Tuesday, June 17, 2014

Hundeeffamni SBO Waggaa’n 26ffaa Godinalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Kabajame.

                                                                     SBO
Gabaasa: Waxabajjii 15,2014 Godinalee Dhiha Oromiyaa garaagara keessatti Waggaa 26ffaan hundeeffama Raadiyoo Sagalee
Bilisummaa Oromoo bifa howwa ta’een kabajame. Guyyaan hundeeffama SBO Godinalee akka Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Lixa Shawaa Amboo, Kibba Lixa shawaa , Bahaa Wallaggaa Naqamtee, fi Dabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitoota fi kolleejjota Godinicha keessatti argamaniin sabboontoota Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoo fi miseensota maadhee ABOtiin kabajamuu gaabaasan bakkota hedduu irra arganne ni addeessa.
GODINA JIMMAA: Waggaa 26′n hundeeffama SBO sabboontota Oromoo, Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa,sabboontota Oromoo fi miseensota maadhee ABOtiin kabajame. Ilmaan Oromoo akkata walitti dhufeenya isanitti walitti dhufuun dungoo diimaa magariisa diima qabsiifachuun SBO sagalee bilisummaa Oromoo isa jalqabaa fi jalatamaaf kabajamaa afaan uummata keenyati jechuun jalala fi kabaja SBO’f qaban waliif ibsuun, injifannoo fi bu’ii ba’ii ukkamsaa diina keessa darbee SBO’n har’a ga’uun isaa ajaa’ibsifachuun qabsoo biyya tokkoof median bu’aa guddaa waan qabachuu waliif ibsuun SBO’n illee qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shora guddaa kan taphachaa turee fi amma illee taphacha jiru media uummata keenyaa isa hangafaafii guddicha jechuun itti dhaadatan. Haaluma kanaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi miseensotni Madhee ABO godinicha keessatti ijaaramanii Sochii Warraqsaa FDG gaggeessa jiran guyyaa SBO waggaa 26ffaa sababeeffachuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsa jiran daran jabeessuuf marii gaggabaaba gaggeeffatan. Madheewwaan ABO kunneenis:
1. Maadhee Badhadhumaa Oromiyaa
2. Maadhee Mootota Shanan Gibee
3. Maadhee Hayyuu Biyyaa
4. Maadhee Biyya Ofiif,
5. Maadhee Ka’ii hin kaana
6. Maadhee Gaamtaa Barattoota Oromoo Jimmaa kannee jedhamanii fi caasaleen maadhewwaan kanneeni bakka jiranitti dhaamsa baga ittin isin ga’ee waliif dabarsuun guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffaa wayita kabajatanitti walitti dhufuunis FDG biyyaa keessatti gaggeessa jiran irratti marii gochuun FDG jabaate akka itti fufu murteeffachuun, nuti ilmaan Oromoo waandandeenyu hundaan SBO jabeessuuf duubatti hin deebinu, ilmaan Oromoo bakka jirtan hundaa mideawaan qabsoo biliosummaa Oromoo hunda waandandeessan hundaan akka bira dhaabbatan jechuun dhaamsa dabarsatan.
GODINA ILUU A/BOORAA : Haaluma walfakkaatuun sabboontotni ilmaan
Oromoo Godina Iluu A/Booraa guyyaa hundeeffama SBO 26ffaa haala ho’aa ta’een kabajatan, guyyaa kana sababeeffachuun miseensotni Maadhee ABO fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Walitti dhufuun warraqsaa FDG gaggeessa jiran daran jabeessuuf marii godhachuun itti fufinsa FDG jabeessuu muteeffatan. Guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffa wayita kabajatanitti SBO’ tirikaa (ibsaa) tulluu gubbaa uummanni Oromoo qabudha. Media kabajamaa fi jaalatama, kan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ga’ee gudda taphachaa jiru waan ta’eef waan dandeenyu hundaan SBO waliin jiraachuu isaanii waliif ibsuu uummaanni Oromoo hundi bakka jiru hundatti media isaa SBO akka dhaggeeffatu, akka qabsoo bilisummaa isaa gonfachuuf godhamutti akka jabbatu dhaamsa dabafataniru. Miseensotni Maadhee Godinicha keessatti guyyaa kana waliitti dhufuun kabajan:
1. Maadhee. Oromiyaa Bu’uura Biyyaa
2. Maadhee Qaanqee Bilisummaa,
3. Maadhee tokummaa Uummataa,
4. Maadhee Laga Soor
5. Maadhee Gamtaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi caasaleen madheewwan kana hundi dhaamsa baga geessani waliif dabarsuun guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffaa kabajatan.

No comments:

Post a Comment