Monday, May 30, 2016

Sochii Fincila Xumura Gabrummaa dhaabuuf kan Taankiin dadhabe,” Ye Selaam Hayil” bakkaan gahuu hin danda’u

Leelloo Sabaa irraa
qeerrooFincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa mara keessatti akka abida bonaa belbelaa jiru, mootummaa wayyaanee fi sirna gabarummaa Impaayera Ixoophiyaa hundee irraa raasee rifatuu hamaa keessaa galchee akka jiru, ummata Oromoo fi amba biratti ifatti beekameetu jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaatti, ammaan tana, gootummaa seenaa qabsoo ummattoota addunyaa keessatti argamee hin beekne garsiisuun, mirga akka seera: Waaqaatti, uumaatti, addunyaatti fi seenaan qabu  deebifatee abbaa biyya isaa Oromiyaa fi abbaa qabeenyaa Oromiyaa ta’uuf  falmaa hadhooytuu geggeessaa jira. Falmaa haqaa fi seeraa ummatni Oromoo geggeessaa jiru kana dhabamsiisuuf, waraana hanga funyaaniitti hidhate fi sirnichaaf guddoo amanamaa ta’e ummata Oromoo irratti yoo babbaase iyyuu, mootummaan Wayyaanee fincila Xumura Gabrummaa ummata Oromoo cabsuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa jaarraa tokko oliif deemaa jiru, amina inni gara galma isaatti godhaa jiru irraa dhaabuu hin dandeenye. Fincila ummata Oromoo dhaabuuf, ololli daangaa hin qabne irratti oofamu illee, akkasumas, gorsitooti fi leenjistooti biyya ambaa doolora miliyoona hedduun bitamanii irratti yoo duulchifaman illee,  mootummaan Wayyaanee, Warraaqsa Xumura Gabrummaa golee Oromiyaa mara keessatti deemaa jiru injifachuu hin dandeenye.
Taankii, olola, gorsitoota fi oggessota farra bilisummaa fi dimookraasii biyya ambaa irraa bitatee itti fayyadamu illee,  milkaahuu kan hin dandeenye mootummaan Wayyaanee, ammaan tana, tarkaanfii abdii kutannaa fi kan dhumaa fudhachaa jira. Haala kanaan: barsiisota, barattoota, manguddoota, matooti amantii adda addaa fi maatota barattootaa Oromoo keessaa garii: hidhaa, ajjeechaa fi saamichaan sodaachisee  “Ye Selaam Hayil” ykn “humna nageenyaa” jechuun ijaaree barattoota fi qeerroo bilisummaa Oromoo irratti duulchiisuuf karoorfatee jira. Dirqammi qaama kanaa: “Barnooti bilisummaa booda” jechuun fincila barattooti Oromoo geggeessaa jiran cabsuuf barattoota dirqanii mana barnootaatti deebisuu, barattoota: imaammata Wayyaanee, dhiitama mirga dhala namoomaa  Wayyaaneen ummata Oromoo irraan gahaa jirtu fi saamicha dachii ykn lafa Oromoo irratti geggeeffamaa jiru  morman  basaasuu fi dabarsanii Tigrootatti kennuu, akkasumas, Investment Tigrootaa naannoo isaanitti argamu, baasii mataa isaaniitiin tiksuu dha.Karoorri Tigrootaa fi OPDO kun, Oromoo fi Oromoo, abbaa fi ilma,manguddootaa fi qeerroo Oromoo, akkasumas, barattootaa fi barsiisota, amantootaa fi matooti amantii  Oromoo gargar qooduu fi  wal rukuchiisuun Fincila Xumura Gabrummaa gara galii isaatti fiigaa jiru dura dhaabbachuun umurii :cunqursaa, saamichaa, ajjeechaa fi hidhaa Oromiyaa fi Oromoo irratti dheereffachuufi. OPDO irraa abdii kutachuudhaan, shirri haarayaan bifa kanaan ummata Oromoo irratti xaxamaa jiru kun,akeeka hundee, kan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa  gufachiisuuf akka ta’e ifatti beekamuu qaba.
