Tuesday, October 29, 2013

QAQAWWEESSA BAKAKKAA — ASOOSAMA GABAABAA

Ka..kuu…dhaa…dhaa…dil…dil…jedhee sagalee dhaga’amun maddasaa wallaale. Gurra miti hamma ijjikoo jaamutti sagalee lafa dadayyaasun gurra galbiikootiin dhaggeeffadhe. Anatu maraatemoo isa laata jedheen naannoo keessa jru hundaan miilla yaadaatiin keessa burraaqe. Burraaqsa takaallaa hinqabnedha. Sagaleen qaqawwee kanaa ala miti ana keessas jira. Isa nakeessaa iyyu kanaafis nama hundatu dhaga’a se’een naman cina darbu mara ofirratti ilaalaan olii gadi naanna’a.
Ani Magarsaa Lalisaa, ilma Faajjii Dandanaa ti. Asumattan dhaladhe. Biyya goototaafii hayyoota hedduu burqisiiste OROMIYAA!. Guyyaa guutuun waca keessa oola. Waan dhagnakootti sibiiloonni natti taa’anii yeroo ani socho’u nattii wacan natti kaa’anan se’a. Waan nakeessa iyyu kun orma keessaas iyya haata’u Waaqani guddaan haa beeku malee girdiramni ani itti jiru kumaatama. Sagalee afaansaa hiika hinqabnetu narraa dirrisaa oola. Sagalee hadoochaa, lawwaashessaa, joonjessaafi ciigaasisaadha. Waan akka hurrii walmaraatu arga yaadaakoo keessa gangalata. Rakkoon keessa darbe yaadachuun yoo maraachuuf ta’e malee kan guddinaaf naan oolu. Mammaaksi Oromoo ‘Moluu cabbii dandamatte, bakakkaaf abdatu’ jedhanis nabira ba’e hinfakkaatu.
Filadheen asitti dhaladhe utuu hintaane, ofiisaan filatee Oromiyaatti kan na uume Waaqayyodha!. bakakkaa samii keessaa waan natti caaleefan wallaale. Akkan itti guddadhes ta’e amma keessa jiru gidduudhaa garaagarummaan dhabe. Tarii waan akka sagalee bakakkaa kun isa kaan sodaatee anuma dhuunfachuu barbaadee laata? Mammaaksi ‘Bakakkaan qara sodaatee, jinfuutti bu’a’ jedhan sun anumaafi laata jedheen of gaafadhee ofirraas deebii dhabe.
Halkan qixxee lafaa waan akka malee nawareerse tokkos tureera. Kophaa ta’ee ciisus lama ta’een of arge. Anumatu lama ta’e ta’ee, waan nama fakkaatu garuu qaqawweessa narra ture sanatti qaqawweessa biraa naa dabaletu naan taphata ta’ee waliisaa kanan hinbeekne tokkotu ukkaamsaa yaadaan nagangalchaa bule. Sagaleen nama nagangalchaa bule kanaa ‘Bilisummaa Jabeessaa’ kan jedhu akka abjuu wayiittan dhaga’a. Yeroon hirriba keessaa utaalee ka’ee simachuuf jedhu narraa baqata. Yeroon rafuuf jedhu ammoo hirriba nadhorkeetu narraa bookkisa. Anis qaqawweessa Bilisummaa kanaa dhaggeeffachuu dadhabeera. Akka waraabessa alaadhessaa beela’ee waan nyaatu bira ga’ee ofii nyaatameen ta’e. Bilisummaanan abjuu keessa argetu akka Harree Waraabessa gowwoomsituu nagowwoomsuusaan itti mufadhe. Oduu duriin ijoollummaakootti warra keenyarraa dhaga’e tokkotu abjuu keessa garakoo dhufe. Akka kanaa gadii jedha.
