Monday, April 14, 2014

Yuniversitii Jimmaa keessatti qaanqeen FDG bifa qindawaan haaratti qabate! Barruun Habashooti ittiin Oromoo arrabsan guutummaatti gubate!

 Goototni Qeerroon Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma FDG dhoowosan. Goottootni barattootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haala qindaaaa fi bifa haarawaan qaanqee FDG qabsiisuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo,Gaaffii Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jala galuu qaba jedhuu fi Adeemsii Magaalaawan Oromiyaa Finfinnee fi Federala jala galchuuf mootummaan EPRDF hojjechaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi gocha sanyuummaa irratti hundaaeen barruu maxxansa ilmaan nafxanyaa maxxansuun Oromoo maqaa xureessa, xiqqeessa fi haamilee tuqaa jiran seeratti dhiyaachuu qabu, manni maxxansaa nafxanyootaa kun cufamuu qaba kan jedhuu fi haala siyaasa biyyatti ilaalchisuun barreeffaman qindeessuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti kennuun deebiin gaaffii keenyaa yeroo gabaaba keessatti nuuf deebiuu qaba jechuun ; garagalcha Iyyannoo isanii bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaaf, Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi dhimmoota nageenyaa Oromiyaaf, bulchiinsa godina Jimmaaf, koomishinii Pooliisii Godina Jimmaaf, Uummata Oromoo hundaaf, Dhaabbilee mirgoota namummaa Idil addunyaaf, Afrikaa fi biyyatti hundaaf jechuun garagalcha gochuun warraaqsaa FDG haalan qindaaaa taee gaggeessan.
Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa yeroodhuma FDG seenaa qabeessa kana dhoowosanitti barruulee nafxanyaan diinummaa uummata Oromoo irra qabuuf arrabsoo fi dhaadhessa maqaa balleessii irratti rawwachuun maxxansa hinquun lakk.113 bitootessa 2014 baase library Yuunibarsiitii Jimma fi Magaalaa Jimmaa keessa walitti qabuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kessatti ibiddan gubuun bulchiinsi yuunibarsiitii Jimmaa gochaa seeraan alaa fi yakka nurratti dalagamee kana library gachuun caalmatti dhiigni keenya akka danfuu godheef itti nuf haa gaafatamu jechuun dhaadannoowwaan garaagaraa dhageesisuun seenaa qabsoo FDG dargaggoota Oromoo keessatti boqonnaa haaraawaa banuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsan.

No comments:

Post a Comment