Sunday, May 25, 2014

Hiriira Mormii Magaalaa Finfinnee Har’a Caamsaa 24 Gaggeeffame Nagaan Milkaa’e!

                             
Caamsaa 24 akkuma waamicha uummata Oromoo hundaaf yeroodhaa yerootti gufannaan jiraatullee dhiyaataa tureetti har’a hiriirri mormii Kongiresii Biyyooleessaan karaa nagaatiin xumuratee jira.Gabaasa walii galaatti osoo hin seenin dura akkuma beekamu mootumaan wayyaanee mormitoota qabaachu isaatu isa aarsa,gaaffimti maalif narratti ka’a kan jedhutu itti dhagayama of-tuulummaa fi abba irree tahuu isaa mirkaneefachuuf yoomiyyuu callise hin beeku. Mormiin dhimma Oromoo ilaallatu kun Finfinnee keessatti akka hin raawwannee gufuu ta’aa ture kan darbe dhiisnee kan kaleessaa irraa yoo kaane qindeessitootni kongiresii biyyooleessaa kun adeemsii hiriira kanaa fi uummata Oromoo guutummaan irratti hirmaachisuuf waamicha bakkoota hedduudhaan gahamaa tureera,keessattuu jiraattootni godinaalee addaa naannawaa Finfinnee hiriira mormii kana irratti akka argaman gama Qeerrootiinis waamichi darbaa tureera.Kaleessa Caamsaa 23 dhimma kanaaf waamicha godhame kan Godina addaa Laga Xaafoo,Buraayyuu fi Sulultaa irratti waamichi hiriira mormii kun uummata hunda akka hirmaachisuuf ta’e namoota gara godina kanaatti ergaman hedduun tikoota wayyaaneen qabamanii toohannaa jala oolanii jiru,kaan reebamanii waan seeraan deemamu xumurachuu qabnaadhaan hin dandeessan kan godina addaa isin hin galchu jechuudhaanis poolisoonni wayyaanee namoota dhimma kanaaf deeman rukutaa fi yeroodhaaf hidhaa turaniiru,garuu hin hafneef guyyaa har’aa hamma yaadame tahu baatus uummanni magaalattii keessa jiraatu hunduu irratti hirmaatee gaaffii isaa dhiyeeffachaa ooleera.Adeemsi hiriira mormii kuni kan gaggeeffame. -Akkuma waamicha godhameetti sa’a 3:00 irraa ka’uudhaan hanga sa’a 7:00tti gaggeeffamee ooleera.Bakki ka’umsa hiriira kanaas Kiiloo 4 irraa ka’uudhaan daandii riqicha Ginfillee qabatee hanga kutaa magaalaa Finfinnee Magganaanyaa keessa kutuudhaa baayina uummataa 10,000 ol tahuun dhaadannoo wal tahaa kan barattoota Oromoo yuuniversitii irraan Ebla 25 irraa kaasee itti fufe qabatanii jiru,dhaadannowaan ykn gaaffiwwan dhiyaatan wal duraa duubaan:
1.Lafti Oromoo ciramee gurguramaa jiru amma irraa kaasee akka dhaabbatuudha,
2.Naannowwan Finfinnee maree uummataan alatti xuqamuu hin qabu,tahus yoomiyyuu raawwatee federaala jala galuu hin qaban,
3.Namootni siyaasaan hidhamanii jiran yeroo utuu itti hin kennin haa gadhiifaman
4.Ajjechaan ilmaan oromoo irra jiru haa dhaabbatu
5.Hidhamuun barattootaa haa dhaabbatu
6.Lafi keenya saamamuun haa dhaabbatu
7.Mirgi keenya nuuf haa eegamu
8.Bilisummaa barbaanna!
9.Poolisiin uummataaf dhaabbate uummata hin ajjeesin
Kan jedhuun uummanni hammi argame gaaffii barattootni duraan kaasan mirkaneessuudhaan oolan.Namootni hedduun akka irratti hin argamne shirootni hedduun xaxamaniiru keessattuu barattootni yuuniversitii Finfinnee akka hin argamne waan godhame keessaa guyyaa har’aa guyyaa barumsi hin jirre Qormaata irra gochuudhaan barattootni hedduun irratti hin argamin turan barattootni muraasni kan argaman gaaffiin keenya dhaga’amuun isaayyuu qormaata caala carraa kana argannee dhimma itti bahuu qabna jedhanii qormaata wayyaanee akka jiraatu goote kana dhiisanii hiriira kana irratti argamanii jiru.Namootni hedduun sa’a wal buusaadhaan kan ka’e bakka hiriirri kun itti gaggeeffamu wal’aalanii kan deebi’an walakkaa namoota hiriira kana irratti argamanii ni taha,namoota booda irraan ka’an poolisoonni wayyaanee daandii gubbaa dhaabbatan sobanii uummatni daandii kana bobbahe jechuudhaan daandii namoota harkaa balleessaa turaniiru mudanno kana kan dubbatan hedduudha.Uummanni hammi yaadame bakka argamuu baatullee uummata hiriira kana irratti bobbahan habashoota mufachiisee akka jiru odeeffannaan dhaga’ama jira.Akkasuma sochii barattootni eegalan kana kan deggeru jiraachuu isaas mootummaan wayyaanees akka rifate odeessii garagaraa ibsa.Namootni dhoksaatti osoo namootni hin argin hiriira kana dhaqqabuuf qopha qophaa kaachaa turan tikoota wayyaaneen qabamanii dhokfamanis akka jiru odeessi himaa jira,namoota kana Qeerroon hordoffii godhamu taasisaa jira.Mootummaan wayyaane hedduu rifatee kanneen mootimmicha deggersan ilmaan habashootaas yaada yaddeessaa keessa akka galan ifatti mul’ate,waraabbii qabnu rakkoo dhiyeeffachuu dhabnus suurawwan kaafamaa turan asii gaditti kan argamaniidha.Gaaffiin mirgaa dhiyaachuun qixaa fi oromiyaa guutuudhaan itti haa fufu jenna.

No comments:

Post a Comment