Tuesday, June 10, 2014

Ummatin Oromoon hundumtu harka walqabachuufi waligaludhaan qabsoo jalqabame itti fuufsiisuuf waan nurra eeggamuu


Mesfin Habtemariam
Mesfin Habtemariam
Ummatin Oromoon hundumtu harka walqabachuufi waligaludhaan qabsoo jalqabame itti fuufsiisuuf waan nurra eeggamuu gochuudhaan sirna gita bittumma Wayyaane ceekuu ummata keenyaa irra kuffisuuf goocha adda durumma nurra eeggamuu dha.
Jalqaba nuti Oromoonni sabaafi sablammii Itoophiyaa keessa jiran keessa baayyina gudha kan qabnuufi jechuun lakoofsaan %40 yoo taanuu, bal’ina lafaatinis baay’inni isa lafa Oromooti. Kun akkuma jiruu ta’e seena dubatti deebine yoo lakoofnuu sabni guddaan kun midhaa bulchiinsa waliin walqabateefi godaannisa nama gaddissisuu baayyee gatee yoo darbelle sabaa fi sablammii biro waajjiin jalalaafi kabajaan kan jiraate ummata obsaa qabuu dha.
Ummatin kun aadaafi afaan ofi guddisuu, akkasumas qabeenyaa uumama qabuun fayydamuu irra dhoorkame gita bitoota sirnoota darbaniin midhame (hacuccame)ummata jiraate dha. Sirna gita bitta waayyane amma jirunis gochoota jaaraa 21 keessatti nigodhaman jedhame hintilmamamneen hacuccaafi midhaa bulchiinsa ummataa Oromoo irratti geessisa jira.
Fakkenyaaf yoo kaasne: namni tokkoo gaafii mirgaa yoo kaasee Oromoo ta’u isaaf qoofa shorerkeessa, dhadhessituu, gooliiumtoota ilaalaha waayyanne dhiphumman jedhuun nihidhama, nireebama, dubartootni yoo ta’an immoo nigudeedamuu, daa’imman hadhaa malee raasaa irratti gatamu.Sirna gita bitumma kanaatin maatiin hindigama, akka carra ta’e midhaa kana irra kan haafan immoo qa’ee isaani, biyyaa isaanii gadhisani nigodaanuu (nibaqatuu). Lafa bara dheera irra jiraatani saamamani maqaa investimentif samtoota biyya alatif nikeennama. Midhoota kanaafi kan hintuqamneen mootumma waayyaneetiin ummata Oromoo irratti nirrawwatama. midhaan kun Ummataa Oromoo irratti haadhawaahata’uu malee, Saboota iragaafii mirgaa kasaan irrattis midhaa fi cunqursaa, hidhaafi ajeechaa akka rawwatamuu ifa dha. Kanaaf mootummaan waayyaane Ummata bakka bu’ef kan dhaabbate Ummatni Tigray parseentidhaan yoo shallagamu, Ummataa waligala itoophiyaa jiruu keessa %6 qofa yoo ta’u, Ummatni Oromo garuu Ummataa waligala jiruu keessa %40 niqaba. Kanaafuu Ummatin kun lakoofsaan ammana kan caaluu ta’e aangoo qabuufi ofin ofbulchuun akkamitti mariif dhiyaata?
Ijoolleen Ummata gudda kana keessa bahanif biyya keessas ta’e biyya ala jiraatan gaaffii mirgaa Ummata walin walqabate kaasanif maalif moormii kaasuun barbachise? Ani kan naaf hingalle waayyanen Ummata Oromoof maali isaati? Bakka bu’umma Ummata eenyu keenne? Kaanaafuu wayyanen Ummata Oromoof bakka bu’uu hindanda’u. waani ta’uu qabu garuu qabsoo bilisumma kallatti hundanu jalqabame kana, dargagoota Oromootin, mootumma werara wayyaane lafa fi ceekuu Ummata keenyaa irra haaxoofnne ballessuun Ummata midhame kana guyyaa araddaa fi lafa isaa irratti nagaan itti jiraatuu safisisuu qabna.
Mootumman wayyaane guyyaa angoo qabate bra 1991 irra kaase gaafii ummata oromoo Ukkamsudhaan ajeechaa fi hidhaa kan haafa ni immoo biyya irra akka baqatan gocha inni godha jiru dhaabbachuu qaba.
Mootumman wayyaanneen qajeelfamuu maqaa adda bilisumma Oromootin goolii umtoota jechudhan midhaa lammiwwan qulquluu irratti gessisa jiruu, gita bitumma hadhawwan kun yeroo dhumaatif ceekuu ummata keenyar irra ka’uu qaba. Akkuma beekkamuu yeroo kami irra caala barabaachisa yeroo ta’e Ummata keenyaa biraan gahuun kallatti siyaasa tokkoon fiduun barbaachisa dha.
Qabsoo bilisumman godhmuu kakkasuuf ragaa tamsaasuun qabsoon biyya keessa jiru akka fininuu, midiyawwan Oromoo biyya ala jiran gaheen isaan taphata jiran kan jajjabatuu fi itti fuufuu qabu dha. Midiyawwan kanaan fayyadamudhaan Ummata keenyaa raga ni hidhachisna propaganda soba wayyaneen afuufuu qulla akka ta’e fi Ummatnis akka hinfudhanne goochuun mirgaa isaatif kana caalaa akka ka’uu nigoona.
Dhuma irrattis Ummata keenyaa ragaa fi infoormeshinii yoo hidhachisne qawwee dhookaasa males wayyanen lafa keenyaa kessa haxa’ame akka baduu nigoona. Kunis yoo ta’uu baate qabsoo waliigalan ceekuu keen yoo irra guyyaa wayyaane itti kuuffisnuu fi bilisumma ittin gonfachuu dhiyoo dha.
Sirna wayyannetin Ummata dukkana kessatti dararama jiruuf nuti daragaggoni Oromoo ifa nitaana.
Injifannoon Ummata haccucameef haa ta’uu!!!
Email:mesfinabt@gmail.com
10 Waxabajjii 2014

No comments:

Post a Comment