Kanaaf, “Ye Selaam Hayil” ykn “humna nageenyaa” jechuun  baadiyaa Oromiyaa mara  keessatti ,jaarmaa cubbuu fi hammeenyaa  Tigrooti fi OPDO’n ijaaruuf sochii irra jiran kun, dhiitama mirga dhala namoomaa ummata Oromoo irratti raawwachuuf qofa osoo hin taane, Oromoo fi Oromoo wal irratti duulchisuun Oromoon  yakka akka  wal irratti hojjetuuf shira xaxame ta’uu beekne, karoora sheexanaa kana balaaleffatuu, hammenya isaa walbarsiisuun ummatni Oromoo akka irraa hin hirmaanne godhuun fashalsiisuu qabna. Arma duras, shira Wayyaanee hedduu kukkutnee tokkummaa keenya tikfannee waan har’a geenyeef, cubbuu fi hammeenya haarayaa maqaa “Ye Selaam Hayil” jedhuun Wayyaaneen ummata Oromoo irratti xaxaa jirtu kana irratti dammaqnee billaa nuuf qarame kana doomsuun tokkummaa keenya haa tikfannu. Akeekni bu’uraa “Ye Selaam Hayil” kaayyoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa dura dhaabbachuun Oromoo irratti: ajjeechaa, hidhaa fi saamicha wayyaanee itti fufsiisuu waan ta’eef, shira kana fashalsiifnee akeeka Fincila Xumura Gabrummaa bakkaan gahuuf sochii baatilee torban darbeef  tokkummaadhaan geggeessaa jiru daran cimsinee itti haa fufnu. Walabummaan, bilisummaan, kabajaan mirga dhala namoomaa Oromoo, nagaan, badhaadhinni fi gammachuun Oromoo,kufaatii sirni gabroomfataa Wayyaanee fi  Walabummaa Oromiyaa qofaan mirkanaawa waan ta’eef, gufuulee Wayyaaneen karaa bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa duratti darbuuf carraaqxu hunda :tokkummaa, gootummaa fi morannoo wareegamtoota keenya irraa dhaaleen haa fashalsiifnu. Karoorri cubbuu fi hammeenyaa inni ummata Oromoo irratti baafate, akkuma arma duraa, ammas bakka gahuu akka hin dandeenye beekee, mootummaan Wayyaanee, karaa nagaan Oromiyaa gadi dhiisee bahuu ykn awwaala isaa qotatuu keessaa yeroo inni itti filatu har’a.
Injifatnoon Ummata Oromoof !

Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif Barattoota Kutaa 12ffaa Kennamuu Egaale Labsii Mootummaan Addan Citee Jira

Caamsaa 30,2016 Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif barattoota kutaa 12ffaa kennamuu egaalee Addan Citee jira ,Warraaqsii FXG kallattii hundaan itti fufe!! Qormaatni Kutaa 12ffaa kun Barattootni Oromoo utuu hin baratiin akka Qoraman waraanaan dirqisiifamuun wal qabatee sabboontootni fi hayyootni Oromoo Qormaatni utuu barattootni oromoo hin baratiin kennamu kun haqamuu qaba jechuun qormaatni utuu hin eegalamiin qormaatichaa fi deebii qormaatichaa marsaalee social media irran facaasuun qormaatichi guutummaatti addaan cite jira. Qormaatni kutaa 12ffaa kun barattootni oromoo torbee Tokkoof illee daree barnootaa nagaan seenaanii ta’aanii utuu hin baratiin dirqamaan qormaata kutaa 12ffaa akka fudhataan waraana agaaziin dirqisiifamuun wal qabatee Qorumsichi Qormaata seera qabeessaa utuu hin Ta’iin ta’ee jedhamee Barattoota Oromoo Ittin Kuffisuuf kan yaadame ta’uu irraa ,Sabboontootni Beektootni Oromoo fi hayyootni shira diinaa kanarratti dammaquun Qoramatichi utuu hin eegaliin marsaalee Social media irraan tamsaasuu fi deebii qormaaticha hojjechuun medialee irra facaasuun Qormaataa mootummaan Abbaa irree afaan Qawween dirqisiisee Barattoota oromoo ittin kuffisuufii bay’ina barattoota Oromoo Dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii seenuu danda’ani gadi xiqqeessuun ittin saba Oromoo miidhuuf karoorfatee fashaleessan Qormaatni kutaa 12ffaa Kun Guutummaatti saaxilamee Dirree Social midea Cufaa Uwwisee waan jiruuf Yeroo amma kanatti Abbaan irree wayyaanee Qawwee fi Waraanaan oromiyaa qabee jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluub Qormaaticha akka Guutummaa Biyyattiitti kennuu eegalee jiruu Addaan kutee jiraachuun baramee jira. Murtii Qormaata biyyooleessa kutaa 12ffaa ilaalchisuun kennamu jala buunee kan gabaafnu ta’uu isin hubachiifna!!

