Friday, November 29, 2013

Oromiyaa: Daba mootummaa mormuun gaazexessaan Oromoo tokko bayyaa bahe


                           Gaazexessaa DhRTVO, Usman Baayyuu
Dhaabbata Radiyoo fi TV Oromiyaa keessa kan dalagaa ture gaazexessaa Usman Baayyuu Tattaagoo gocha mootummaan Itoophiyaa balaaleffachuun biyya gahdiisee bahe. Gazexessaa Usmaan DhTVO keessatti qophii bashannanaa kan akka Mijuu Samabataa, Bohaartii Dilbataa fi kan biroo qopheessaa ture.
 Aadaa fi seenaa Oromoo ifa baasuuf tattaffii innii godhutti waan hin gammadiiniif humnootni tikaa mootummaa fi qondaalotni DHRTV Oromiyaatiin doorsifni, akeekkachiifnii fi adabbiin gosa adda addaa irra gahaa ture. Odeeffannoo ABOf dabarsita sababa jedhuun halkan mana jireenya isaatii fuudhanii  reebuu fi  gara ji'a lamaa carraan hidhamuus isa mudhateera.
 Dhumarratti akka ajjeefamu erga dhagahee booda maatii, sabaa fi dalagasaa jaallatu dhiisee lubbuusaa baraarsuuf jecha gara biyya biraatti miliquuf darqame.  Walii galtee biyyi inni itti baqatee fi Itoophiyaan qabaniin irraa ka'uun  bakka amma jiruttis hordoffii hamaa jala jira. 
Kanaaf, hawaasni Oromoo biyya mabaa, dhaabbilee mirga dhalanamaa fi nam-toikkeen akka inni qabamee biyya hin deebinee fi ubbuu isaa baraaruuf karaa danda'aniin akka isa qaqqaban jechuun iyyateera.
Seenaasaa baruuf kanaa gadi kan jiru dubbisaa..
Ani maqaan koo Usmaan Baayyuu Tattagoo (Usman Bayu Tatago)jedhama.Ogummaan hojii kooti,Gaazexeessaa dha.iddoon ykn Media'n ani irraa hojjacha ture,Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhini Oromiyaa (Oromia Mass-Media Organization) jedhama. Irraa caalatti Tv oromiyaa irratti sagantaalee bashannanaa garagaraati kan hojjataatin ture.fknf Qophii Boohartii Sanbataa, Mijuu dilbataa, Qophii Damma daamuu fi akkasumas waltajjiiwwaan garagara guyyaa Ayyaana dabalatee kallattiidhan hojjachaatin ture.osoo haala kanaan jiru,yakka tokko malee Qeeqinsa,sodaachisaa fi doorsisaan garagaraa narra gaha ture.Oromoo ta'uu kiyyaa qofan ati deeggaaraa ABOti,icciitii mootummaa dhaabaa kanaaf basaasta akkasumas duubni kee qoratamu qaba jechuudhaan humna tikaa woyyaanee/Opdo tin doorsifama tureeera.ammas guyyaa tokko na dhukkube,akka carraa hojii irraa waan hafeef osoo homtuu si hin dhukkubin sagantaa tokko osoo hojjatte backlog hin kaayin hojiirraa hafte jechuudhaan Xalayaa ofi eeggannoo natti barreefame.akkuma oolee bubbuluni miidhaa fi gidiraan narratti raawwatamu dabalaa dhufe.booddee waani hin eegne fi tasumaa yaadee hin beekne tokkotu na mudate,innis maali dha,hojjataan media kana hunduu oggaa mooraa kana seenani waardiyyaa dhan ni sakatta'amu ati garuu yeroo baay'ee sakatta'amu dhaf eeyyamamaa akka hin taane waardiyoonni nuf gabaasaniiru jechuudhan akka waan ani boombii wayii qabadhee seenu fakkessaniiti shira hin taane natti qindeessani lubbu koo balleessuf kutatani ka'ani.kuni osoo kanumaan jiru guyyaa tokko galgalaa mana jireenyaa kootti dhufani qaamni hin beekkamne woyii konkolaata dhaan dhufani erga mana koo seenaan booda,ana ta'u koo nagaafatani, eeyyeen ani Usmaan jedheen hin iyyaa ykn sagalee tokkollee ni dhageesisa jette nin yaalta taanaan lubbuu kee dhabda. erga nan jedhanin booda,konkolaata qabatani dhufanitti na darbataniiti deemani.achiin booda halkaani sanaan iddoo ani hin beekne tokko na geessani ija koo na hidhaniiti na tumaa turani.yeroo na tumani kana gaaffiin isaani na gaafatani kanuma asiin olitti sif ibsuuf yaale kanaan addaa miti.ergaa haala kanaan tumaafi doorsiisni mana hidhaatti ji'a 1 fi guyyaa 26 hidhameen booda mirga wobiitiin akka bahu taasifame.achiin booda kaa lubbuun koo gaaga'ama guddaa keessa waan jirtuf carraan ani qabu waraabeessa afaan banee na liqimsuuf Amumata jiru kana jala ofi baraaruf baqadheeti biyyaa bahu filadhe.biyyaa fi saba koo akkaan jaaladhuu fi kabaju akkasumas ogummaa kootin saba koo tajaajilee osoo dheebuu hin bahin bitamtoota fi ergamtoota murna TPLF tin biyyaa kootirraa bqachuuf dirqameera."Garaan koo na gubataa soba ilkaniin kolfaa shiraa saba koo irratti dalaguu irraa,dhugaa dubbadheeti Gadadooni jiraachu naf woyya" fayyaa ta'i koodee koo!

No comments:

Post a Comment