Saturday, June 7, 2014

Finfinnee: Kantiibaan maghaala Finfinnee dalagarraa dhaabbatani. Manaas akka hin baane uggurri godhameera

abdullah_kuma_mayor                                                    Obbo Dirribaa Kumaa, source: internet
Obbo Dirribaa Kumaa aangoon kantiibaa magaala finfinnees harkaa fudhaame. Sa'aa 24 mana keessatti tohatamaa jiru. 
Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigrayiin kan durfamu mootummaan Itoophiyaa kantiibaa magaalaa Finfinnee , obbo Dirribaa Kumaa kan aangooraa kaasefii sababa kaartaa haaraa magaalaa FF fi naannoshee haaraa bahe mormaniifi jedhani maddi RS.
Kanaan, obbo Diriibaan passportin harkaa fuudhamee, hojii irraas dhorkamanii, dalaga tkkorratti akka hin hirmaanne itti himamee, sa'aa 24 manatti hordofamaa jiru.
Wal-gahii hatattamaa OPDO dhiheenya Adaamaatti taa'amerratti gaaffii fi yaada addaa kaaftani jedhamanii qondaalota passportiin irraa fuudhame obbo Abbaa-duulaa Gammaadaa, Zalaalem Jamaanee fi kaan keessaa tokko obbo Dirribaa Kumaa turani.
07.06.2014

No comments:

Post a Comment