Monday, November 18, 2013

Yunversitii Madda Walaabuu keesatti fincilli ka'e. Kitaaba dubbisuunimmoo ABO nama jechisiiseera.

Gabaasa: Qeerroo tiin, 16-11-2013
OromiaALutaContinua2011FDG
Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessattis barattootni gamtaan shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu Qeerroon YMW gabaase. Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Abbay Coomman keessattis dargaggoota Oromoo isin meeshaa waraanaa dhoksaan qabdu maqaa jedhuun duula hidhaa gaggeessaa jira.
Haala kanaan Gaaffiiwwan mirgaa fi diddaawwan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessatti jabaachuun mootummaa wayyaanee hedduu dhiphisee jira. Haalli kunis daran jabaachuun Yuunivarsiitii Madda walaabuu kampaasii Roobee keessatti diddaan barattootaa dhalatee jira. Barattootni Kampaasii Roobeetti baratan kunneen shira mootummaan wayyaanee gama tajaajilawwan barattootaaf kennamu hanqisuun dhimma siyaasaaf oolchuu irraa of haa qusatu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Diddaa kanaanis barattootni baay’inaan 294 tahan guutummaan gamtaan shira wayyaanee mormuun petition funaanuun mootummaan wayyaanee dhiibbaa barattoota irraan gaggeessu haa dhaabu jechuun iyyannoos galchanii jiran.
Haalli kunis jabaachuun barattoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu main campus keessattis dararaan barattoota irraan gahu akka dhaabbatu mallattoon funaanamaa jira.
Mootummaan Wayyaanee duula hidhaa gaggeessaa kan as gahe ammas jabeessuun dargaggoota Oromoo yakka tokko malee hidhuun rakkisaa jira.
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Abbay Coomman keessattis dargaggoota Oromoo isin meeshaa waraanaa dhoksaan qabdu maqaa jedhuun duula hidhaa gaggeessaa jira. Meeshaa waraanaa kana ABOtu isinii kenne jechuun sakatta’insa jabaa duulaan gaggeessaa jira. Barataa kutaa 10ffaa kan tahe Barataa Dabalaa Hirkoos ati boombii qabda baasi jechuun reebanii miidhaa jabaa irraan geessisanii jiran. Mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus gaaffiiwwan mirgaa irraa kan nu dhaabu humni kamuu hin jiru jechuun dargaggootni Oromoos guutummaan qabsoo jabeessaa fi waamicha walii dabarsaa jiran. Jala deemtotni mootummaa wayyaanee duula hidhaa kana gaggeessuu gooftolii isaanii irraa kan fudhatan yoommuu tahu uummatni gamtaan dura dhaabbachaa jira.
Duula sakatta’insa manaa fi karaa irratti jabaateenis uummatni Oromoo qabsoo irraa duuba akka hin deebine qeerroon Horroo Guduruu addeessee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina shawaa Kibba lixaa Alamganaa keessatti ilmaan Oromoo kitaabawwan afaan oromoo dubbisan qajeelfama ABO dubbisaa jirtu jedhamuun hidhamaa jiru. Haala kanaanis Obbo Baqqalaa Aangeessaa jedhamu kitaaba Afaan Oromoo SAFUU jedhu osoo dubbisuu mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbamee qorannoon rakkachaa jira.

No comments:

Post a Comment