”Gaaf tokko guyyaa guutuu roobaa oole jedhama. Muusoon isaa akka dabaa waan nama beelleessuuf, Waraabessi qaala’a keessatti beelaan waadamaa ture. Kanaaf hanga aduun dhiitutti jarjare. Yeroo aduun dhihuuf qarreerraa calalaqqistu ariitidhaan suruma bahee osuma deemuu jaartii harree takkatti dhufe. Jaartiin harree kun dallaa warrashee cinaatii coqorsa dheedaa turte. Waraabooniis afaan banee itti qajeeluun, “Ofikeemoo coqorsa kana abdattee as keessa dhaabbatta?” jedheen. Dubbii isheetti barbaadee, qabataan ishii nyaachuuf jedheetu. Isheenis ammoo qaroo cimtuu waan taateef irratti barteetti. Karaa inni barbaade dhiiftee karaa biraa itti dhufte. “Ani waanin abdadhe hin qabu. Ammoo akka na nyaachuu barbaadde naaf galeera. Yoo na nyaatte rakkoo tokkoyyuu hinqabu ture garuu, ani jaartii duutuudha. Lafee malee foon tokkollee natti hin jiru. Kanaaf na nyaachuun beela sibaasuu hindanda’u. Kana birattimmoo muusoo hamaatu jira. Qorichi muusoo ammoo foon yabbuudha. Osoo foon diimaa furdaa qarree gamaatii rarra’u san deemtee nyaattee siif wayya”jettee biiftuu lixuuf diimattu isatti agarsiifte.
Waraaboon hiixatee gama lixa biiftuu ilaaluun, aduu lixuuf diimatte arge. Diiminni biiftuus foon itti fakkaate. Gochi harrees sirrii ta’uu amanee, achumaan bosona garaagaraarra utaalaa gara lixa biiftuutti fiiguu eegale. Osoo fiiguus aduun dhiite. Gaafa inni gamaan bahu foon diimaan gubbaa gadi rarra’aa ture hin jiru. Asiif achi laalee homaayyuu dhabuun, ofirra deebi’e. Boodarra akka harreen isa gowwomsite hubatee akka dabaa isheetti aare. Aariisaa kana baahachuufis gara harrittiitti fiigichaan qajeele. Atattamaan bakka galgala ishii itti dhiise ga’us, harrittiin achi hin turre. Dallaa jala asiif achi naanna’ee barbaadus argachuu hin dandeenye. Gaafa ijibbaatu waamee gaafachuu barbaadeetu maqaashee irraanfatee,
“Eessa jirta, tan qaraa?” jedhee lallabe.
“Galeen jira, kan garaa!” jetteen.
“Dallaa jalatti koottu mee, al tokko sin barbaadaa!” jedheen.
“Amma dhufuun natti hin tolu. Warri mooraa cufataniiru. Kanaaf boru waareerratti koottu. Yoos malee mooraadhaa bahuu hin danda’u.” jetteen. Waraaboonis, “Tole lama!” jedhee deeme. Bakka biraa bulee, ganama baha biiftuurratti qe’ee harrittiitti deebi’uuf ka’ee, osuma himalaa jiruu namni tokko maasiisaarratti isa argee itti iyye. Uummatis birmatee yaa’uun asiif achiin marsanii waraabessa reeban. Boodarra akka malee mataasaa bubburaqsaniitu lubbuu keessaa baasan.
Akkanatti ‘waraabessi nyaachuuf jecha nyaatame’ jedhama.
