Friday, October 18, 2013

Yaadannoo Obbo Mardaasaa Raagga Jootee

Gooti sabaa, gumaacha kaasaa ummata ofiitii godhaniin barabaraan yaadatamaa hafu. Mardaasaa Raagaa Jootee kan Onkololessa 30, 2012 boqote, jannoota Oromoo sodaa malee qabsoo bilisummaaf godhaman keessatt qooda fudhachuun aarsaa guddaa baasan keessaa tokko ture. Jireenya saa guutuu jabinaan haacuuccaa fi roorroo gara hallee fi walumaagalatt kolonummaa Habashaa (Itoophiyaa) kutannoon nama mormaa ture. Akka sabboonaa Oromoo dammaqaa tokkotti, Mardaasaan yeroo Universitii Boston MA ture warraaqsa Oromoo keessatt qooda fudhachuu murteeffate.
Mardaasaa ummata saatiif akka dhaabbatu kan kakaase gadi fageenyaan seenaa qabsoo Oromoo hubachuu qofa hin ture. Diiddaa moo’umsa diinaa akaakayyuu saa Jootee Tulluu, abbaa saa fi gooticha Oromoo wasila saa kan maqaa duulaa itt moggaafate hunda irra booree dhaalmaan itt dhufes qaba. Mardaasaan kolonummaan dhoofsisuu fedha kan hin qabne, dudhaa fi eenyummaa Oromoo hanga gaafa du’ee badeetti hundaa olitt kan laalu ture.
Obbo Mardaasaan miseensota Tokkumaa Baratoota Oromoo Amerikaa Kaabaa (TOAK), kan yeroo jalqabaaf 1974 Amerikaa Kaabaa Kanadaa dabalatee walabummaan ijaarame bu’uursuu irratti qooda fudhatan keessa tokko ture.
Hundeen dhaabichaa jabaatee qabsoon akka itti fufu gochaa, koree hojii geggeesituu dhaabame keessatt filamuun dura ta’aa Gabatee Gullalaa (Editorial Board) taa’anii waggootii dheeraaf dhaabaa keessatti guutumaatt of kenanii sirnaaf eeganoon tajaajilaa turan. TOAKn, sadarkaa jaarmiyaa beekamaa biyya alaa taasisuuf Obbo Mardaasaan heddu gumaachani.
Obbo Mardaasaan bara jireenya isaanii hunda, fedhi fi dantaa saba isaanii bakkaan gahuuf karaa danda’ameen diina dura dhabachuun, kutannoo fi sabboonummaan guutumanii kan qabsaawan keesa tokko ta’anii mulatu. Obbo mardaasaan karaa fedheen qabsoott haa bobba’anii akeeki saanii ummata saanii aangessuu akka ture qabsawoti adda addaa raga bahu.
Yeroo mara, amantii fi hawwiin Obbo Mardaasaa, kabaji mirga dhala nama fi bilisummaa kan qabdu Oromiyaa walaba taatee keessa jiraachuu ta’uu himatu. Carraan karaa lixaan qabsoo hidhannoo jalqaban yoo jiraate abuuruuf humnoota adda addaati makamanii Sudanitt godaananii turan. Garuu haalli waan hin mijjoofneef Amerikaatti deebi’anii mala adda addaa dhahaa turuun saanii ni yaadatama.
Obbo Mardaasaan seena saba fi qabsoo Oromoo gadi fageesanii beekuu qofa otuu hin tahin, baldhinaan Journaalotaa fi barruulee adaa addaatt barreesanii seenaan qabsoo Oromoo caallatt akka dubifamuu godhaa turan.
Baroota darban keessa, haala rakoo siyaassaa Oromiyaa keessatti dhalateen baqattota Oromoo biyyolee gaanfa Afrikaatti rakachaa jiraniif, waan hojetanii argatan hunda, otuu hin qusatin itti dirmachuun gargaaraa turan. Akkasumas waan biyya saaniif hawwan kan mullisan manifestoo adda addaa baasanii labsuun saanii beekamaa dha.
Mardaasaa Jootee bilisummaa Oromoof qulqullina garaan dudhammi inni qabaataa ture seenaa qabsoo saba Oromoo keessatti ol bahee balali’aa jiraata. Akka ijaaraatti, nama dhugummaatti, amanamaa ummata ofiitti akka nama hin ciicatamneetti fi kaayyoo cimaa qabuutti yaadatamaa hafa.

No comments:

Post a Comment