Saturday, April 19, 2014

GGO Ebla 15,2014, Qo annoo Qaamolee Haqa a fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa Irra a

Leenjitoota Inistitiyuutii Qoannoo Qaamolee Haqaa fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa,magaalaa Adaamatti Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014 kabajameen dhaamsaa fi ejjennoolee armaa gadiin dhiheessan!
Leenjitotni Qaamolee Haqaa fi Abbaa Seeraa Oromiyaa Magaala Adaama keessa jirruu Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irraa eegallee haala ho’aani fi sirnaan, yaadannoo guyyaa gootota keenyaa kabajnee oollerra.Guyyaan kun guyyaa xurree haqaa ta’uu fi guyyaa tokkummaan saba keenyaa daran akka itti fufuuf, goototni keenyaa wareegama hadhaawaa kaffalan waan ta’eef yoomuu onnee keenyaa keessaa akka hin badnee ta’uu hubannee,guyyaa kana haala addan yaadannee oollerra.Goototni keenyaa kun jiraachuu keenya har’aa,dagaagina biyyaa keenyaa gara fuuldura,tokkummaa saba keenyaaf hundee waanta’aniif,kabajaa fi ulfinni bara baraa isaaniif haa ta’uu jenna.Guyyaa har’aa yeroo gootota keenyaa yaadannoo imaanaa isaan nuf kaa’anii fi kaayyoo isaan manaa ba’anii gammoojjitti hafani fuulduratti deemsisuun dirqama sabummaa keenyaa ta’uu hubanna.waadaa hin hin jijjiramnees ni seenna.
Ittii aansuun haala kabaja keenyaa fi mariiwwaan garaagara guyyaa kana ta’ee akka armaan gadiin sinif dhiyeessa.
Akkuma aadaa keenyaa marii keenyaa eebbaa jaarsa Qeerroon bananne.Ajaandaan marii keenyaa;
1,Tooftaa QBO fi FDG ittiin deemamuu qabu fi dhalataan har’aa jiru ittiin deemamuu qaban,
2. Haala deemsi QBO ittin deemaa jiruu fi sadarkaa(level) diinni ittiin saba keenyaa hacuucaa jiru wal madaala deemaa jiramoo? Diinatu nu caala saffisaan hojjetaa jiramoo nutu caala socho’aa jiraa kan jedhu irratti gamaggama adeemsaa irratti marii dheeraa goonee jirra,
3. Sochii mootummaan biyyaa keenyaa irratti raawata jiruu,haala itti nafxanyaan socho’aa jirtuu fi ilaalcha dargaggoota keessaa jiruu,
4. Furmaata fi haala itti furmaatni sun galma gahu balinan mari’achuun dabarsine,
Rakkoowwaan armaan duraa kana irratti furmaatni fi ejjennoowwan miseensonni keenya fudhatan haala armaangadii ta’aa.
A. Akkaa haal-dureetti qabsoon furmaata rakkoo kana ta’uu hubannee kaayyoo gootota keenya fiixaan ni baafna.
B.Madaalli ykn saffisni diinni ittin deema jiruu fi haala sochiin dargaggota oromoo ittiin deema jirru waan wali hin gitneef sochiin keenyaa dachaadhaan akka itti fufuu qabuf dirqama keenyaa ni baana.
C.Dhaaba furmaata kanaa ta’ee ABO fi WBO keenya dandeettii,humna,beekumsa,dinagdee qabnuun gadi ni utubna.
D.Ummata keenyaaf hubannoo FDG fi kallatti qabsoon keenya ittiin galma ga’uu qabu gorsuu fi kakaasuu hojii keenyaa guddaa ta’uu qaba jenna.
E.FDG yeroo amma magaalota keenyaa tokko tokko fi mooraa barnootaa garaagaraa keessatti ta’aa jiru haalan bira ni dhaabanna ni jajjabessina,waan nurraa eegamus ni baana.
F.Lammiwwaan keenyaa ijaaruun qabsoof of qopheesun furmaata waanta’eef guyyaa kana jalqabnee ummata keenyaa ijaaruutti deemuu akka qabnu fi sochoosuu qabnu jenna.
G.Callisuun,obsa baay’isuun,maaltu na galche jechuun, taa’ani rakkina faarsuun fi quba namatti qabun gowwummaa ta’uu fi bilisummaa namaf fiduu akka hin dandeenye hubannee tokko tokkoon keenyaa waanta nurraa eegamu gochuun dirqama sabummaati jenna.
H.Yeroo ammatti diinni garaagara tooftaa fi daandii jijjiratee hamlee nu dadhabsuu fi tokkummaa keenyaa diiguuf haalan socho’aa jiru hubanne of qopheessuu qabna jenna. kabajni fi ulfinni gootota keenyaaf , akkasuma dhaaba keenya ABOf haa ta’uu jenna.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qoannoo Qaamolee Haqaa fi
Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa !!
GGO Ebla 15,2014
Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014

No comments:

Post a Comment