Ani magarsaan qaqawweessi keessakooti tokko lama jedhamuun himamee kan dhumu miti. Waan naannaakootii gilindisu marti gurra naduuchuuf jedha. Isa uummanni gurraachi warra adiif akka garbaatti hojjetu. Kanarrattis garaagarummaa qalamaan yaade. Oromoon gurraacha Waaqatti fakkeessa ture. Garuu qalamni kun warreen gogaa adii uffatan cinatti akkamiin akka ilaalamaa jirutu anaaf waca keessakooti. Uummanni gurraachi warra adiin qixa mirga walqixa lafarra jiraachuu argate kun akkamiin qubannaasaa lafa warra adiirra akka godhatetu gurrakoo duuche. Tariiti waan anaa keessaa iyyaa jiru waan akka qaqawweessaa kanatu lafa lalisaafii magariisa qilleensisaa hargansuuf mitii nyaataafuu ooluu danda’u kanarraa isaan godaansisee laata? Sammuun gurguddaan kun warra kaan qaroomsuudhaaf maaliif godaanee sokke laata? hundumatu iyya qaqawweessa keessasaa kanarraa boqonnaa argachuuf akka joobira samii gubbaa kaatuutti nugadhiisee kaatemoo kaanis fakkeessitoota laata? jedheen ofitti guungume. Mallattoofii iyyanni sobaa qindaa’ee maqaa seenaaf utuu hintaane jireenya fooyyeeffannaafi guddinahar’aaf jecha seenaa baraan hafu duubatti gatuun waan aduu gadiitiif kan kurkuraa jiru meeqa laata yaa jamaa jechuun itti yaaduun ammas qaqawweessa keessakootii dilgaasise…
Namnumti kun nama kamirrayyuu caalaa maaliif akka of jaallatuufi lafa haadhaaf abbaasaa gatuun dantaa dhuunfaasaaf akka bu’ee ba’utu anaaf qaqawweesa guddaa ta’e. Kun ammoo arga-dhageettii Oromoo isa duuti akka dhokattee nama kamittuu dhuftu sana nayaadachiise. Duuti himattee waan hindhufneef itti hin eegiinitti utuu seenaa hin hojjetiin boollaan nuseenti. Kunis argaa dhageettii barsiisaankoo Dibaabaa Abbaa Booraa kutaa 10 yeroo baradhu nutti hime sana nayaadachiise. Akka kanaa gadii jedha ture:
”Dur duuti namatti dhaammatee, mul’atee dhufa ture; gurbaa tokkotu niitii fuudhuuf abbaafi haadha isaa waliin mari’ate. Haata’u malee, guyyaa fuudha isaa bulee akka du’u duuti itti dhaammatee ture. Osoo hin fuudhiin dura yeroo abbaa isaa mari’atu fuudhee bulee kan duuti itti dhufu ta’uu isaa itti himnaan “homaa miti ati fuudhi malee anuu siifan du’aa” jedhaan abbaan. Haaluma kanaan haadha isaattis himnaan haatisaa “anuu siifan du’a ati fuudhi malee” jetteen. Kana booda gurbaan fuudhuuf murteessee guyyaan fuudhaas gahe. Deemee fuudhee dhufe. Bulee akkuma itti dhaammate duuti beellama eegee dhufe. Yeroo kana mucaan abbaa isaa bira deemee “duuti sirbaa dhufeeraatii kottuu naa du’i” jennaan dide; dhumarratti waan godhu dhabee yommuu gara manaa deebi’u duuti itti sirbaa balbala ga’eera; yeroo kana du’a abba manaa ishii agartee intalli kaleessa herumtee dhufte, misirroon golaa baatee “ani nan du’aafi” jette. Erga kanaa duuti gurbaas intalas dhiisee deemuun gara fuunduratti dhokatee malee mul’atee dhufuu dide jedhama”.
Duutuu akka kanaan nama gowwoomsa erga ta’ee namni inni mul’annisaa du’aa, jaamaan dhaloota ol adeemaa dura danqaraa kaa’uufii yeroo mara garaaf malee maqaaf kan hinqabsoofne akkam namaa haagowwoomsuree?… warreen haadha hiyyeessaa dadhabsiisuun ofii isanii lafa totolfatan, dhugaa sobaan bakka buusanii obboleessa haati isaanii miixattee deesseef boolla qopheessan, warri biqiltuu ol adeemaa jiru mataa keessa gadi waqaran, kanneen barataa qabsoo hiyumaa keessaa ba’uuf waxawaxxattu karaatti doomsan marti warruma garaaf malee seenaa quba hinqabaanne sana mitiiree? Kanatu keessakooti qaqawweessa’ee qaqawwee isarra caalu mataarraa na iyyisiisaa jira… kun ammoo deemee adeemee mammaaksa Waraabessaa naduraa ta’ee hafe.
