Tuesday, June 3, 2014

Barataan Oromoo Yuuniversitii Haromayaa Reebicha Wayyaaneen Yakka Malee Ajjeefame.Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa

Waxabajjii03,2014 Haromayaa
Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa irraa Waxabajjii 02/2014. Mootummaan Wayyaanee duguggaa sanyii saba Oromoo irratti fuulleffatee yeelloo fi qaani malee ifaa ifatti akka malee ajjeesuu irratti harka isaa diriirfatee jira.
Waan nama gaddisiisu keessaa mooraa yuuniversitii Haromayyaatti ilmaan oromoo sabboonummaa qabaatan guyyaa guyyaatti kan afaan oromoo dubbatanii daandii isaaf taaniin doormiidhaa gara mana hidhaatti guuramaa jiru,kan nama gaddisiisu keessaa Caamsaa gaafa 28 ykn Caamsaa 20 Wayyaaneedhaaf yeroo ayyaana kabajanna ture saba Oromoof garuu guyyaa gaddaa taee darbuun isaa waan ifaadha, haatau malee guyyaa kana barattootni sabboontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Haromayyaa huccuu gurraacha uffachuudhaan yaadannoo ykns gadda ilmaan oromoo mirga isaaniif wareegamaniif taasisan irratti basaastota wayyaanee moorichaatiin barattootni 11 dabarfamanii kennamanii turan.
Barattoota 11 guyyaa kana qabaman keessaa barataa Nuuraddiin Hasan isa tokkoodha.Barataan kun dhalootaan godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkooti.Gosa barnootaa mooraa kanatti inni baratu Injineeringii jalatti muummee Kompuuter Engineering yoo tahu bakki barnoota isaa mooraa guddicha Yuuniversitii Haromayyaa naannoo IOT Campaas jedhamu gamoo guddaa H lakkoofsa doormii isaatii 26tti kan galu hiriyoottan isaa waliin utuu qayabatanii walii gala isa dabalee barattootni 11 qabamanii mooraadhaa kan bahaniidha.Barataan kun kan hidhame magaalaa Harar keessatti yoo tahu adda kan tahe reebichi hamaan irratti raawwatee jira barataan kun ilaalcha siyaasa gaggeessuu,miseensota dhaaba ABOf horachuutiin,barattoota ijaaruu fi diddaaf qindeessuudhaan reebicha fannisuun reebamuutu irra gahaa ture.
Barataan kun reebicha hamaa irratti raawwachaa tureen kan baayee nama gaddisiisu kaleessa Waxabajjii 01/2014 lubbuudhaan wareegame mana hidhaa keessatti.Akka gabaasi kun addeessutti fannifamee utuu reebamuuti kan due,erga duee booda reeffa isaa qorachiisuuf gara Hospitaala Leenca Gurraachaa fidanii turan sobaan maatii isaa waamanii mucaan keessan mana hidhaa keessatti of ajjeese jedhuun reeffa isaa galgala kana gara magaalaa Gudaritti geessanii jiru,barattootni isa waliin qabaman 10n hafan ammoo miidhama gurguddaatu irra gahaa jira isaanis shakkima kana keessa akka jirantu Qeerroodhaan dhagayamaa jira.

No comments:

Post a Comment