 2008 representing 3.6 pc of its GDP.
(Open Society Foundation) — A year ago, the United States banded together with African governments to stop criminals and corrupt officials from evading taxes and stealing public funds. But already, that effort is floundering.
Since August 2014, when President Obama and African leaders from more than 40 countries announced the Partnership on Illicit Finance at the U.S.–Africa Leaders Summit in Washington, D.C., little has been done to improve financial transparency and address other forms of corruption.
By agreeing to join the partnership, countries committed to developing a plan of action to improve transparency, foster accountability, and stem corruption. So far only Burkina Faso, Mauritius, Liberia, Niger, and Senegal have joined and promised to develop such a plan by year’s end. Kenya also joined during President Obama’s trip there last month.
There have been a few encouraging signs. African presidents endorsed thereport produced by the African Union High-Level Panel on Illicit Financial Flows and its recommendations in January. And the partnership countries met last month in Senegal to begin their work (though they may have merely used the meeting to “reaffirm their comitment to the issue,” as the U.S. ambassador put it).
Concrete progress on illicit financial flows is still lacking. Just days after Kenya joined the partnership, an audit revealed that only one percent of its national budget is spent effectively and legally. According to the African Union report and the United Nations Economic Commission for Africa, Africa loses more than $50 billion every year to illicit financial flows. All in all, over the past 50 years, the continent has lost more than $1 trillion to corruption—roughly the amount of development assistance Africa received during the same period.
study by Global Financial Integrity, an organization that works to curtail illicit financial flows, found that today such losses outpace development assistance at a rate of at least two to one. In fact, after accounting for legitimate and illegitimate financial flows—including investment, remittances, debt forgiveness, and natural resource exports—Africa is a net creditor to the world.
The loss of these funds has had a tremendously detrimental effect on good governance, economic development, and the well-being of African citizens. Money that is illegally earned or transferred cultivates corruption, diverts funds from needed educational and development programs, and facilitates transnational organized crime such as drug trafficking, money laundering, and terrorism.
While in Ethiopia, Obama said that corruption “is not just a problem of Africa, it is a problem of those who do business with Africa.” Indeed, many of the funds illicitly and illegally earned in Africa end up in the United States, where criminals create anonymous shell companies to hide their money and avoid prosecution.
That’s partly because it is easier to create an anonymous shell company to launder illicit funds in the United States [PDF] than in almost any other country in the world. The United States often facilitates illicit financial flows because its financial system’s loose regulations and lack of transparency allow criminals to hide assets from authorities.
There are multiple steps the U.S. government can take to address illicit financial flows by promoting transparent and accountable practices in both the public and private sectors.
First, it should create a public registry of information identifying the people who own and profit from anonymous shell companies to make it more difficult for drug dealers, terrorists, and corrupt government officials to hide their money in the United States.
Second, it can strengthen multilateral rules on taxation to clamp down on common corrupt practices such as deceiving customs authorities and hiding profits. This could include supporting the creation of a UN body that would establish rules against tax avoidance and evasion by multinational corporations, or entering information-exchange agreements that would help tax officials better detect incidents of corrupt practices.
Finally, it can help recover African assets that have illegally ended up in the United States and prosecute perpetrators of corrupt practices. Improving policies in these areas will help to ensure that African citizens can benefit from the funds that rightfully belong to them.
Many Open Society Foundations grantees—including Global Witness, the Natural Resource Governance Institute, and the Publish What You Pay global coalition and its national chapters—are longtime leaders in efforts to combat corruption and stop the flow of illicit gains into the U.S. economy. For more than a decade, Open Society has worked with its grantees and partners to ensure that public resources are used efficiently, effectively, and accountably to benefit those who need them most.
Last year, in partnership with these and other organizations, the Open Society Foundations hosted a high-level panel discussion focusing on ways to improve fiscal and financial transparency and accountability in Africa. The event kicked off discussions about how U.S. and African partners could build on the commitments made during the summit to achieve real progress in reducing the flow of ill-gotten gains from Africa.
The United States can do more to live up to the commitments it made a year ago. The U.S.–Africa Leaders Summit provided an opportunity for U.S. and African partners to develop solutions to some of the complex problems facing the African continent. While some progress has been made, U.S. and African governments must remain focused on solutions to corruption so that all can benefit from better governance and economic growth.

Ethiopia: African Panel Ranks Ethiopia Top 10 in Illicit Financial Flow

(All Africa) — African Union’s (AU) high level panel on illicit financial flows (IFF) from Africa ranked Ethiopia ninth from the top 10 African countries with high illicit financial flows from 1970 to 2008 next to Côte d’Ivoire and Sudan.
The panel, which was chaired by Thabo Mbeki, former South African president and comprised nine other members, released its report at Hilton Hotel on February 1, 2015.
The high level panel is the first African initiative mandated to be established after the fourth joint annual meeting of the AU/ECA conference of ministers of finance, planning and economic development adopted a resolution to establish the level of IFF from the continent, to asses its long term impacts and to propose policies in reversing the illegal outflows.