Friday, May 27, 2016

Barumsi Caaluu Muxxannoo irraa Argama:

Damee Boruu irraa
imagesTorban darban lamaan dura olola Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti baname dhaamsuuf qaamne Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsa bifa adda addaan kennuun ni yaadata. Ibsa kenname kana keessa tokko miseensi  QBO akkaataa qeerroon itti ijaarame, miseensa  koree jiddhuu meeqa akka qabaachaa ture, meeqa akka hidhamanii fi meeqaa akka  jiran ibsuudhaan ibda isanitti qabate akka dhaamu yaallii guddaa godheera. Yaroon ibsa isaa kana dhaga’u qaama kootu na sooka’e.
Warra Qeerroo irratti ka’e kana ibsi quubsuu fi gammachiisu danda’u tokko illee akka hin jirree Qeerron Bilisummaa Oromoo hubachuu kan dhabaniif  muxxannoo siyaasaa Oromoo ala (diaspora) kana waan hin qabneef. Anaa haa dhufu! Baga kunoo isinis siyaasaa Oromoo biyya alaa kanatti dhuftan. Gara wagaa afurtmaa oliif namni Oromoo ala jiru siyaasaa kana fakkaatuun yaroo isaa dabrse.  Internetiin yaroo ormi ittiin of ijaaree, of gurmeessee , ittiin humnaa fi horii horate: namni Oromoo, dhoqqee wal dibuudhaan , maqaa wal xxurreessee, wal ajjeesee , harki guddaan nama  irraa baqatee jiereenya namumaa isaa qofumaa akka hordofaa jiraatu godhee jira.
Akka hawwii fi ilaalcha  uummata Oromoo biyyaa keessatti diinaan okkamamee bokkee taa’utti Oromoon ala jiru ijaaramee kan bilisa isaan baasuu itti fakkaachuun ni mala. Namni biyyaa keessaa jiru isa alaa abdiin akka eegachaa ture hin dhagaama. Garuu, Oromoon ala jiru kun diina caalaa wal irratti boba’ee wal daakkuu fi wal balleessuu irratti yaroo isaa balleessa malee waa’ee diina Oromoo isaa duraa kan tahe TPLF irratti warri xiyyeefatu xiqqoo dha. Nama biyya jiruuf, keessaattuu namni ala jiru kun waan baratee beekumsa guddaa qabu itti fakkaata. Kan ala jiru kun irra guddaan isaa barataa utuu hin taaane baqataa dha. Irraa guddaan kan biyyaa baheef jireenya foyyaa argachuuf. Warri du’aa fi hidhaa baqaatee ykn qabsoo uummata Oromoo irraa qooda fudhachuuf bahe baayyee xiqqaa dha.
Warra baratan keessa amma danda’an qabsoo uummata Oromoof gummachuuf jireenya isaanii guutuu war badadan jiru.Warri kun ololi isaan irratti oofamus, dakkaan itti darbamuus hin duutu jedhanii doorsisamaniis warra of booda hin jenne muratoota. Utuu warri murannoo akkana qaban hin jiraannee silaa har’a kaayyoon bilisummaa saba keennya ni qaqallata. Garuu irraa guddaan warra baratee maal godha yoo jenne waggatti yaroo tokko walitti dhufanii  akkaataa itti qotanii fi horii horsiisan  hasa’u.  Utuu barumsi isaanii kun uummata keenya qotee fi horii horiisee jiratuuf kan darbu tahee bu’aa guddaa qaba.  Garuu biyyaa ala kana keessaatti namni qotuu fi horii horssiisu waan hin jirreef ufumaa waan barabtan walitti himuuf malee ala kanatti bu’aan isaa xiqqaa dha.
Maaliif warri baratee kun walii galtee tokkoon mootummaa TPLF kan uummata Oromoo lafa irraa duguugaa jiru kana irratti qabsoo xiyyeefachuu dadhabe ?, jennee yaaduun ni mala. Sababni isaa hedduu dha. Baayyee wal madeessee jira. Wal sodaata , wal hin ammanu. Irraa guddaan isaa dhaabbii hin qabu. Gara humni jabaateetti akka” fincaan itillee irraa gagalagalaa” bula.  Bakkaa har’a jiru boru hin jiru. Kaayyoo ittiin bulu hin qabu.  Yaroo barbaade biyyatti deebi’ee  mootummaa TPLF wajjiin investmentii godha. Yaroo barbaadu immoo itti gaaffatamaa ijaarsota Oromoo of mogaasa. Warrii Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa kennuuf baayyeen isaanii warra  haaduu qara lamaa Kana. Utuu Qeerroon bilisummaa Oromoo dadaffiin ijifannoo agarsiisee jiraate wajjin tahanii waan argatan butachuu irraa booda hin jedhan. Yoo qabsoon kun kan dheeratu tahe garuu harca’aadhuma TPLF isaanii wayya. Kanaafuu ija qeerrootti biyyii naqanii gara isaaniif bu’aa qabuu TPLF deemuu filatu.
