Friday, October 18, 2013

Ba’aa Wal Irraa Qooddachuun, Humna Ta’a Jiraachuu Keenya Mirkaneessa !!!!!!

Sochiin Qabsoo Oromoo mirga abbaa Biyyummaa deeffachuuf gama hundaan gaggeeffamaa jiru, har’a sadarkaan inni irra jiru akka gaaritti kan hubateef, dhalli Oromoo kan yeroo kamirrayyu caalaa, akka waliiif birmachuu qabu kan nu akeekudha. Dhiheenya kana Ilaalchi lama mooraa qabsoo Oromoo keessatti ifatti of haa labsu malee, har’a , Ilaalchi kun odoo hin jaallannee diinni mataa isaa gama tokkotti luucceessaa jiraachuu qabatamaan kaasuutu danda’ama. Diinni adda duraa wayyaanee fi kanneen gabroonfattoota kaleessaa, Biyya alaa sochiin taasisaa jiran, Ilmaan Oromoo gara kamitti oofaa akka jiran, walitti himuun barbaachisaa miti.
Hiraarrii fi mirga dhablee ta’uun yennaa hammaatu, kan miidhaan irra ga’u maal akka murteeffatu wal hin gaafannu. diinni keessaa fi alaan dhabama keenya wayita hawwu, dhabama koo dhiheessuuf waliin tirtiruun, adeemsa siyaasaa keessa kan jiru natti hin fakkaatu. Yoo dhiibbaa jiraateen alatti. Waan maraafu, dhalli Oromoo odoo hin jaalanne , ba’aa wal irraa qooddachuu qabu, haalaan heddummaachaa jiraachuu hubachuun barbaachisaadha. wal malee furmaati akka hin jirrees qalbeeffachuun gaari.  Sochiin kana booda nu barbaachisu, kan taa’anii wal irratti ialaalan yk maaltu na dhibeen kan callisanii bira taran ta’aa hin jiru. keessaa fi alaan, bakka jiranitti akka nama tokkottis ta’ee , akka gamtaatti wanni waliif ba’aa qooddannu hedduudha.
Addatti beektoota keenya Biyya keessaa fi alaa irraa kan eegamu. Odoo hin jaallannee dhala Oromoo Addunyaa kana irra bakka fedheyyuu haa jiraatu, shira Oromiyaa haalaan hudhaa jiru kana keessaa baasuuf, tattaafii mataa isaanii taasisu qaba. Addatti kanneen hojiilee gara garaan , dhaabbilee edila adduynaas ta’uu kanneen biro keessa jiran yk hojjatan, adeemsa wayyaanootaa Ummata Oromoo bara baraan cabsuuf shira gaggeessan kana hubachiisuu fi haala kana irratti maaltu hojjatamu akka qabu, mari’achuu qabu jedheen yaada.Qabxiileen kaasu, kanuma hundumtu hubatu garuu callifnee ilaaluun kan nu irra hin jirre, boruu rakkoo keenya isa hamaa wareegama ulfaataa nu gaafatu ta’u irraa ammumaa irratti hojjachuun akka nu barbaachisu hubachiisuufi.

