Thursday, May 1, 2014

Oromian News Update

                                              Qerrooo
             Jimma;- Har’a galgala kana Ebla 30,2014 mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaaa guddaa eeyyama president Yuunibarsiitii Jimmaa, Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Oromiyaa malee qajeelfama ministera Waraanaa EPEDF-n Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa loltotni Wayyaanee konkolaataa 12n lakka’aman qubsiifaman.
Loltoota kanaan dirqama Yuunivarsiitiin Jimmaa nyaataa fi bakkee ciisichaa Dormii akka kennituu dirqisiifamuun gabaafamera. Haala kanaan Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa guddaan qabamee jira.
Haroo Mayaa :- Kana malees Yuunverstii Haromaayaa keessatti amma galgala kana dhukaasi sagalee guddaa ni dhagahama.Iyyi barattootaa ni dhagahama. Miidhami akka jirus qeerroon naannicha irraa ni gabaasa.
Magalaa Roobee:- Gootonni barattooti Oromoo magalaa Roobee keessatti hiriira gaaffii mirgaa gaafatu gaggeesaniin wal qabatee mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fayyadamuun namoota hedduu miidhuun gabaasi qeerroo naannocha addeessa. Naannicha irraa newtwork ciruu fi poolisoonni Wayyaanee aara himimmaan nama boosisuu dabalatee akka fayyadamanuun hiriira kana dhaabuuf yaalan beekama.Kanas ta’u hiriirri kun itti fufee jira.
Yuuniversitii Madda Walaabuu:-  Ebla 30,2014 waaree booda sa’aa 5:00PM irraa kaasee mooraa Yuuniversitiin haalaan jeeqamaa jira.Waraanni Wayyaanee mooricha seene meeshaa gurguddaa fi xixxiqqaa barattoota irratti dhukaasuun miidhama guddaa geessisee jira,barataan diddaa isaa haa jabeessu iyyuu malee galgala kana dukkanaan dahatee dhukaasa samii keessa ifa kennu hunda gara barattootaatti qabee akka darbataa ture beekama. Network baleesanii jiru.
Ambo:- Humni Waraana Wayyaanee guddaan halkan kana magaalicha marsee haa jiraatu iyyuu malee uumanni qindoominaan wal ijaaruun of eegganoon jira. Warri OPDO poolisa naannoo keessa jiran Federaala waliin akka walitti bu’anitti jiru. Milishootiin gadnaa gariin tohannaa ummataa jala akka galanii jiran beekama. Gabaasi dabalataa itti fufa.
Shaambuu: Ebla 30,2014 irraa diddaa itti oole dhaamsuuf jecha humni ittisa naannoo fi waraanni Wayyaanee magaalicha marsuun dhaggahama. Amma oduun galgala kana addeessutti barattooti Oromoo hedduu akka hidhamanii fi dhukaasi gurguddaan roga hin beekamne irraa uumata doorsisuuf jecha dhukaafamaa jira. Waraqaalee fi barruuleen dhadhannoo “Oromiyaan ni bilisoomti” jedhu magaala keessatti heddumminaan maxxanfamee akka jiru qeerroon Shambuu gabaasa.
EBLA 1,2014
                                                                                                           

No comments:

Post a Comment