Saturday, May 10, 2014

Wallagga Gimbii Keessatti Diddaan Wayyaanee fi Ergamtoota Wayyaanee Irratti Ka’e Jabaatee Itti Fufe.


Gimbii12Uummatni Oromoo Saboota kamuu waliin jiraachaa kan as gahee fi boorus kan waliin jiraatu taha. Garuu mootummaan wayyaanee fi leellistoofni sirnichaa kan mootummaan wayyaanee bittaa umrii ishee ittiin dheeressuuf kaayee yeroo dheeraaf gufuu QBO tahuudhaan hojjechaa turan. Har’as itti jiran. Uummatni Oromoo nageenya barbaada,baroota dheeraaf halagaa keessummeessee nagaan jiraachisuu irra darbee qabeenya isaa dabarsee kennuun ofii hagabee alagaa nyaachisaa ture.Ilamaan isaa hagabsee imaan Habshaa itti duroomaa asiin gahuun beekamaa dha.
Yeroo ammaa kanatti qabsoo bilisummaa Oromoon durfamee ummanni karaa nagaa mirga abbaa biyyummaa gaafataa wayita jirutti,laliftoonni sirna Nafxanyaas ta’e kan Wayyaanee TPLF deggeraa lafa Oromoo irra jiraataa uumata Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti gufuu ta’aa jiran ergamtoota Wayyaanee waliin ta’uun uumata karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatu dura dhaabbatanii barattoota Oromoo qabsiisuu hiisisuu fi ajjeesisuu eegalan. Haala kanaaf ammaan dura yeroo adda addaatti nagaan waliin jiraachuuf gutuu qabsoo bilisummaa Oromootti akka hin taaneef waamichi karaa adda addaa darbaafii ture. Waamicha ta’eef diduu fi daranuu saba Oromoo akka sabaatti balaaleffachuu fi balfachuu itti cimsan.
Haala kanaan Godina Wallagga magaala Gimbii keessatti keessatti leellistoota sirnichaa(EPRDF) kan tahan abbootii qabeenyaa Ato Axinaafuu Iwunatuu fi Ato Wubaantee jedhaman gufuu QBO irraa akka dhaabbatan waamicha dabarsaameefii ture didanii Oromoo irratti hokkora waan kaasuun, ummmata Oromoo arrabsoo fi xiqqeessuu irraan darbanii Qabsoo Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa mara keessatti finiinee itti fufaa jiru dura dhaabbachuutti wayita bobba’anii fi Uummata Oromoo qe’ee isaanii irratti elektrikiidhaan dargaggoota kontiinera bakka dargaggootni oolanitti qabsiisuun daraggoonni Oromoo hedduun akka miidhaan irraan gahu taasisan haala kanatti uumati aaree fi guutummaan saba Oromoo magaalaa fi baadiyaa Gimbii kan weerare roorroo abbaatu of irraa ittisa jechuun gamoolee fi qabeenya sirna mootummichaa kanneen leellisanii fi deggerattoota Wayyaanee tasa ta’e.
Haalli kun Oromiyaa guutuu keessatti warri Wayyaanee waliin ta’uun uumata Oromoo miidhanis ta’e sirnicha lalisuun alaa keessaa uumata Oromoo lafa irraa buqisan fakkaataan akka isaan mudatu uumanni naannichaa dhaameejira.
caamsaa 10,2014 gimbii

No comments:

Post a Comment