Innis ‘kan garaa malee kan maqaa yoom nadhibe jedhe Waraabessi’ jedhu mitiiree?…
Boontuu Bilisummaa kan keenyaa magaalaa Naayiroobii keessa jiraattu waan gidiramakoo kanaa kan akka malee ishee quqquuquufii anaaf jecha midhaniifi bishaan lagattee hojii guyyaan kan of bulchitu dhugaa guddaa gangalchitee qomaa dugdatti kan baattuufii abidda boba’ee hindhaamne garaasheetti fe’attee kan naaf jecha joortuu taate yeroon yaadu ammoo mogoleenkoo jajjabaata. Boontuunkoo gaaf tokko akka naboqochiistu shakkii hinqabu. Gargar fagaannullee onneekoo keessaa ishee baasuu hindanda’u. Handhura tokkorraa argamne; haaduun akkam qarames gargar nu baasuu hindanda’u.
Halagaan badii malee nagaa naaf hin yaanne tokko nugidduu galee utuu gargar nunfageessiin dura aniif Boontuunkoo michuu garaa tokkoo turre. Balleessaan ana yookaan ishee bira haata’u hinbeeku garuu garaan keenya walitti boora’eera. Meeshaan addunyaa kan booruu keenya kana gara calalaatti deebisu eessaa akka naaf argamu yoon beekuu baadhes, qaqawweessa keessakoo jiru kan inni ittiin qabbanaa’uu maaliin laata jechuuf mala dha’uuf duuba hindeebine.
Yeroon manaa ba’u, deebi’ee nangalaa abjoodhee hinbeeku. Jireenya shakkiin guutame keessan jiraadha. Waan nacina darbuu mara ija shakkiinan ilaala. Hundumtuu funyoo jallinaa kan ittiin hidhaa walgalchu harkaa qaba natti fakkaata ‘Arba malaan kuffisan, duukaa shubbisan’ jedhu mitiiree? Bakakkaa jallinaa kan waliin tortoran sana keessa nama galchuuf dhamaatii isaan godhan danuudha. Yaada akkasii faana yaadnikoo waliigaluu waan hinbarbaanneef qaqawweessi ribuufi lafeekooti harca’a ga’aniiru. Bishaan darbuuf ka’e nama hin nyaatiin’ jedha Oromoon…
Boontuunkoo akkas jechuun naaf mammaakte; ‘kan firaaf elee hindhaabne, alagaaf eegee dhaabdi’ jedhan mitiiree? Yaa Magarsaakoo naan jette. Anis kan isheen naan jettu kana hubachuuf baay’ee hin rakkanne. Dhikkifati keessashee isa isheen hawwiin eeggataa jirtu sana akka ishee dhalchisu nan beeka waan ta’eef, yeroo gara yerootti yaadaan walitti bu’aa kan jiraannu yoo ta’es walaloo anaaf ishee walitti hidh tokkon akka armaan gadiitti walaleesseef:
Magaallee Oromoo gugee ija kuullee
Boontuukoo hindagadhu ani har’as borullee
Garaakootu dheebote ijakootu ilaalee
Anaaf ishee gidduu gan galu jiraaree?
