Friday, May 2, 2014

Breaking News:-Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalli Aliiboo tohannaa Wayyaanee jalaa baatee Harka Uummataa galte!

Oduu ammee/Breaking News:-Godina Horroo Guduruu Wallaggaa
gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo jabaachuudhaan kan itti fufe godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessatti Uummatnii fi Qeerroon gamtaan ka’uun Magaala Aliiboo tohannaa isaa jala oolchate
Mootummaan Wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa karaa nagaa gaafatame deebisuu diduudhaan barattoota Oromoo jumlaan mana hidhaatti naqaa kan as gahe dhaabbachuu qaba jechuudhaan Uummatnii fi Dargaggootni Oromoo magaala Aliiboo “Wayyaanee, Sii Wayyaaree?” jechuudhaan Magaala Aliiboo rasaasni wayyaanee akka bokkaa osoo roobuu tohannaa isaa jala galchatee jira. Bara Mootummaan wayyaanee burkutaa’etti Oromoon gamtaan ka’uu qaba jechuudhaan “Ka’i Oromoo” jechuudhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa oolanii jiran.
Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuudhaan akka bokkaa roobsus sagaleen Uummata Oromoo dhagahamuu qaba jechuudhaan Uummatnii fi Qeerroon gamtaadhaan Injifannoo fi magaala Aliiboo rasaasa qabu dhagaan baasuun tohannaa isaa jala oolfachuu isaa walleewwan garaa garaadhaan Magaala Aliiboo tohatanii jiran. Uummatni Oromoo magaala Kanaa guutummaadhaan poolisoota Wayyaanee arii’uudhaan magaala dhuunfatee injifannoodhaan ililchuu irratti argama.
Qeerroo.org | Caamsaa 1, 2014, Aliiboo

No comments:

Post a Comment