Waan adda baafnee fageessinee waa’ee saba keenyaa hubachuu qabnutu jira.  Dhalootni qubee biyyaa Oromiyaa jedhamtu keessatti dhalatanii guddatan.  Akka Oromotti waliin dhibamanii, waliin dhiitamanii tufattamanii guddatan. Waliin saamaniin, waliin hidhamanii, waliin waxxalamanii  kabajaa saba isaaniif jecha waliin dhiiga isaanii lolaasanii as gahan. Haalli kun Sab –boonummaa oloaa fi sobni hin diignee dhaloota kana keessatti uummee jira.Tokkummaa fi iccittiin Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka sibilaa jabaatu haala kana keessa madde. Diinni Uummata Oromoo isa duraa kan tahe Mootummaan TPLF kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo cabsuu dadhabeefis  sababni guddaan kana jedheen amana. Dammaqnsi, ogguummaa fi beeksuumsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ol aantummaa akka qabu illee dagachaa hin jiru. Kabajaa guddaan qabaafis.
Karaa biraa diinni keenya uummata keenya  bara dheeraa bituuf tooftaan itti gargaarame ture naannoo fi amantiin gargars baasuudhaani.Tooftaan kun bara dheeraa hojjeteef jira. Haalli naannoo fi ammantiin Oromoota  gargar baasuun dhaloota qubee keessatti hin hojjennetu.  Namootni ala jiran dhaloota qubee hin waan taaneef ammallii adda addaa keessatti mul’atu hojii ijaarsaa fi tokkummaan ka’uuf gufuu  guddaa tahaa jira.  Namnotni mootummaan TPLF horii itti dhagalaasee basaasummaa irratti boba’anii jiran uttu maalummaan isaanii beekamuu  warri maqaa naannoon ammatanii taa’an jiru. Basaastonni akka humni Oromoo hin jabaannee  Oromoota jiddutti ololaa fi gargar tamsaasaa, qaawwaa argatan hundaan nu keessa seenanii qabsoo saba keenyaa booreessuuf tattaaffachaa , oduu argatan maraa  gara mootummaa TPLF dabrsu.
Sababani inni guddaan ABO takkalamee jiru keessaa tokkoo dhugaan dhabamuu. Ijaarsa tokko keessatti namni kaayyoonis tahe tooftaan adda  tahuun wanuma jiru. Ijaarsi tokko yoo hin hojjetu tahe irraa bahanii kan hojjechuu danda’u ijaaranii qabsoo fiinsisuun waan qabsawwota irraa eegamu dha. Namni Oromoo Dargii keessattis tahe Motummaa TPLF jalatti mi’aa aangoo qabaaachaa turan,  gaafa achiii bahan akkeekni isaanii inni duraa ABO seenuu dha. ABO keessatti waan qaban kenanii, lubbuun ofii iyyuu utuu hin hafan bakka itti badadan malee bakka bu’aa irra argatan miti. Yaroo sana argan akkuma dhufanii darbu.  Darbuu qofa miti maqaa ijaarsa ABO fudhatanii deemu. Kaayyoo Bilisummaaa ABO uummatni Oromoo fudhachuu isaa waan beekanii  yoo bu’aa qabaatee jedhanii maqaa ABO jedhu ofitti maxxansanii deemu. Ijaarsa miti hoomishi dinagdee iyyuu maqaa daldalaa itiin beekamu qaba. Maaliif maqaa ijaarsaa wal harkatti qabuun barbaachisaa tahe? Yoo barbaadanii sagantaa ABO jijjiree jirra jedhu. Maqaan immoo sanuma. Kun hunduu bareedaa jennee haa fudhannu. Aadaa fokkisaa ijaarsotaaf  kaayyoo siyaasaa tahee jiruu wal abaaruu, wal cabsuu fi olola wal irratti ofuu qofa.
