Monday, May 5, 2014

Yeroo Ammaa Kanatti Aanaan Midaa Qenyii Waraana Wayyaaneen goolamaa jirti.Hidhattooti gandaa Ummata irra goruun Wayyaanee Waliin dhukaasa walitti banan.


Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an
Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an
 Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qaanyiitti har’a 1:00 irraa eegalee uummaatni Hiriira nagaa guddaa gaggeessa jira,
Gaaffii uummataaf deebiin har’atti beellamamee ture, uummaanni hiriiraan kallaattii hundaan Aanicha keessatti dargaggeessa barataa, barsiisaa, jaarsa fi jaartii utuu hin jedhiin yerooo amma kanatti uummaanni Oromoo gara ganamaa gara 30,000tti tilmaamaman Yeroo amma kanatti gara 40,000tti kan tilmaamaman bakkota gurguddaa shan irratti hiriiraa nagaa guddaa gaggeessa jiru, irra keessan:
  1. Gandoota Guddaataa Gabaa Lagaa fi Goodaa Arbaa uummaanni gandoota 4 irraa walitti dhufee hiriira nagaa guddaa gaggeessa jira.
  2. Goodaa Gaalaan Maagaalaa Bixxillee jedhamtu irraatti uummannii gandoota 6, irraa walitti dhufuun hiriirri guddaan gaggeeffama jira.
  3. Cuqqalaa Wangee fi Baaroo Bidaaruu walitti dhufuun gandoota baadiyyaa irraa gaggeeffama jira.
  4. Qanyii Bahaa Babiiftuu fi Goodaa Albaasaa, Boquu Nissoo dabalatee gara gandoota 7tu walitti dhufee hiriiraa fi dhaadannoo dhageesisaa jira
  1. Gidduu Galeessaan Magaalaa Ballaammii fi Gandoota akka Dirree Weennii , Obbee kuraa, fi Haleeluu Goosuu irraa walitti dhufuun hiriiranii jiru.
Uummanni kun mirga nama dhuunfaa fi waliigalaatti utuu hin bu’iin deebii sirriin nuuf haa kennamuu, gaaffii keenyaaf deebiin du’a, hidhaa, darara ,reebbicha, waraanaa fi poolisa maalif ta’ee jechuun hanga deebiin keenya nuuf kennamutti fincillii hin daabatu jechuun qabsoo jabeessan.
haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Goodaa Galaan Magaalaa Bixxilee irratti uummata irratti waraana banuun dhokaasaa meeshaa gurguddaa dhukaasaa jiru, hidhattootni gandaa waraanaa Wayyaanee irratti dhukaasaa baanaan. Haala kanaan Aanaan Midaa Qanyii dirree waraanatti jijjiramtee jirti. Aanaawwaan kanneen akka Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, baabbicha, fi tokkee Kuttaa’ee fa’itti diddaan itti fufaa jira.
caamsaa 5,2014

No comments:

Post a Comment