Saturday, May 3, 2014

IYYAA, IYYA DABARSAA


IYYAA, IYYA DABARSAA
Obboleewwan miseensota mandhee tanaa,
Haalli amma biyya keenya keessa adeemaa jiru karaa tokkoon kan daran nu jajjabeessu, hamilee fi onnee teenya sirriitti olkaasu. Karaa kaan immoo kan daran, daran nu gaddisiisu, kan imimmaanin fuula keenya xoollessu. Ijoolleen teenya kichuuwwan tun xiyyiitii fi xiyya diina uummata keenyatiin harcawuun ishii, kan aariin nu guggubee, xiiqii fi booree garaa nu kaayee tokkummaan kanetoo akka Dhaloota Qabee kana bira dhaabannu nu taasisu! Amma yeroo kun yeroo nuti ijaarsa koo, maaloo maaloo koo, dugda koo, garagarummaa koo faa jennuu miti! Amma alaa-manaa waltahun uummata keenya bira gooruu qabna! Ee, "qabnaan" kun dirqama. Dirqama seenaa fi diraqama dhalootaatti! Yeroon isaa yeroo nuti alaa-manaa waltahuun ijoollee teenyaa fi uummata keenya bira dhaabannu. Yeroo waltaanee iyyinee, iyyaa waliif dabarsinu!
Yaa Oromoo koo, kunoo akkuma kaleessa fi harra miidiyaalee addaddaa irraa dhageessan ijoolleen teenya, dhalawwan teenya heddumminaan nu jaalaa galaafatamtee jirti. Magaalaa Amboo fi naannoo isaa irraa qofa namoota keenya gara 25-tu galaafatame. Jimma, Dirree Dhaawaa, Horroo Guduruu, Roobe (Baale) fi naannoo sanitti, Midaa Qanyii faatti namoonni keenya, dhalawwaan keenya akka baala mukaatti harcaafamtee jirti. Yaa Oromoo kiyya hamma yoomiitti, hanga hammamiitti warra qawween biyya keenya seene kanaan gaadamaa, hindhamaa, garafamaa, waxalamaa dabrees ajjeefamaa jiraanna? Nuti warri biyyoota alagaa keessa jirru, amma hatattamaan walgayiiwwan kurfeessuu, hiriira babbawuu fi waayee haala amma uummanni keenya keessatti argamuu kana, miidiyaalee warra alaatti beeksifachuutu nu irraa eegama. Ee, dabaleetan jedhaa: miidiyaalee, miidiyaalee biyyoota addunyaa tanaa hundaatti akka ijoolleen teenya akka bineensaatti adamfamtee ajjeefamaa jirtu, akka uummanni keenya bayeetoo ijoollee ofiitti makamuun, mirgaa fi haqa ofiitii falmachaa jiru beeksifachuu qabna! "Yoo abbaan iyye ollaan namaaf birmata!", jedha mammaaksi Oromoo tokko.
Nuti amma ijoollee teenya ishii nu jalaa galafatamte awwaallachaa, reenfa ishiirra tarkaanfannee qabsoo saba keenyatiif harka-walqabannii garuma fuulduraatti adeemuutu nus, biyya keenyas kan baasu taha. Biyya leencotaa qabatanii, ilmoowwan leencotaa gorra’anii nagaan taa’uun akka gonkkumaa hin jirre, warri Wayyaanee kun dursanii beekuu qabuuyyu. Kunoo, amma uummata keenyatti ba’aa inni baatee deemuu hin dandeenye waan itti-fe’aniif, ibidda hamaa ofitti shidaniiti (qabsiisaniiti) jiru. Oromoon hardha irraa kaasee akka duubatti hin deebine, akka impaayerittii sochoosuuf waltahee sochowu, akka harqoota gabrummaa caccabsee achi darbatu diinonni isaa beeku qabu. Ilaa, uummannii fi sabni Oromoo waltahee qabsoo ofii cimsachaa gara fuulduraatti tarkaanfachuu malee, filmaata biraa hin qabu.
Nuti dhalawwan Oromoo alaa-manaa uummatoota akkuma keenya mana hidhaa impaayeritti, karchallee keessa jiran mara bira dhaabachuu qabna! Isaan akka obboleeyyaniitti ilaaluu qabna. Uummatoota: Sulula Laga Omoo, Gambeellaa, Benshaangul, Somaalee Ogaadeniyaa, Afaar, Sidaamaa faa cinaa gorree roorroo isaan irratti adeemaa jiru kanas, isuma keenya waliin addunyaatti dhageessisuutu nu irraa eegama!
Miidiyaaleen Oromoo isaan amma burqaa, hamilee keenya jajjabeessaa jiran kun guyyuu warra OPDO-tiif waamicha uummmata keenyaa dabarsuu fi qabu! Isaan amma akka uummata ofiitti makamuun hacuuccaa isaa dhageessisan, Caffee Oromiyaa fi Paarlamaa Toopphiyaa keessattis akka gaafii uummanni Oromoo ammaan tana qabatee warraaqaa jiru irratti haasawuu qabu! Akkanuma Oromoo miseensota Waraana Toopphiyaa tahaniif, waamichaharmee Oromiyaa dabarsuufii qabu. Akka isaan uummata isaanii isa sochowaa jiru kanatti makaman, akka qawwee isaanii Oromoota irratti mitii, gara diinota uummata Oromoo fi Biyya Oromootti garagalfatan deddeebifnee itti-iyyachuu qabna! Karaa isaanitti iyyannu keessaa inni duraasaa karaa miidiyaalee keenyaa kanaati.
Kana irratti kana dabalamu immoo yaada obboleessi keenya obboo "Kassim Sheimo" kaase sani. Oromoonni ogummaa-seeraa qaban akkamitti dureewwan TPLF mana-seera-addunyaa, isa magaalaa den Hague jirutti dhiyeessinu nuuf qorachuun sirrii dha. Dureewwan warra Wayyaanee ijoollee teenya qalanii, uummata keenya gorra’anii Oroppaa fi Ameerikaa keessa bashannanuu hin qabani! Seeri dureewwan Sarbiyaa, dureewwan Sudaanii fi dureewwan Keeniyaa fayiif hojjate, Oromoo fi Oromiyaafis akka hojjatu ganamumaan beekuun mishoo dha.
Egaa, yaa Oromoo kiyya uummata keenya cinaa waltahuun, tokkoomnee haa dhabbannu! Iyyinee, iyya haa dabarsinuufi! Amma arrabni keenya, qalamnii fi eeboon keenya wali irratti mitii, Oromoo irrattii mitii, gara diina uummata keenyaatti xiyyeeffamuu qaba!
Gayeen, gayee-dhaa 
Iyyaa, iyya dabarsaa
Yeeyyii isin nyaattu marsaa
Dhaloota boruutti bilisummaa dabarsaa!
Oromoo yaa saba-koo oljedhi 
Oromiyaa yaa biyya-too olka’i
Waanjoo gabrummaa caccabsiitii
Ofirraa gamasitti achi-ha’i!
Taammanaa Bitimaa
EBLA 02 05 2014

No comments:

Post a Comment