Wednesday, October 16, 2013

Giimii Ukkaamame – Asoosama Gabaabaa

Kaleessarra har’a wayya laataa jennaan, kan durii ammarra wayyoome. ‘Jagni hin quufu jennaan, waraabessi nyaataa bule’ jedha mammaakaan Oromoo. Guyyaansaa onkoloolessa 4 bara 2013 ture kanan lafa seenaa Oromoon qabdu keessaa dirree shekahuseenaa daawwachuuf manaa ba’e. Lafti ka’umsakoos magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee lafa Dachee Golbaa jedhamurraati ture.
Yeroon manaa ba’eefi akkatti manaa ba’es ta’ee, maaliif akkan manaa ba’e yeroof wanti naa ife waan hinturreef, utuu waan geejjibaaf tajaajila kennan hedduun magaalicha keessa baay’atanii jiraniiti ani garuu miillan ittiin dhaladheen imalakoo kanan itti fufuukoo arge ergan halkan keessaa sa’a 6 tti magaalaa Bushooftuu ga’eetani. Magaalattiinis Haroo uumamaa gama hedduun itti marfamteen kan badhaateefi kan keessaa miilla fuuchuunsaa namatti hintolle miidhagduu uumaan dhoksee iddoo sana kaa’edha. Lafa daawwatamuuf tuuristoota hedduu ofitti harkistu ta’uushee qofa utuu hintaane, kan qilleensi haroo sanarraa ka’u nyaata malee akka buddeenaa nama quubsudha haalli teessuma magaalaa Bushooftuu. Read more…

No comments:

Post a Comment