 1.OROMIYAAN MAQAA INVESTIMANTIIN GURGURAMAA JIRAACHU:-
Kun qabxii haaraa ta’uu hin danda’u. garuu callifnee ilaalaa jiraachuu keenya irraa balaan hegaree keenyaaf nu eeggatu bal’ataa jiraachu hubachuun barbaachisaadha. Wayyaaneen ta’e jettee, addatti Investaroota, Ameerikaa , Hindii , Chaayinaa , Ingilizii, Jarman, Faransaa, Jaappaan, Saa’udii, Xaaliyaanii , Raashiyaa amma tokko miilatti kuftee kan Biyyatti afeeraa jirtu, maaliif akka ta’e kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Investaroonni Biyyoota eeramanii harki 99 Oromiyaa keessatti akka investi godhan taasifamee jira. Wayyaaneen maaliif dantaa jajjabaa Oromiyaa keessaa akka qabatan akka taasiftu hubachuun nama hin dhibu. Gabaabaatti garuu gaaffii Ummata keenyaa tole jedhanii akka hin fudhanneef ta’un shakkii hin qabu. Fakkeenyaan ibsuu ni dandeenya.
Filitsixeem haqa odoo qabduu bilisummaa dhorkatamtee kan jirtu, ijoolleen ishee hanga har’aatti wareegaman xiqqaate miti. Qabsoon isaanis humna dhabee miti.abbootii addunyaa keenya dursantu hudhanii qabaniiti.boriif nu toltu hsariikoota walii jedhameeti. Ykn akka barbaadanitti ajajachuu dadhabu irraati. Siriyaan har’a hammacamaa fi rakkataa kan jirtu, inni tokko sin gooba yennaa jedhu, inni tokko lakkii hin goobdu kan jedhuun, inni tokko dantaa koof jedheen si tuma yennaa jedhu, inni dantaa biraa keessaa qabu ammo, dantaa kee qofaa hin ilaaliin koos keessa jiraa hin tumtu jedhee, Biyyi sun humna abbootii irree giddutti rakkataa jirti. Kun hundumtu, Abbootiin humnaa dantaa ofiif waan taasisaniidha.Ameerikaan dantaa ishee galchuuf namicha kaase malee jetti. Raashiyaan ammo dantaa keessa qabdiif dura dhaabbatti. Carraan wal fakkaataan Oromiyaa mudachuun waan hin hafne. Kana ammo qaama tokko qofaa odoo hin taane, Ilmaan Oromoo hundi dhuunfaa irraa jalqabee wal hubachiisuu, shirri nu irratti gaggeeffamu akka lafa hin qabannee qacaleetti akkataa ittii maseensuu dandeenyu irratti hojjachuu qabna.
Tarii gama kanaan waan nu irratti hojjatamaa jiru, gaafa Biyya keenya dhuunfanne sirreessina ykn mala itti barbaanna jechuu dandeenya ta’a. garuu kun salphaa hin ta’u. wanni har’arraa kaafnee hojjachuu qabnuu fi warra ija junuuffatee itti seenaa jiru kana hubachiisuun dansaadha. Boru dantaaf jedhamee kan nu dura dhaabbatu heddummaachuun hin hafu. Keessattu chaayinaa fi Hindiin mana banaa kana ilaallatanii wanni nu irrattii gadi jabeessaa jiran, callifamee kan ilaalamu miti.wayyaaneen ta’e jettee Itoophiyaan giddu gala Afriikaa bahaa taasisanii, Biyyoonni dhihaa Afriikaa bakka Afuritti qoodanii humnaan bulchuuf sagantaa qaban milkeessitee jiraachuu gama tokkon, chaayinaan Afriikaa irratti karoora qabdu raawwachiisuu gama tokkon qabattee sochiin taasisaa jirtu, hegaree keenya hin miidhu yoo jenne , bilchina dhabuu keenya mul’isa. Haala hubachiisuuf dhalli Oromoo Biyya keessaa fi alaa ba’aa kana qooddatee hegaree keenyaaf qooda mataa isaa gumaachuu qaba.
2.AMANTII WAL QABATEE WAAN GAGGEEFFAMAA JIRU:-
Wayyaaneen sochii hawaasa musiliimaa Biyya keessaa gaggeeffamaa jiru, akkamiin itti fayyadamaa akka jirtu waan ifa jiru. Wayyaaneen karaa fedheenu haa ta’u, Biyyoota dhihaa biraa fudhatama argachuuf, ajandaa isaanii akka gaaritti qorattee waan isaan brbaadan hojjattee, waliin tarkaanfattee jiraachuu barbaaddi. Shira ishee kanaan hin fayyadamne jechuu hin dandeenyu. Gama kanaan Ummati Oromoo irra jireessi Hawaasa musiliimaa ta’uu irraa, keessattu “Mootummaa Islaamaa dhaabu barbaanna”isa jedhuun wal qabatee sochii jiru kana gara Oromootti micciirtee , gaaffii Abbaa Biyyuummaa qabnuun wal qabsiiftee, gooftolii isheetti akkaataan itti dhiheeffataa jirtu ifatti mul’achaa jiraachuu guyyuu argaa waan jirruuf, shira kana fashalsuuf dhalli Oromoo hundumtu , adeemsa shira wayyaanee kana dura dhaabbachuun dirqama isaa ta’uu hubachuu barbaachisa. Waan keeniyaa keessatti umamee fi qalbii addunyaa harkise ilaallattee, lammiilee somaaliyaa Ummata fixuuf turan , boonbiin harkatti dhohee du’an jechuun kun dubbii gara kamitti qajeelchuuf akka ta’e hubachuu nu barbaachisa. Wayyaaneen har’a, Biyya kana keessa leelliftummaa amntiitu jiraa, caasaan Alqaa’idaa jiraa, jettee humnoota alaa amnsiiftee jiraachuuf shira halkanii fi guyyaa raawwataa jirti. Kanaaf dubbii hammaataa kana gamtaan wal bira dhaabbannee , ba’aa wal irraa qooddachuun murteessadha.
3.QABSOO OROMOO DIIGUUF GANDUMMAA BABAL’ISUU:-
Mooraa qabsoo Oromoo diiguuf toftaan adda duraa diinni Biyya keessaas ta’ee alaa fayyadamaa jiru, ABO laamsheessudha. ABO laamsheessuuf ammo toftaan adda duraa ,miseensa dhaabaa fi hawaasicha gandaan adda qoodanii ABO keessaa akka ba’an taasisuudha. Haala kanaan shiroonni waggoota 10n dabran hojjataman seenaan katabee kan kaa’eedha. Ummatis ifattii kan argee fi taajjabeedha. Sochiin kun har’as hin dhaabbnne. Shirri kun wayyaanee qofaan kan gaggeeffamu miti. Warri dhihaas, yaada lakkofsa 1 fi 2 ffaa irra kaa’een wal qabatee “daseeti kirstaanaa gaanfa Afriikaa irraa dhabuu jibbaaf” hammeenya wal fakkaataa nu irratti gaggeessaa jiraachuu , namoonni keessa isaa akka gaaritti beekan ni dubbatu. Adeemsi isaanii kun sirri akka hin taane ifatti illee itti himaa jiran.
Ilmaan Oromoo sochii qabsoo Oromoo jajjabeessuf gama hundaan sochii wayita taasisan , shiroota akkasii irraa of eeggachuun hedduu barbaachisaadha. Keessattu dhaloota qabsoo kana hundeesse diiguuf , akka gamtaa hin qabaanne taasisuu fi adeemsa qabsichaa harkaa baasuuf sochiin taasisan, Ilmaan abbaa tokko wal dura dhaabuu qofaa odoo hin taane, akka wal balleessaniifillee irratti hojjatameera. Gama kanaan milkiin argatan hin jiru. Garuu qabsoo keenya miidheera .dhalooti har’a yaboo fudhachuuf deemu, harka rukuttaa fi kunuunsa irra keessaa halgaa irraa of eeggachuu qaba.
Gama biroon qabsoon Bilisummaa abbaa akka dhabuf shirri hojjatamaa jiru jiraachuu hubachuun barbaachisaadha. Gargaarsii fi meeshaalee kunuunsaa qalbii nama hatanitti jarjaruun hegaree keenya dukkaneessa. Waan kanaan dura hin milkoofne irra deebi’uun Ummata nutti abdate nu eegu cabsuu ta’uu hubachuun dansaadha. Namni dubbii haalaan hin beekne, itti himanu hin galuuf jedhama. Nama Ummata kana qajeelchuuf kaane jedhu kana hubachuun isa dhiba taanaan , adeemsa isaa dhiisee , ulaa dandeettin isaa jirtu soqachuu wayyaaf. Sochii akkasii taasisitii , yoo deeggarsa Ummataa argatte, ebaluufaa ofitti fudhuu, ol aantummaa kee kabachiisi jedhamee ykn siin maaltu si hanqata Oromoo bulchuuf ykn qabsoo Oromoo dursuuf jedhamee yaadi halgaa ykn faranjii irraa dhihaatu akka gaaritti xiinxalu barbaachisa. Shirri kun qaama tokko qofaan kan dura dhaabbatamu miti. Gamtaa barbaada. Keessaa fi alaa wal hubachuu barbaachisa. Ba’aa kana wal irraa qooddannee , humna eenyullee nu hin diigne ta’uu mirkaneessuu qabna.