Boontuuko owwaadhu maaf najalaa diddaa
Maaf natti qabsiifte barbadaa abiddaa
As jedhi Booneekoo sidhabnaan nangaddaa
Ani si argannaan hedduun gaggamadaa
Sitti of kenneetanii keessakoo sigalchee
Ajaa’ibbsiifadheera abbaa isa si dhalche
Suuqa dawoo sanatti qabee sigangalchee
Akka nama jaamaa oofee manatti sigalchee
garuu…garuu…garuu…
Maaluman sigodhe yaada jijjiirrattee
Kan biraa ilaaltee naan duubatti gattee
Amala akkasii kana eessaa biqilchitee
Utuunan sin miidhiin garaa nacabsitee
Garuu yaa Boontuukoo siinis maan komadha
Dogoggoraan oolawoo anisoo namadhaa
Maafan si hammeessa sis balaaleffadha
Gaaffiin sigaafadhe ofis nangaafadha
Ijakee miliqee dogoggoran godhe
Yoon sitti hime maali tokko lama jedhee
Siin maafan hammeessa of qulqulluu godhee
Anuu rakkoon qaba dhuguman siin jedhe
Qaqawwee keessakoo kan akka bakakkaa
Nagaakoo gonfachuuf fallisoo siharkaa
Boontuukoo jaalallee as bal’isi harkaa
Siwaliin ta’eetan galaanicha daakaa
Falli ta’uu qabu kan seera uumamaa
Wanni beekuu qabnu kan bara hundumaa
Walirratti hin yaadnu amala diinummaa
Kottu akkas jenna baleessaan unumaa!!
Boontuunkoo narraa fagaattus karaa ‘face book’ jechuunis, farda faranjiin bara keenya kan uumteen bira naaf ga’eera. Ergaan walalookoo lafeeshee keessa qaqawweessa bakakkaa kan sum’ii walabummaa of keessaa qabu kana tatamsaaseera.
Dhkkubni aniif Boontuunkoo ittiin waxalamaa jirru dawwaa ammaayyaa kanaan bira hinga’amne. Dhukkuba lafeef dhiiga gidduu fiigudha. ‘dhiigni diimatteef dhiiga miti; dhiiga keessa dhiigni jira; yoo dhiigni dhiiga beekeef…dhiiga bilisummaa kan miliyoonotaaf dhangala’ee garuu gumaan hinbaafamiin hafe dhukkuba akka qaqawwee sagalee dhageessisaa lafeekoo keessa gangalatu sanattiin fayyuu dadhabe.
Oromoon aadaa qaba; isaan keessaa aadaan eebbaafi kadhaa Waaqaa isaan muraasa. Anis dhukkuba iyya qaamakoo keessaa kanaaf fala kadhaafi eebba kanaa akka nabarbaachisu beekeen Ayyaantuu Oromoo kan eebbisee qaqqabsiu biran dhaqe. Utuman qoradhuu mana obbo Wayyeessaa Milkii cina ga’e. Godina Jimmaa aanaa Deedoo keessa jiraatu. Ayyaantuun lammataa Amboo aanaa Tokkee Kuttaayee keessa jiraatu. Isaanis Obbo Marabbaa Dirribsaa jedhamu. Maanguddoota kana cina dhaquun baay’ee nun rakkisne. Yeroonan isaan bira dhaqe ganna lalisaa waktii hagayyaa keessa Jimmaa; adoolessa keessammoo Amboonan dhaqee akka na eebbisaniifi waa’ee qaqawweessakoo kanaaf araaraafi fala akka naaf dhaamanan gaafadhe. Ayyaantuu kana lamman iddoo tokkotti fiduun dirqama akka ta’e Boontuukoo faana waliigalle. Kanas magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinneetti akka dhufan erga taasisneen Booda Gulallee mana Obbo Araarsaa Deebisaa filachuun cidha guddicha qopheessine. Obbo Araarsaanis seenaa diddaa garbummaa Oromoo keessatti dhaloota miidhaman keessaa gara namoota dhibba Afurii ol erga maqaa nuu dha’aniin booda gara dhimma keenya nu haasofsiisutti darban. Seenaa isaan nu dhageessisan sun ammoo qaqawweesi keessakooti irra caalaatti akka banbanu godheetu akkan marcuma nuuf dhaabate sana jalatti gaggabee of wallaalee kufu nataasise. Isan kufee hunduu nagangalchaa ture sana isaan malee ani hinbeekun ture. Ani akkuman kufeenan abjuu tokko keessa seene. Innis namoota ardii torbanirraa wayyaa diimaa magariisaan walmake uffatanii Biyya Magarsaa Lalisaafatti dachaana, Biyya Magarsaa Lalisaafaatti dachaana jechaa sirbaa, shubbisaa, lafa dhiitaa, kaan iyyaa, kaan ammoo bo’a gammachuu boo’aa walkeessa fiigun arge. …yeroon iddoo kufe sanaa ka’u ani fayyaadha!
