Hiree MurteeffannaaMallattoo Ormaa dhaadhessaa
Kan ofii hadheessaa
Yookaan sodaadhaan dhodhoksaa
Hanga yoomiitti faarsina
Faajjii alagaa hafarsina?
Magariisa,  diimaa, keelloo
Qabannee hin sirbinu gelloo
Kun mallattookoo ittiin jettee
Hin dalaginkaa ateetee!
Imimmaan ofirra roobsaa
Alaabaa habashaa faarsaa
Maafan kan kiyyammoo dhoksaa?
Gootakoof yeroon weeddisu
Ayyanas yeroon waa baasu
Faajjii jaraa ol hin kaasu!
Jiraa bar kan abbaa gadaa
Inni walakkaansaa odaa
Gubbaasaarraan kan gurraacha
Diimaa, adii kan Oromtichaa
Oromtittii lammii Oromoo
Isaol kaasna yaa qomoo!
Moggaa lamaan diimaa biluu
Dhiiga warra bosona jiruu
Walakkaarraan magariisa
Sabboonummaa agarsiisa
Handhuurasaarratti aduu
Abdii waan bor nu fayyaduu
Walakkaarrattimmoo Odaa
Gaaddisa Oromoof qoodaa
Utuu qabnuu maa faarsina
Alaabaa habashaaf boonya
Keenyaafuu baay’eetu kufee
Salphaan mitii dhiigaan dhufee
Nu hin ibsu kan habashootaa
Dhaga’aa yaa qotee bulaa
Dhaga’aa yaa barattootaa!
Hubadhu atis atileetii
Kan baattu sun kan kee mitii
Hunduu hubadhaa ilaalaa
Warri biyya keessaaf alaa
Alaabaan Odaan faayyamee
Dirree qabsootti fandhifamee
Hundumtuu hawwiidhaan eegu
Kan WABO hundi yaa beeku
Haa kabajnu isa kan keenyaa
Muldhisnee tokkummaa keenya
Haa lagannu kan dhidhiittaa
Mallattoo cunqursaaf bittaa!
Kan Abbaa Gadaa fandhisi
Faajjii sirna Diimokiraasii!
Alaabaa biyya Oromoo
Keessoo onnee dhiigaaf qomoo!