Tuesday, October 29, 2013

Oromootni biyya Noorwey jiraatan Itoophiyaarratti hiriira mormii Bergenitti bahan


Saturday afternoon demonstrated Ethiopians against the abuse of dissidents in the country. Photo: Eirik Hagesæter
                                    Oromoota Itoophiyaa mormuuf  hiriira  Norwey, Bergenitti bahan. 26-10-2013

Gaafa Onkoloolessa 26 bara 2013, Oromootni biyya Norwey keessa jiraatan mootummaan Itoophiyaa mirga uummata Oromoo biyya keessatti dhiitaa jira jechuun mormii isaanii dhageessisaa oolani. Hiriira akka sa'aa Oslootti 13:00 haga 16:00tti taasifame kanarratti Oromootni haga 100tti tilmaaman qoodafudhatanii ture.
Kaayyoon hiriira mormii sanaa gochaa gar-jabeenyaa mootummaan Itoophiyaa uummata Oromoorraa geessisaa jiru mootummaa Norweyitti saaxiluu fi irratti akka dhiibbaa taasisan gaafchuufi dha, jedhani warra hiriircha qopheessan jaarmiyaan hawaasa Oromoo Bergenii fi koonyaan ABO Bergen qaamaan akka Raadiyoo Simbirtuutti himanitti.
Dhaadannoo: Mootummaan Itoophiyaa abbaa irree ti! Abbaa irree gargaaruun haa dhaababtu!, Hidhamtootnii siyaasaa biyyattii haa hiikamaniI obbo Baqqalaa Gabraa obbo Olbaanan Leellisaa, fi obbo Iskindir Naggaa haa hiikamani!,  Oromiyaa saamuu haa dhabbatu! Oromoo hiraarsuu fi ajjeessuun haa hafu! fi kkf dhaageessifamaa oole.
Hiriira sana irratti daa'immaan, dargaggootaa, shamarraan, manguddoo fi haadholiin bakka adda addaatti heduminaan irraa qooda fudhatanii jirani.
Hiriirri mormii kuni waajjira ministirii haqaa irraa eegalee karaalee gurguddoo magaalaa Bergan irratti taasifamaa oole. 
Dhuma hiriiraarratti xalayaan iyyannoo mootummaa fi dhaaba sisyaasaa yoroo amma Norwey bulchaa jirutti dhihaachuuf barreefame hirmaattotaaf dubbifame.
Itti fufees, itti gaafatamtooni hawaasa Oromoo Bergen fi bakka buutotni ABO koonyaalee fi ol-aanoo dabareen haaswaa taasisani. Hooggana ABO ol-aanoo bakka bu'uu kan haasawaa taasisan miseensa SHG-GS ABO Dr. Dagafaa Abdiisaa fi miseensa GS-ABO aadde Aster Gammadaa "mootummaa uummata Oromoo fi cunqurfamoo impayerittii keessaa biroo  hacuucaa  jiru ofirraa kaasuun mirga ofii kabachiifachuudhaaf ijaaramuu fi qabsoo bilisummaa daranuu jabeessuun dirqii dha" jedhani.

No comments:

Post a Comment