Tuesday, May 20, 2014

Yaakki Ilmaan Oromoo Irratti Raawwatamu Itti Fufee Har’a Caamsaa 20,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa 4 Waggaa Tokkoof Barnoota Irraa Akka Arihaman Bulchiinisi Mooraa Beeksise.

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Caamsaa 20,2014
Q NEWS3AAMooraan Yuunivarsiitii Jimmaa erga mooraa dabbaallee siyaasaa EPRDF/TPLF/OPDO ta’ee tasgabbii dhabee barattootaa fi loltoota Wayyaanee jidduu rakkooleen ilaalcha siyaasaa haalaan babbaldhatee jira.Moorichis mooraa waraanni bulchu malee bulchiisa mataa isaa kan qabu hin fakkaatu. Baratooti Oromoo qaroo fi barnoota isaanii irratti qabxiilee jajjabaa qaban barnoota irraa kan ari’u bakka bulchiinsa bu’ee Tikoota Wayyaanee dha.
Haala kanaan barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa Caamsaa 20,2014 Waggaa tokkoof barnoota idilee isaanii irraa ari’aman keessaa:
1. Barataa Falmataa Bayechaa barataa Medicine Waggaa 5ffaa,
2. Barataa Galaanaa Ababaa barataa Governance and Developmental studies Waggaa 3ffaa
3. Barataa Zabbanaa Barasaa barataa Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi
4. Barataa Abdii Turaa barataa Seeraa Waggaa 5ffaa kanneen waggaa tokkoof barnoota irra arii’ataman yoo ta’u, barattootni lama ammo akeekkachiisa dhumaa itti kennamera.
1.Barataa Israa’el Haptaamuu fi
2.Barataa Huseen Umaar kanneen jedhamanitti immoo akeekkachiisa
dhumaa kennuun gochaan diinuummaa karaa dabbaloota Wayyaanee EPRDF fI TPLF mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa ilmaan Oromoo nagaa irratti rawwacha jira.

No comments:

Post a Comment