Saturday, June 21, 2014

Wallagga,Najjoo Keessatti Hojjettooti Mootummaa 3 fi Jiraattoti Magaalaa Namni 4 Miseensummaa ABOn Shakkamuun Loltoota Wayyaanee Agaaz Jedhamuun Qabaman.

Irree diinaa ni cabsinaGabaasa Qeerroo Najjii,Waxabajjii 20,2014, FDG dhahataan itti fufee sadarkaa uumata Oromoo abdachiisuu fi Wayyaanee ammo abdii kutuun gahee jiru irratti humna waraanaa qabu fi ergamtoota mootummaan Wayyaanee qabuun diddaa ukkaamsuuf shira inni Uummata Oromoo irratti hin wixiniin jira hin fakkaatu. Sochii FDG uumata Oromoon qabateen wal qabatee Wallagga,Najjoo keessaa  ilmaan Oromoo nagaa 148 mana hidhaa keessatti ugguramaa jiran keessaa 50 kan ta’an haalaan miidhamanii maatiin isaanii yaaddoo keessa galanii akka jiran gabaasi maadheen qeerroo Wayyaanee keessaa addeessa.
Itti fufuun Wayyaaneen TPLF Waxabajjii 20,2014 Oromoota nagaa fi hoggantoota caasaa OPDO aanaa Najjoo  7 guyyaa har’aa manaa fi bakkoota hojii isaanii irraa qabuun mana hidhaatti galchanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa. Kanneen kunis:-
1.Ijigaayyoo Akumaa-Hojjettu Dhimma Dubartoota Aanaa Najjoo
2.Tafarii Jiraataa-Dura ta’aa gandaa
3.Sooromaa Abbayyaa-Hojjetaa buufata konkolaataa magaalaa Najjoo
4.Malkaamuu Eebbisaa-jiraataa fi qote bulaa magaalaa Najjoo
5.Nigaatuu Dheeressaa-Jiraataa magaalaa Najjoo
6.Abennet Dirribaa-Hojjettuu Dhimma Dubartootaa
7.Dhufeeraa-jiraataa magaalaa Najjoo
Jarreen kun maadhee ABO ti sababa jedhamuun akkuma qabamaniin mana hidhaa keessatti dararaan akka irraan gahame  Qeerroon magaalaa Najjoo irraa gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment