Saturday, June 7, 2014

Finfinnee: Reeffa oomishuun kan beekamu mannii hidhaa Itoophiyaa ammaas reeffa Nimoonaa Xilahun baase.

                 
                              Suurraa: Nimonaa Xilahun, madda: marsaa FB
Wagggaa 6f mana hidhaa gara garaa keessa hiraarsa dorgommii hin qabne keessa kan ture dargaggoon Oromoo, Nimoonaa Xilahun osoo hidhaatii hin bahiin gaafa  Waxabajjii 6, 2014 du'e. Sababiin du'aatiisaas reebbiichaa fi gocha suukkanneesa mana hidhaatti irra gahee fi tajaajila fayyaa mootummaan dhorkachuusaa ti, jedhu hiriyyoonnisaa isa hordofaa turani.
Nimoonaa Xilahun  Wallaggaa Bahaa, Arjotti wayita sadarkaa 2ffaa baraturraa kaasee Oromummaasaan yakkamee hidhamaa ture. Yuniversitii galee bara 2007 eebbifamee bahee barsiisumaman dalaga eegalee osoo hin turiin  humnoota tikaan Finfinnee keessatti ukkaamsame, Waxabajjii 2008.
Guyyaa qabamaerraa kaasee manneen hidhaa beekamoo fi dhoksaa keessatti reebbichaa, tushaan gubuu fi gombisanii hiraarsuun irra gahaa ture. Ganna jahaaf miidhama irra gaheen haalaan hubamee dhukkubsatus, mootummaan tajaajila fayyaa isa dhorkate.
Erga lubbuunsaa du'a gahee waraanaan marsee dhumarratti mana yaala geessamus, Nimoonaa Xilahun lubbuun deebi'uu hin dandeenye.
Firrii fi hiriyyoonni isaa reeffasaallee xaarii dheeraan booda mana yaalal MINILK keessaa argatanii, gaafa Waxabajjii 6, 2014 reeffasaa gara maatiisaa, Arjotti ergame.
Niimoonaan nama qaroo, dhimmii sabasaa isa dhukkubu, gootaa fi  egeree Oromoof nama abdatu ture jedhu warri itti dhiheenyaan isa beekan hedduun.
 Nimoonaan kan ititin himatame gaaffii bilisummaa Oromoo kaafteettaa fi ABO  waliiin hidhata qabdaa kan jedhu ture.
Lakkoofsi Oromoota manneen hidhaa Itoophiyaa keessaa du'anii reeffi isaanii bahuu yorootii gara yoroottii dabalaa jira.
Raadiyoon Simbirtuu, ekeraa Niimoonaa Xilahuniif jannata, maatii, firaa fi hiriyyootassafimmoo jajjbina hawwi ti.
07.6.2014

No comments:

Post a Comment