Kallacha qabsoo bilisummaa yoo qabaatan uummataa ibsanii akka isaan gargaaruu fi wajjin dhaabbatu barsiisuun dirqama isaanii taha. Uummatni yaroo hundaa ijaarsa qabsoo bilisummaa qajeelaa qabatee deemuu fi uummata Oromoo bilisa baasuuf kutate ka’ e filaatee hordofuu irraa of booda hin jedhu.  Qabeenyi, beekumsii fi humni ijaarsota Oromoo wal diiguu, wal jeequu fi maqaa wal xurreessuu irratti boba’uun guyyaan bilisumma akka dheeratu godha. Kaayyoon qabsoo bilisummaa ala kana keessa deemaa jiru kan irratti xiyyeefatamee rakkina  uummatni Oromoo  irraa gahaa  jiruuf kan abaaramuu fi itti komatamu  ABO tahee jira. ABO qaraxa uummta Oromoo irraa funaanamuun hojjetaa hin jiru. Qaabeenya uummata Oromoo saamaa hin jiru. Mindaa uummta Oromoo irraa fudhatee hojjetaa hin jiru. Namootaa kabajaa fi bilisummaa saba isaaniif of wareeganii of kennanii kan itti ciccaa jiraniin amma har’a qabsoo bilisuummaa saba Oromoof gummaachaa jira. Kan itti socho’u illee warra jaalala saba isanii  qaban kan fedhii isaaniin itti hixataniini.
Warri TPLF dura ABO dhabasiisuuf halkanii fi guyyaa wixxifatan illee jiru. Akkeekni isaanii kun abjuu akka tahe har’a silaa hubachuu qabu. ABO kaayyaa Bilisummaa uumata Oromoo qabatee ka’e itti cichee dhiigaa goototni Oromoo kummaataan aarsaa tahanii uummata bal’aa Oromoo qaqqabsiise jira. Har’a Kaayyoo ABO bahaa fi dhihaan, bitaa fi mirgaan kan isaa godhatee kan irratti kufaa jiru uummata bal’aa Oromoo ti. Warri kun beekumsaa fi dammaqinsa gahaa utuu qabaatanii, xiqqoo dhaabbatan hojii isaanii kana xinxalanii irraa dhaabbachuu qabu ture.
Qeerroon Bilisuummaa Oromoo muxxannoo ABO irraa kan barachuu qabdan inni duraa warra Olola isini irratti oofu hundaaf deebii kennuu dhaabuu dha. ABO uummta Oromo hunda qaqqabee kan  of beeksisu caalaa waa’ee ijaarsa kanaa warra oddeessaa olu warra ijaarsa kana jibu irratti. Haalli kun jiraachuudhuma ijaarsa kanaafuu gargaarsa  guddaa dha. Kan gargar nama baasu oduu olola utuu hin taane hojii dhugaan mul’atu dha. Maaliif akka ijaaramatan, maal akka hojjetan, galmi keessan maal akka fakkaatu hojiin keessan ifatti agrsiisaa jira.
Siyaasni Oromoo biyya alaa kanati baayyee kan oo’u dhugaatii irratti qofa. Yaroo nagaa baayyee hin jiru. Akka namootni ala kana jiran yaadanitti Qeerroon Bilisummaa Oromoo kun ijoollee mana burmsaatu xabaa oofaa jirtaatti fudhatu. Guyyaa tokko ijaaramanii dhufanii ijoollee xixxiqqoo kana irraa hoogganaa butatanii caarataa aangoo ittiin argataniif dhiiyeessuuf warri abjuu guddaa qabanii jiru. Garuu warri kun dandeettii fi beekumsi isaaniiQeerroo Bilisummaa Oromoo irraa hooganna fudhachuu miti hordofuu akka hin dandeenye ifatti argaa jirra. Yaada namaa keessatti  ittisuun danda’amu. Waan isaanitti fakkaate haa haasa’an . Waan danda’anis haa yaallan. Nuyis waan itti amannuu fi qajeelaadha jennu hojjechuu malee attakaroo hin barbaachisu.
Garuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan hubachuu qabu diinni qabsoo bilisummaa saba keenyaa akka bofaa arba baayyee akka qabu dha. Araba isa kamittu summii akka baatu adda baasuun salphaa miti. Kaan gubannee keessaa darbuudhaan  muxxannoo irraa baranna. Gootonni Oromoo hedduun diina garboofatan adda rukkutamnii hin kufne. Warra nu fakkaatee diinaaf bitameen duubaan kolbaman. Kanaafuu kan keenya isa jennu keessa qoraatiin meeqa akka jiru dhagachuu hin qabnu.
Baayyee keenyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo  Waaqayyootu uummata Oromoo salphina bara baraa keessaa baasuu keenneef jenne ammana. Gocha Qeerroof ulfina fi safuu guddaa qabana. Waan qabnu maraan isin wajjin dhaabbachuu fi isin hordofuu irraa booda hin jennu. Kana malees gurri bulguu akka isin hin dhageenye, iji hamaan akka isin hin arge, Waaqayyo amajaajjii akka isin irraa qabu  kadhanna keenya.
Injifanna uummata Oromoof !
Oromiyaan ni bilisoomti !