Friday, June 27, 2014

Uummaanni Oromoo Godinaalee dhihaa Oromiyaatti shiraa fi Hokkora Wayyaanee dura dhaabbachuun diddaa isaa jabeessee jira

Uummaata Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo fi Gudar irratti duula Olola
Afaan faajjii uummuuf jecha Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa Amboo irratti
uummata dirqisiisee hiriira Waxabajjii 22/2014 baasuuf jiru dura dhaabbachuun dirqama
ilmaan Oromoo hundaati!!.
Wayyaaneen hiriira kana Yeroo lama uummata Baasuuf yaalii gootee diddaa uummataan kan
duraa fashalaa’ee yoo ta’uu yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti
argamti. Haala uummata Oromoo kessaattuu jiraattoota Magaalaa Amboo yoo hiriira kana
baatanii hin hirmaattan ta’ee Rakkinoota Armaan Gadii kanatu isin eeggata jechuun uummata
shororkeessuu irratti argamti:
 1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,
 2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,
3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,
4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,
5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu jechuun
uummaata humna waraanatti fayyadamuun maqaa garee fi gooxii jedhuun walitti qabuun
sodaachisuuf olola kana oofa jiran illee uummaanni gochaa shororkeessuummaa
mootummaan Wayyaanee Oofaa jiru kana balaaleffachuu irratti argama; kanaan wal qabatee
uummaanni nagaan qe’ee isaa irra qabamee hidhamaa jira.
Yeroo kanatti Uummaanni Oromoo Magaalaa Amboo fi nannawaa isheetti argaman
dirmannaa uummata Oromoo Godinota Oromiyaa biro illee kan barbaadan ta’uu ibsuun
gaaffii armaan gadii dhiyeeffachaa jiru:
1. Yaa Uummata Oromoo qe’ee keenya irratti ajjeefamnee, hidhamnee, reebamnee,
dararamaa utuu jirruu, ajjeefamuun keenya sirriidha yakki nurratti raawwacha jiru kun
sirriidha jedha hiriira nagaa ba’aa jechuun mootummaan abbaa irree faashistii
wayyaanee nu dirqisiisa jira, akkeeka kana hin fudhannuu jennee sagalee keenyaa
dhageesisuuf jirra bakka jirruu wal cina haa dhaabbannu. 2. Sochii warraaqsaa FDG
mirga keenya sarbamee jiru kabachiifachuuf gaaffii karaa nagaa dhiyeeffannee rasasa
loltuu wayyaanee EPRDF irra nuti dhukaafameen daa’imman waggaa torbaa fi
manguddoon waggaa 80 kan keessatti argaman dabalatee ajjeechaan jumlaa
dugugginsii sanyii (genocide) nurratti gaggeeffame jira, ammas ittuma fufee
gaggeeffama jira. Yakka ulfaata sanyii ilma namaa irratti raawwatamuu hin qabne
kanaaf mootummaan EPRDF/TPLF.OPDO’n itti gaafatamuu qaba. 3. Ilmaan keenyaa
uummatni Oromoo Oromiyaa godinota hunda irraa kumootan kanneen lakka’aman
balleessa tokko malee hidhamaa, ukkafamanii eessa buuteen dhabamaa jiru, haalduree
tokko malee hiikamuu qabu. 4. Gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebiin
nuuf kennamuu qaba. Master plaaniin Finfinnee haqamuu qaba. 5. Humni waraanaa
dhaabbilee barnootaa fi magaaloota Oromiyaa weeraraa jiruu, fi waraannii nurra
qubsiifamee nu dararaa jiruu nurra kaafamuu qaba. 6. Motuummaan nu ajjeesaa jiru
EPRDF/TPLF/OPDO’n nuuf hirmiidha, diina uummata Oromooti, isaan nuuf warra
gumaan keenya dachaan irra jirudha, kanaafuu wamicha walga’ii fi ergaa kamuu
qaamni kun dabarsuu uummaanni Oromoo bakka jiruu hundaa akka hin fudhannee
waamichaa Oromummaa isiniif dabarsina. 7. Mirgi namummaa fi dimookiraasii
nurraa sarbamee jiru nuuf kabajamuu qaba. 8. Lammiiwwaan biyyattii sabaa fi
sablammootni biyyatti Oromiyaa keessa jiraattan kanneen utuu Oromoo hin ta’iin nuti
Oromoodha ofiin jechuun wayyaanee waliin olola afaan faajjii uumuuf hiriira hin
barbaachifne uummata keenyarratti bahuuf wayyaanee jala fiigaa jirtan gochaa
faashistumma kana irra akka of dhaabdan isiniif dhaamna. 9. Olollii maqaa hiriira
bahaa jechuun mootummaan nu ajjeesee mirga keenya sarbee nu shororkeessa jiru
oofaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, jechuun uummaanni Oromoo sabboontootni
Oromoo, dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo dhaamsa dabarfachaa jiru.
Kanaafuu yaa Uummata bal’a Oromoo bakka jirruu dirmannaa waliif gochuun
waamicha walii dhaga’uun tumsa barbaachiisu gochuun mirga keenya
kabachiifachuuf wal cina dhaabbannee FDG jabeessuun bilisummaa keenya haa
mirkaneeffannu jechuun dhaamsa waliigalaa dabarsaa jiru. Injifannoon Uummata
Oromoof!!.
Gabaasa Qeerroo Amboo Waxabajjii 20/2014

No comments:

Post a Comment