4.OROMIYAA NAANNOOLEE BIROON WALITTI HIDHUU :-
Qabxii kana gama hedduun ilaalu dandeenya.
A.Dachee Oromiyaa warra ishee daangeessanitti kennuu,
B.Oromoonni Oromiyaa irra Naannoolee biro keessatti qabeenyaa akka horatan taasisu,
C.Finfinnee,Dirree Dawaa,Harar, Oromiyaa jalaa baasuuf fi sagantaa itti deemaa jiraniin, Naqamtee,Jimmaa, Adaamaa,Gobbaa mirga sabootaa keessatti kabachiisuu sababaa jedhun ormiyaa keessaa moggeessuu fi kkf
D.Namoota Naannoolee biro Afaan Oromoo beekan Oromiyaa Bulchuu keessatti qooda akka qabaatan taasisuu,
E.Magaaloota barbaadaman keessatti bor sagaleen hiree murteeffachuu yk Oromiyaa keessa jiraachuu fi dhiisu yoo umami illee akkamiin baayyina Ummata Oromoo Magaaloota barbaadan keessatti akka hanqisan irratti hojjachuu ega jalqabanii bubbulan.kkf kaafnee ilaalla.
Yaadi kun salphaa har’a xiyyeeffannaa yoo dhabe , boruu gara itti qaban hin qabu. Har’umaa garu karaa tolu hundaan irratti hojjachuun gaariidha. Sochii bal’laa fi humna jabaa barbaadu kana namoota muraasaan ykn dhaabatti gannee kan dhiifnuu miti. Ba’aa kana hundumtu qooddate rakkoo kana irratti qophii barbaachisu karaa ogummaa fi beekumsa isaa taasisu qaba yaa firaa.halagaan daboon nu irratti bobba’e, karoora waggaa 50 qabatee nu irratti hojjataa jiraachuu hubachuu qabna.keessattu dhalooti itti aanu bakka jirutti shira wayyaanee kana itti dammaquun fardiidha. Beektoonni keenya waltajjii siyaasaa irratti wal hudhuu irra siyaasa isa siyaasatti jiruuf dhiisanii gama ogummaa koon maal gumaachu jedhanii , qaama siyaasa gaggeessun mari’atanii hojjachuu qabu. Hundumtu siyaasa keessa ykn siyaasa dursuuf yoo arreede, rakkoo amma itti jirru fi dabre dabaluun ala furmaata hin fidu. Gareen Dippiloomaa malee koleejoota keessaa yaa’ee bosona seene humnaan dhufe waggaa amma kanaaf nu cabsuu isaatti qaanfachuu qabna. Isayyuu kanuma keenya nu irratti goobsee.Hojiin irratti hojjatamu heddummaachuun ba’aa nu irratti dabalaa deeme akka nu laamsheessu hubachuun dansaadha.
Itti fufa ….. Galatoomaa !!!!!!!!!!

