Thursday, November 21, 2013

Godaantota Biyyoota Ambaa Keessatti Balaa Mudataniif Kan Itti Gaafatamu Sirnuma Biyyan Bulcha Ofiin Jedhu Wayyaanee ti

abo


Ibsa Infoo Deeskii ABO

Ilmaan Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo biyya keessatti hojjetatanii guddachuu dadhabuu irraa baruma baraan biyyoota ollaa fi fagootti godaanu. Kana keessatti lakkoofsi ilmaan Oromoo haalaan guddaa dha. Irra guddaan isaanii karaa seeraan alaatiin biyyoota ollaatti godaanu. Biyyoota ollaa irrattis dhiibbaa sirna Wayyaaneetiin nageenya dhowwatamanii fagaatanii deemuuf jecha balaawwan rifaasisaa adda addaa mudatu. Haala kanaan baqattoonni Oromoo fi saboota biroo Sudan, Somalia, Somali Land, Punt Land, Djibouti, Kenya, Suudaan Kibbaa, Yemen, Saudi Arabia, Dubai, Bahrain, Lebanon, Qatar, Masr, Libya fi Afriikaa Kibbaatti faa godaananii argaman kumoota dhibbootaan herregamu.
Godaantonni kun gariin isaanii rakkoo siyaasaatiif biyya jaalatan irraa baqatan. Gariinis biyya keessatti dalagatanii guddachuuf, of jiraachisanii fira ofiis gargaaruuf hiree dhowwatamanii, cunqursaa bifa adda addaan hiraafamanii carraa hojii wayyaa barbaachaaf jecha biyyaa bahan. Biyya isaanii keessatti nagadanii, qotatanii yookiis ogummaa qaban birootiin hojjetanii akka hin guddanne sirna aangoo irra jirutu gufuu itti tahe. Wayyaaneen ilmaan biyyaa siyaasaa mootummaa irraa walaba tahanii hojjetatanii buluu barbaadaniin dirqamatti miseensa paartii kootii taatan malee jedhee doorsisa. Warra kana dide sababa itti barbaadee carraa dalagaa itti cufa. Warra qotatu gatii xaahoo fi sanyii filatamaa dhowwata, yookiis garmalee gatii itti qaalessa. Warra nagadu eehama daldalaa irraa fudhatee qarshii kuma hangas kafaltu malee hin argattu ittiin jedha. Warra baankii irraa horii liqeeffatee daldalatti seenuu barbaaduun dura waraqaa miseensummaa paartii keenyaa fidi ittiin jedha. Haloonni akkasii kun ilmaan biyyaa biyya abbaa isaanii irratti hojjetanii guddachuu fi biyyas guddisuu mannaa hiyyuummaa fi cunqursaa jalaa baqachuuf qalbiin isaanii akka godaansa yaadu taasise. Lakkoofsi namoota Itoophiyaa irraa gara biyyoota adda addaatti godaananii kan biyyoota ollaa keenyaa kamiiyyuu caalaa kan guddatee argameef dhiibbaa mootummaa kana fakkaatu irraati yoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin tahu.

No comments:

Post a Comment