Tuesday, April 1, 2014

Hiriyaa malee michanii – Geggeessaa malee galan.


Dur dur, ilmoolee qeerransaafi re’eetu walitti michi jedhama. Guyyaa guuyyaa waliin taphataa oolanii galgala gara gara warra isaaniiti galu. Gaaf kaanittiin qeerransi “…har’a eessa oolte….?” Jettee ilmoo ishee gaafannaan, ilmoonis eenyu waliin akka oolte tokkoo lamaan itti himti. Gaafa kana haati hedduu aartee “…kana booda yoo isaan argite toftaan ittisiqii qabii nyaadhu…!” jettee gorsiti. Akkuma kana edaa haatii re’ees mucaan ishii eenyu waliin akka ooltu waan barteef, “… ilaa yaa mucaa koo, diinni hamaan sanyii keenya lafarra fixaa jiru warra kanaa, lamuu fuullee jara sanaatti hinbayiin.…” jechuun jabeessitee akeekkachiifte.
Gaaf kaanittiin ilmoon qeerransaa barii kaatee, fuulleetti baatee, “…yaa ijoollee kaleessaa…. Koottaa nitaphannaa…” jettee sagalee jabaadhaan waamte. Ilmaan re’ees dursanii dubbii jiru waan baraniif, “… isa haatee sii malte… keenyas haati nuu malteettii… nagaatti… nagaattii…!!” jedhaniin jedhama. Warri wal dhagahu, warri mala waliif himu akkasiin badiirra wal oolfata. Gara dubbii koottan darba.
Bara 2002, xalayaa seena qabeessa tokkotu mata duree ‘A¼S yìN LÐ{ nN!?’ jedhuun magaala Finfinnee keessatti Gamtaa barattoota Oromoon qaamolee adda addaatiif faca’e. Yerichatti walitti bu’insa barattoota Tigreefi Oromoo gidduutti ta’e tumsuuf komaandoon waraanaa ‘Aashawu’ jedhamu, kan dantaa saba tokkoo qofa tiksuuf dhabbate mooricha cabsee seene. Humni kuni dogoggoree ilmaan saba isa akka hinmiine keettoo fuulaafi maqaa ilaaltee “YU y¼ nW! ¶ y¼ aYdlM!” jettee sanyiin gargar footu of fuulduraa qaba ture. Akka kanaan ilmaan Oromoo sanyiin warra kaanirraa fooyamanii miidhaa guddaan irraa gahe. Maarree, ilmaan Oromoo haala kana ilaalan “ Nutoo ilmaan eenyuti!?” yoo kaammoo akka jaarri jedhanitti ‘…A¼S yìN LÐ{ nN…’ jechuun gaaffii murteessaa tokko gaafatan. Barattoonnii kun deebii gaaffii kanaa wallaalaniit miti. Eenyu akka ta’an of beeku. Saba isaaniis, biyya isaaniis, seenaa-aadaa isaaniisi qajeellootti beeku. Garuu waatokkotu hafe. Nama gaaffii kana of gaafatee barbaadee of arguun ittijirutu ture. Jara kana fakkeenya ho’aa kanaan dhugaa jiru ittihimanii ofitti akka deebi’an taasisuu akeekkatan. Dhugumattuu gaaffiin kun yerichatti balbala namoota hedduu seene. Warri gaafficha of gaafatanii deebii argachuun lafa salphinaatii bahan amma hinqaban. Warri dubbichatti dugda galalanammoo gaafa ormi balbala itticufatee bineensatti gadi hari’u, seenaarraa deebii argataniiru.
Firoottan kiyya, “Nuti ilmaan eenyuuti!?” Haala ittijirruufi keessa jirruun otoo hindaangeffamne miira walaba ta’een gaaffii kanaaf deebii haqaa keennuu danda’uu qabna. Gaaffii kana yoo deebifne lafa oolluufi abbaa waliin oollu beekna. Ulfina keessaatti of tiksina. Dubbii kana dagachuun ykn. gurra kennuufii dhiisuun karaa malee nama offee akka malee gatii nama baasisa. Ilmaan Oromoo hedduun kana dagachuun bakka isaaniif hinmallee of dhaabanii karra ormaa duratti salphataniiru. ‘Lallaba gowwaa firatu qaana’a.’ akkuma jedhan nullee seenaa isaaniitti qaana’uun keenya hinoolle. Dhiyeenya kana nama yeroo baay’ee dhimma Oromoo dubbachuun beekamu tokkotu waa’ee Oromoof seenaa Itoophiyaa mari’achuuf Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Sagantaa Afaan Amaaratti warra Itoophiyummaa gateettii ormaarratti ijaarrachuu baran waliin
 Jiituu Lammii
march 31,2014

No comments:

Post a Comment