Friday, April 25, 2014

Haromayyaa Yuuniversitii Keessatti FDG itti fufe! Barattooti Magaalaa Keessa Deemuun Dhadatnoo Dhageessisan!

Gaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen 1. Oromiyaan lafa Oromooti. 2. Buraayyuun kan Oromiyaati. 3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati 4. Sabbataan keenya 5. Biyya keenya Murree hin kenninu 6. Galaan Kan Oromiyaati. 7. Finfinneen handuura Oromiyaati. 8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu 9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman 10. Bilisummaa barbaadna 11. Oromia Shall be free 12. Oromo need freedom 13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu 14. Siidaan Minilik haa buqqa’u 15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu 16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata 17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu 18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu 19. Qotee bulaaf iyyina 20. Barataa Oromoof iyyina 21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu 22. Baqattummaan haa dhaabbatu Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran. Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran

No comments:

Post a Comment