Thursday, October 24, 2013

Eebbi Hawaasa Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal’s (Norway) Sirna Ho’aadhaan Kabajaame

Hawaasni Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal’s (Norway) yeroo dheeraaf karaa marsaa interneeta kan beeksiisaa turan Sirni kabajaachuu ayyaana isaanii milkaa’ina argattee guyyaa gaafa 12 Onkoloolessa 2013 bakka galama Tingvoll Alder Senter jedhamutti waaree booda sa’aa 4:00 hanga sa’aa 11:00 tti bakka Saabboontoonni Oromoo, Lammiwwaan Norwayii fi sabaaf sab-lammiin addaa addaa kannen Eriteriyaa, Somalee, Kongoo fi Keniyaan irraa dhuufan argamaniitti sirna ho’aadhaan kabajaamee oleera.
Oromoon aadaa, afaan fi seenaa nama boonsu qaba, biyya hambaa jiraannuus aadaa keenya guddisuu kan nu dangeessu hin jiru jechuun, gara kuuteenyaan wal gurmeessanii baayyinni isaanii lakkofsaan nama torba kan ta’aa hawaasni Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal’s (Norway) abjuun isaanii dhugoomee sirna kabajichaa irraatti kaka’uumsii fi ifajjee isaan taasiisaan namoota heedduu lammiwwan norwayii dabalattee guddaa ajaa’ibsiiseera.

No comments:

Post a Comment