Sunday, October 27, 2013

Jaal Obsee Margoo


Jaal Obsee Margoo
Jaal Obsee Margoo
Jaal Obsee warqeekoo, sabbontuu Oromoo!
Haasawaa fi dubbiin kee kan nuuf qabu Simboo!
Haalaa fi amallii kee kan hundaa hawwatu
Kabajaa fi safuun kee kan namnuu dubbatu
Toltuu, kaamettii koo, kankee maal himanii, kamimmoo dagatuu?
Tollii fi gaarummaan kee lakkawamee hin dhumu
Burqaan arjummaa kee waarabamee hin gu’uu (2x)
Gaarummaan gonfamtee, tolaan dhangi’amte
Jalqabuma duraa, gaafuma dhalatte
Eebbaa fi kennaa guddaa kan Waaqni siif laate (2x)
Miidhagduu, bareedduu dunbushee intalaa
Bareedinaa fi simboo keessayuu amala
Waaqni siif kenneera kan caalu jaalala (2x)
Qabsooftuu Oromoo, haadha manaa gootaa
Walitti qabduu koo hundaa Oromootaa (2x)
Beektuu intala Oromoo kan hin qabne mudaa!
Hundumaa kabajjaa, beekaa, xiqqaa fi guddaa
Obsee obsituu koo, kan tiksitu waadaa!
Safuu hin dagatne dagaagsituu aadaa (2x)
Kanaaf si abdanna, kanaaafis siin boonna
Yeroo cinqaan dhufu lakki maaf dhiphanna
Obseenoo nuuf jirti, ishee uf biraa qabna
Jaal qabsoo dhugaa sayibummaa faana
Kan dorgamaa hin qabne maal wal cinaa qabna?
Akkasfaa jetneetu namatti himanna
Yaaddoon tokko hin turre waan hunduu cimina! (2x)
Jetnee osoo hin turiin osoo hin tilmaamiin
Maal akka abjootte, maallis akka yaadde osoo nuuf hin himiin
Haala dhukubakees osoo si hin gaafatiin
Qabnee si hirkifnee osoo si hin wal’aaniin
Dhaamsa qabdu hundaa osoo nuuf hin dhamiin
Kaayyoon saba Oromoo osoo galma hin gahiin (2x)
Oduu gaddisiisa guddoo rifachiisaa
Kan namnuu hin yaadne nama falmisiisaa
‘Obseen ni dadhabde biyya Norwayitti
Takkaa hin yaadamne du’a akka tasaa ti.’
Jedhani naaf ergan namooti dhamsaani
Waanaan ta’u dhabee uf dhahee lafaani
Kun dhugaa moo sobaa maali dubbiin kuni?
Maalo mee naaf hima haala isaa dhugaanii (2x)
Guddoo rifachiisaa, akkaan nama aarsaa
Yoomuu hin haqamu qalbii namaa keessaa
Jaalalli obseen qabduu onnee keenya keessaa
Barabaraan teessi galmee seenaa keessa (2x)
Abbaan warraa Obsee Jaalle Daawud Ibsaa
Goota-jabaa guddaa saba Oromoo keessaa
Firoottan obsee warri biyyaa alaa fi warri biyyaa keessa
Jabinna isaa isiniif ha kennuu Waaqni hunda qabeessa!(2x)
Lubbuun aaddee obsee hamaaramtu, haagaltu Jannata
Waaqni ha qananiisu ha kennuuf raamata (2x)
Siifan Sabaan
Netherlands irraa
Onkoloolessa 25/2013

Dhaamsa Jajjabinaa

jobsee1Jaal Obseen erga gara qabsootti dhuftee yeroo dheeraa waliin dabarsine. Hariroon keenyi akka jaalaatti halaan jabaa ture. Akka jaallummaa qofaatti kan walitti siqnu osoo hin taane akka dubartummaa fi hiriyyaa iccitii dhunfaa waliin qoodatuuttis turre. Hiriyyaa koo dhugaa fi iccitii turte,jaal Obseen..
Yeroo dheeraa waliin dabarsine keessatti jaal Obseen haalli fi rakkoon fedhe yoo dufellee amalli ishee kan hin jijjiramnee fi kan nama hin nuffinee dha. Hanga dhumaatti kan nama waliin dhabattuu fi kan nama gorsitu akkasumas kan nama jajjabeessitu turte.
Jaal Obseen nama rakkate bira garaa ittin darbitu hin qabdu. Garalaafummaan ishee dangaa hin qabu. Nama gargaruu fi nama tajaajiluuf kan uumamte fakkaatti.
Hundaa caalaa ammoo sabbonummaa ishee fi kaayyoof amanamummaan ishee maaloo osoo Oromoon hunduu akkas ta’e nama jechisiisa. Nama kaayyoo sabaaf dadhabduu fi yeroo ishee hunda sanaaf kennitee turte. Jaallan bakka adda addaa jiran quunnamuu fi jajjabeessuun hojii ishee ture. Durbartoota Oormoo biyya Eritrea jiran yoroo rakkinaa fi bal’inaa biraa hin dhibamtu ture. Kana malees, dubartootni Oromoo ijaaramanii akka saba isanaiif gumaachan gochuu keessatti namoota adda-durummaan hojjetaa turanii, qindeessanii fi hoogganan keessaa isheen nama tokko turte.
Nama akkasi akka tasaa ufbiraa dhabuun waan guddoo nama rifachisuu fi nama gaddisiisuu dha. Keessattuu maatii, firrottan , jaallanii fi hirriyyoota ishee hundaaf jaal Obsee battalatti ufbiraa dhabuun guddoo ulfataa dha.
Addattimmoo abbaa-warraa ishee, HD-ABO, jaal Daawud Ibsaaf gadda gaddaan olii ti. Nama dirqama fi gaafatama ulfataa saba Oromoo baatee jiru irratti gaddi akkasi dabalamuun guddoo ulfataa fi hamaa dha. Gaddii kun kan ilmaan Oromoo hundatis.
Kunis waan WAAQAA waan ta’eef waanti isa falman hin jiru. Oromoon haala dandahamee hundaan abba warraa jaala Obsee, Jaal Daawud Ibsaa fi firoottan ishee waliin gadda kana qooddatee jajjabeessuun dirqama Oromummaa ta’a.
Waaqni lubbuu jaal Obsee qananiisee jannatta keessa nuuf haa kaahuun jedha.
Abba warra jaal Obsee Jaal Daawud Ibsaa, maatii, firoottan akkasumas jaallanii fi sayiboota ishee hundaaf waaqni jajjabina isaa haa kennuuf!
Jaal Siifan Sabaa
Netherlands irraa

No comments:

Post a Comment