Friday, May 2, 2014

FDG Magaalaa Gudar Keessatti Ka’een Daraggoonni Oromoo Saba Isaaniif Wareeqa Qaalii Baasuun Qonnaan Bultoota Daran FDG itti Hiriirse.

Kumalaa guddisa Magaalaa Gudaritti ummanni Oromoo hiriira guddaa tilmaamaan kan namoota gara 30,000 ol hirmaachise bahee mirgaa abbaa biyyuummaa isaaf Qabsoo Gitaa fi wareegamaa Qaalii baasee jira. Barattootni Oromoo hiriira kana keessaatti dhaadannoo baatanii uummata waliin deemaa turani fi jirattota Magaalaa dabalatee namoonni 6 batalatti rasasaa loltota mootummaa EPRDF/TPLF’n rukutamuun ajjeefaman.Kanneen kunis:-
1.Kumalaa Guddisaa Barataa m/b sadarkaa 2ffaa Gudar
2.Abdii Kamaal barataa m/b Gudar sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina kutaa 11ffaa
3.Gurmuu Damxoo Barataa m/b Gudar sadarkaa 2ffaa
4.Geetahuun jiraataa Magaalaa Gudar kanneen keessatti argamu.
Kana malees Camsaa 1/2014 FDG’n Godina Lixa shawaa Aanaa Midaa Qanyitti Barattootni M/B sadarkaa 2ffaa kutaa 9-10ffaa Midaa Qanyii Goodaa Galaanitti argamuu qonnaan bultoota kan hirmaachise hiriirri ta’uun barattooti hedduun loltoota Wayyaaneen rukutamanii mada’an keessaa:-
1. Barataa Balaayi Kuusaa M/b Ballaammii sadarkaa 2ffaa qopha’inattikutaa 12ffaa
2. Barataa Darrasaa Ayyaanaa m/b Baallammii sad..2ffaa fi qophaa’ina kutaa 9ffaa
3. Barataa Baayisaa Obsaa barataa kutaa 7ffaa m/b Gabaa kamisaa Sadarkaa 1ffaa kanneen kessatti argaman loltoota Wayyaaneen

madeeffamaniru, hedduun gaaZiidhan ukkanfamuun qabamani hidhamaniru
Barataa GinciWalumaa gala hiriira ta’e kana irratti ammatti kan reeffi isanii argame 6ta’uu malee namoonnii hedduun rasasan rukutamaniiru, hiriirri kun hiriira jabaa fi wareegama qaalii kaffalchise dha. Ummaanni Oromoo qotee bulaan aanaa Tokkee Kuttaayee Gadi yaa’uun daandii Konkolaataa gara dhiha Oromiyaatti geessuu maka karaa irratti jijjigsuun, nannoo, Kolba Gudar, Tokkee, Gooroo Soolee, Baabbichaa hanga Geedootti daandii Cufuun akka waraanna Wayyaanee uummata Oromoo Dhiha Oromiyaa Wallaggatti hin darbinee godhee qabsoo injifannoo boonsaa gaggeessee, Bufatni loltuu Magaalaa Gudar kessaatti argamtu ibiddaan barbadoofte.
Guyyaa kalessaa Camsaa 1/2014 

No comments:

Post a Comment