Tan Dabre:
19. IRREECHI , UMAMA ISAATTI DEEBI’UUN DIRQAMA !!!!!
18. SEENAA GABRUMMAA DHAALUUN YOOM DHAABBATA?
17. SHIRA DIINAA IRRAA OF TIKSUUN, MEESHAA WARAANAA CAALA!
16. MIRGA KEENYA , IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !!!!!!!!
15. MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN DHIDHIIBBAAN HALAGAA, LAMMATA CABUUDHA
14. KANNIISA KUMATU, DAMMA HOJJATA!!!!!!!!
13. MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !! Kutaa 3ffaa
12. MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !! kutaa 2ffaa
11. MANNI GOGAA WARAABEESSAAN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !! kutaa 1ffaa
10. DUKKANNI KAN HAMMAATU, GAAFA BARI’UF JEDHUDHA.”
9. MIIDIYAA BAAYYINA KEENYA IBSU NU BARBAACHISA !!!!!
8. MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN
7. HUNDA DURA, BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!!!
6. “DHAABU DADHABU, HAADHEE BALLEESSUU HIN DADHABU”
5. MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!! kutaa 3ffaa
4. “MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!!” kutaa 2ffaa
3. “MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!!” kutaa 1ffaa
2. QABSOON OROMOO “CHAAMPIYOONS LIIGII ” MITII !!!!!!
1. WALII GALAN, ALAA GALAN !!!!

No comments:

Post a Comment