Obbo Wayyeessaa milkii anaafi jaalalleekoo kanan akka ofiikootti jaalladhu Boontuu faana Bookaafi Coqorsa harkatti akka qabannu nutaasisuun akka kanaa gadiin Waaqa nuuf kadhatan; nutis jalaa qabne.
Na oofkalchaa oofkalaa
Na oofkalchaa …… oofkalaa
Na oofkalchaa …… oofkalaa
Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi… nu oolchi
Hamaan gargar nu oolchi ….. nu oolchi
Irraa gora nu oolchi …… nu oolchi
Dogoggora nu oolchi ….. nu oolchi
Citiin sadii citii sadan nu oolchi….nu oolchi
Citii waraanaa nu oolchi ….. nu oolchi
Citii waraansaa nu oolchi … nu oolchi
Kan caamee goggogsu nu oolchi …. nu oolchi
Kan roobee tortorsu nu oolchi….. nu oolchi
Walbira oolchii nu bulchi…. nu bulchi
Waliigaltee nuu kenni …. nuu kenni
Waliigalii nuu toli ….. nuu toli
Sonii nuu roobi …… nuu roobi
Waan rooba keessa jibban nubaasi … nubaasi
Waan caama keessa jibban nubaasi … nubaasi
Egaa nagaya ….. nagaya
Barri quufa, Gadaan gabbina ……gabbisi Waaq!
Nutis hayyee nuuf haata’u jechuun eebba obbo Wayyeessaa akkuma jiruun fudhannee kan obbo Marabbaan nu eebbisanis akka armaan gadiin simanneerra. Obbo Marabbaan seenaa gootummaa isaanii erga nuuf dhaamaniin booda, eebba obbo Wayyeessaa yaadaan akka qabatanitti kan ofii isaanii ammoo akka armaan gadiin nuun ga’an:
Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haaga’u …… nu haagahu
Bakkalchi bakkee haata’u …. haata’u
Bakkeen nagaa haata’u …….. haata’u
Qorroon dibdibbee haata’u …… haata’u
Dhiigni dhallaadduu haata’u …. haata’u
Adamoon deettii haata’u ….. haata’u
Duulli dannaba haata’u ….. haata’u
Rimaan haphee haata’u ….. haata’u
Kormi cirrii haata’u …. haata’u
Dhugee haa booressu ….. haa booressu
Dheedee haa barbadeessu…… haa barbadeessu
Booruun gabbina haata’u … haata’u
Barbadaan suga haata’u ….. suga haata’u
Dhugaan tulluu haata’u …… haata’u
Dharri sulula haata’u …… haata’u
Anaaf sihii hinmaqsin… hinmaqsin
Kan ormi maqe nuhinga’in ….uhinga’in
Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu …..haaguutu
Egaa nagaya …… nagaya
Haleele ……… Diina haleeli!
…jedhanii eebaafi kadhaa Waaqaa walharkaa fuudhuun nurratti gadi dhiisan. Nus akka gammaduuf aara galfachuu taane. Qaqawweessi keessa keenyaa sunis akka nuuf qabbanaa’uu ta’e. Bokkaa nagaaf gammachuutu lafaaf nama keenyarratti roobe. Maanguddoonni kunis ‘dargaggeessi qeensa qeerransaati’ jabaadha hojjedhaa yaa ijoolleekoo jedhanii nugeggeessan. Nus akka iddoon seenaa qabeessi kun nujalaa hindagatamneef lafa irratti eebba fudhanne kana ‘Qaqawweessa Bakakkaa’ jenneetu moggaafne!

No comments:

Post a Comment