Wednesday, November 20, 2013

TPLF Baqatoota biyya alaa irraati Sagantaa Darararamaa gegessa jira

Namni biyya Araba jiru maalif osoo biyyaa qaabu gubaachaa jira.
TPLF Baqatoota biyya alaa irraati Sagantaa Darararamaa gegessa jira
Wayyanen Mormitoota biyya keessa dhaadhabsitee Paarlamaa keessa ariatee erga qoofa isaa siirna biyyati dhunfatee booda tarkanfiin lamfa Diaspora fi Haawwasa biyya ala isaan mormuu facasuu fi wal dura dhaabuuf Dabalota fi SPY kumaa ol adunya irra facasun isaa ni beekama. Gummiin Paarlamaa Oromoo yeero bayee akkekachisa media hunda dabarsee jira
Dhaabbilee Siyyasa keessatu QINJITIn akka Shunkurt erga ququnciftee baleesitee booda ABO cacabsuu saganta isaa gudaa xumuratee jirti. Kan ishee hafee Diasporra baleesu ykn of jala galchuu boba’aa gudda gochuu ishee waltajii arganee hunda fi Media hunda irrati ibsa ture. Namoon heedun gura nu hin lanee hara garuu waan of eegannoo lacha ture sun Wayyanen hojii irra olchitee argina. Dhaabbilee fi Diasporan garuu utuu iti himamuu harka wayaneti kunfun nama gadisisa.
Boba’aa wayyanee kun bara 2007 kassee namoota VIP visan kan biyya ba’aan yamuu ta’uu erga biyya ala ga’aan booda Kezei keenameefin akka baqatatii harka keenan hoji basasa hojeetu kan amoo akka baratoota scholarship ergaman baracha diaspora basasuu. Dhimma kana kan hordofu Diaspora Directorati jeechun Departiment guda tokko Ministera ala keessati saquun Bajeeta Milioona heedu ramaduufn socha’aa turan sochasi jiru. Erga ba’aan booda SPY kun mal goocha turan?;
Dhabbilee siyyassa hunda keessati miseensaa fi actvisti ta’uun keessa ta’aan hojeechuu egalan;
Haawwasaa biyya ala hunda bakka adda addati akka faca’uu goodhan, Targeti gudda Haawwassa Oromoo facasuu ture ABO mada galii cufuuf heedu hojeetan, Bqatoota Ethiopia keessatu Baqatoota Oromoo Targeti goochun irrati hojeeta turan keesumati Baqatoota Siyyassa Keniya, Sudan fi Djibuoti irra Qabani deebsuun mana hidhatii guuran isaa kan amoo biyyma sunti soodachisan ofti debsuun SPY godhatan.
Baqatoon Oromoo siyyasa heedun bakka itti baqatan fi gara ABOti c’ee’uu ykn galuuf kara dha jeedhamee yaadamu Yemen irrati malaqa gudda dhangalasun, Mootuumaa Yemen, Militery fi Police Yemen Malaqa qabachuun, UNHCR keessa ilee namoota Yemen hunda qabachuun Baqatoota Oromoo irrati bara 2011 kassan wagga 1 fi walka dulla irrati goochun ajeesisuu, Daiman wagga 3 fi dubartoota jarasa Oromo utuu hin hafiin Dirqisian guddeedun (Rape) goochisisun, Mana hidha tokko keessa namoota Kuma heedu Bishan fi Manan Malee mana fincani malee darararaman biyya Ethiopiati dirqini akka galan goodhaman. Kan hin galuu jeedhan utuu gara Sauditi Milan deeman Kara irrati qalaman Onnee, Tiruu fi Ijia isaani keessa bassan arabi gurguratee. Dubartoon fi Dardaarii Oromoo heedun dirqisifaman erga gudeedaman booda abidan gubaman ajeefaman awalcha malee hafan.
Sagantan dula Dasipora irrati banamee kun barana amoo Caaraa saudiin banteen TPLF fayadamun mal akka goote gababati ibsun isaa kan qooratoota seenaf dhiifna. Sauid Arbia Hojeeta seeran ala biyya ishee galan basuuf ibsaa bafteen mootummata biyya hunda marsiftee wal galteen murteesun ishee ibsitee jirti. Biyyoole heedun namoota biyya isaa kara seera kabajan akka biyya isaanti deebiyyan, qeebeenyi isaan qaban akka hin xuqamnee, enyuman isaan fi naggenyi isaa akka egamuu, qabeenya qaban fudhatani akka ba’aan yeero wal galteee malateessan. Ethiopian garuu wayee lammi isheeti ba’uu haala dure tokko ilee utuu hin ka’iiin of isheeti ilee baqatoota kanafi utuu kara isaan itti ba’aan haalaa hin mijeesinif caalfte akka Saudi arituu fi bakka isaan amoo namoota haraa erguuf wali galuu ishee Saudin ibstee jirti.
Sa’uditi maltuu goodhamee?
Nammota kara deeman hojii irra jiran suqa isaan keessa hojeeta jiran qaban utuu waan tokko harkatii hin fudhatiin mana hidhati darban; Dargagoota Saudi gurmessan itti bobasun mana nama keessa bobasuun dhiira hunda qaban mana hidhati erga darban booda dubartoota fi da’iiman manati hafaan dirqisaan gudeeduu fi itti xabachuun dararan; Namoon biyya ala kun bakka Qacaraman hojeetan malaqa jaruma biirti waan kufacha turan hunda dhorkaman ariaman;
