Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 14,2013

Sadaasa 13,2013. Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee Aanaa Akaakoo Manabbichu irraa ibsuun,mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Akaakoo Manabbichuu keessatti barattootni dhimma miseensummaa irratti barsiisota isaanii waliin walitti bu’anii kan jedhu maddi gabaasaa kanaa addeessa. Akka gadi fageenya gabasichaatti ilmaan oromoo sabboonummaa qaban kanneen mootummaa wayyaaneef hin jilbeenfanne unka miseensummaa dhaaba OPDO sadaasa 13 guyyaa keessaa sa’a 3:00AM irratti waraqaan kun isaan geenyaan barattootni hunduu daandii miseensa keessan guutuu ilaalchisee barattoota miseensa keessan ta’an qofa barsiifachuu dandeessu jechuudhaa barsiisota isaanii dhimma kana irratti keessumsiisuu dhiisuu irraan walitti bu’iinsi hanga barataa fi barsiisaan wal reebuutti gahee akka jiru gabaasaan isaa addeessa.Barsiisota keessaa deggertootni barattoota kanaa waan jiraniif humnaa fi sodaa tokko malee barattootni waraqaa miseensummaadhaaf wayyaanee biraa dhufe ciruudhaan,isa kaan ammoo ibiddaan gubuudhaan ergamtoota wayyaanee garaa gubanii akka jiran akkasuma barumsi hanga ammaatti nageenyaan itti hin fufin waan jiruuf naannoo mana barumsaa isaanis hidhattoota wayyaaneetiin qabamee akka jiru gabaasaan Qeerroo Aanaa kanaa addeessa. Barattootni kan jedhan ammas nuti miseensummaaf hin jiraannu,wayyaanee miti kan nu jiraachisu dhaaba qabna kan nu hoogganu,kan haqaaf dhaabbate,kan nun ajjeesne,kan nu kunuunsu,ilmaan oromoof kan dhaabbatu,maqaa dhayuu baannu isin kan beektaniidha, kaayyoo dhaabichaa waan beektaniif yaaddoon akkas isin fiigsaa jira,nuti biyyas qabna dhaabas qabna,nuti oromoodhaa habashaa miti kan jedhu barruu adda addaa waraqaa xixiqqaadhaan mooraa keessaa fi alaan facaasanii akka jiranii fi sirba qabsoos waliin sirbuudhaan tikootaa fi hojjettoota wayyaanee garaa gubanii akka jiran gabaasanii jiru.
Kana malees Gabaasu Qeerroo Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 6 irraa akka addeessutti guyyaa har’aa Sadaasa 14 mootummaan wayyaanee kabaja yeroo darbe sadaasa 9 barattootan kabajame irratti odeeffannaa dhaga’een dhaabni ABO caasaa isaa yuuniversitiiwwaan jira irraa yuuniversitii Finfinnee keessa bal’ifatee waan jiruuf,barataan oromoo kamiyyuu mooraa kana keessa kan argamu barataa guyyaas haata’u galgala dabalatee miseensummaa keenyaan hoogganamuu qaba kan jedhu xalayaan akka mooraa yuuniversitii kiiloo 6 iccitiidhaan seene gabaasaan isaa addeessa. Akkasuma akka madda gabaasaa kanaatti yuuniversitii jiran hunda irra shakkii guddaan mootummaan wayyaanee irraa qabu barattoota yuuniversitii Finfinnee yoo tahu basaasota garagaraa fageenyaa fi dhiyeenya irraa miindaa ggurguddaadhaan mooraa kana keessatti ramada akka jiru gocha isaan iccitiidhaan gochuuf deeman maddi gabaasaa kanaa addeessa. Dhimma miseensummaa guutuu ilaalchisee ejjeennoon mootummaan wayyaanee lafa kaayatee fi dabarsee jiru yuuniversitii Finfinneetti barataan kamuu hanga nuti biyya bulchaa jirrutti miseensummaa hin guutu yoo tahe barumsa irraa dismiss tahuu danda’a,kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu dirqamni akka bahe gabaasaan isaa addeessa.