Namoon Maqa Araboota Konkolata gurguda bitatan ittin hojeetan fi Maqa Araban Suqi banatan ittin hojeetan Arboon ni ganan of irra ari’an; Waluma galati Qabeenya isaa hunda samaman, ni ajeefaman, ni reebama, dirqifaman gudedama, Bishan fi Manan malee hidhaman, biyya isaanti nama galchu daban giyya Onnge fi Galgala Qoora bakkee keessati hidhaman. Mootmmaa isaaf iyyatu dhaban lamiijn Ethiopia Milloon 90 iyyachuufif mirga dhabee caalisuu dirqamee. Haawwsi ala jiru akka hin iyyanee durasamee waan digameef TPLF mo’ichan xumurte garu seena badiisa ishee babaliftee.
Walumaagalati Sauditi lammi Oromoo fi Ethiopia irrati waan dhala namaafi hin malee hundatu irrati raawwatamee. Ethiopian yaakka akasii maliif lamii ishee irrati hojeete kan jeedhu gaafi hunda namati deebin isaa Ethiopian rakkoo lammii irra ga’uu kana irraa bu’aa siyyassa kana gadii argachuuf gaga’am lammi ishee irrati goodhamuu akka nama hin dhageenye caaliftee ilaalaa turte.
Nammoon kun siirna wayyanee baqatan kan karaa adda adda Sauidi galaan fi ajeeja waayanen kan hin fudhanee fi Bond Abay Wayyanen gurgurtu kan bituu didan waan ta’aanf akka isaan ariamuu fi darararamuu isaan irra bu’aa siyyasa argati, kara birra amoo Mootmitoota bu’aa fi degersa isaan baqatoota kana irra argatan irra kutuun; Sagaleen keenya Hadhaga’amuu kan jeedhu mormi Musilama biyya keessa Saudi Arabiya fi Namoota kanatu degera jeechun madda degersa kana cufufi yaaladan; Ajeechaa, Darara fi samiichi namoota Saudi Arabiyan Lammi Oromoo fi Ethiopia irra ga’een Musimi achii dararamee qabeenya isaa dhabee galuu kun utuu hin jalatiin Musilama Sunni Saudi jibee AlHabasha (Musilma TPLF ijarte) akka degeruuf waan dirqamuuf wayyanen bu’aa guda argati yeero tokkoti Musilma kuma 40 ol irra degersa argati kara birra musilma Sunni jibisifti.
Walmuagalati Saudi Arabiyan lammi isheef hojii banuuf jeecha lammii Ethiopia biyya ariuuf murteesun waayanee caaraa gudda baneef jira. Wayyane gidiira lammi Ethiopia irra ga’uuf denta waan hin qabneef ajjeecha lamii kana caaraa fi da’oo goodhatee danta siyyasaa ishee itti argatee jirti. Wayyanee Danta fi Malaqa bakka jiru keessa hin dhabamtuu, Danta argachuuf amoo cubuu hunda dalaguu irra dubati hin deebitu. Wayyane Angoo qabatee wagga 23 booda ilee akkuma yeeroo bosona turtee Uumataa Ethiopia akka diina hamatii ilaalti malee akka uumataa bulcha jijrtuti hin ilaaltuu.
Wayyanen erga balan kun ga’ee ilee lubu lamii kana bararuu dhiiftee soba fi olola facasuun, lammi darararama jirtii qoosun, yaakaa ishee gaafachisuu heedu dalaga jirti.
Mummichi Ministera H/Mariyam Dasalenyi Lammi kana irra balan ga’aa jiru akka dhabatuuf mediati bayee, xalaya Mootummaa Sauditi bareesun ykn Bilibila lubu lammii kana basuuf hin caraqine; Ministeri dhimma ala gara Sauditi Emailun qaman Mootumma Saudi dubsuun furmataa hin barbaneef; Ministeri dhimmaa ala Ethiopia Ambassadara Saudi Ethiopia jiru waamee of eganuu itti lachun lammi Ethiopia Saudi jiran akka hin xuqamnee goochuu hin yaalee; Lammiin kuma40 ti tilmamamuu rakkoo irra jirachuu erga hubatee boodasi lamiin kun akka biyyati deebiyyan xiyyara fi dooni qabuu gara biyya sunti hin erginee; Nammota mana hidha Saudi keessati qabaman jiran fi biyyati galuuf galmanan kuma 23 jirachuu erga beeke UHNCR, IOM, Red cros internationa fi kkf degersaa gafachuun lammin kun akka biyyati deebiyyan hin gonee.
Embassy Ethiopia Saudi jiru Mootummaa biyya sanati iyyachuun lammi isaa dura reebicha fi ajeechaa irra olchuu hin dandeenye, kana malee amoo akka isaan rakko hin qabnee bakka Bashananti kunnameef akka jiranti ibsaa VOA lachuun yaakka; Qabxiilee kana olti caqasaman kun kan nuuf ibsuu Mootumman Ethiopia darararama lammii Oromoo fi Ethiopia irra biyya Sauditi ga’ee harkan kan keessa qabuu qoofa utuu hin tanee darararamii kun ga’uun feedha isaa ta’uu mulisa. Mootummaa badisa uumataa isaati barbaduu amoo of isaati baduun isaa hin toluu. Wayyaneen danta ini argachuuf jeecha da’iman , dubartoota fi jarsolu irrati yaakaa dalgsisee kun samuu Uumata keessa yoomi ilee hin baduu, kun amoo yakka TPLF gaafa tokko ittingafatamuu keessa isaa tokko. Wayyaneen yaakka ittin ittigafatamuu ofuma isaati tolchata jira. Siirni waaynee ciimmina mormitootan kan kufuu utuu hin tanee yakka of dalagun Ofuma isaatiin of takklee of kufisa

No comments:

Post a Comment