Saturday, November 30, 2013

Kitaboota Dhaloota Qubee Beekan Gulummaatiin Barreefaman

Dhaloonni qubee har’as ta’e bor kanarra caalchisee hojii seenaa qabeessa dalaguudhaaf kutannoo guddaadhaan ittuma jira.  Kitaabonni barreeffamuun ammayyuu hinjalqabamne.  Galaana ittifamuu hindandeenyetu Oromiyaarra ka’ee jira.  innis dhaloota haaraa (Qube Generation) kanadha.  Dhaloonni kun bu’aa qabsoo gootonniifi hayyoonni Oromoo kaleessa isaaf jecha kufan kana bakkaan ga’uuf hojjechaati jira.
Yeroo kamiyyuu hanga bu’aan qabsaa’ootaa kan afaan, seenaafi aadaa Oromoof jecha kufan kun ija addunyaarratti dagaagee jiraatu tamsaasutti boqochuu hindanda’u.  Ammayyuu taanaan haamileefi gargaarsi keessan kan nuwajjiniin jiraatu yoo ta’e kanarra hojjennee garaa sinciibsuudhaaf waadaa isiniif seenna.
Keessumattuu hayyoonni keenya muuxannoo gurguddaa of harkaa qabdan kun maaloo waan isin harka jiru dhalootaaf gadi baasaa  …dhaloonni qubee waan dubbifnerraa malee seenaa qabsoo keessatti muuxannoo maalii qabnaree?  Kanaaf nuti utuu isin jirtanii waa’ee keessanuu barreessinee dhalootaaf qooduuf ammayyuu maaloo jennee jrra.  Egaa har’aaf kanuman jedha hojii haaraa dabalataan hanga walarginutti yaa Hayyoota Oromoo nagaatti naaf turaa..
*Yaa Obbo Tolchaa keenyaa mul’ata dhaloota qubee kanaa hubattee hojii nubeeksisuufi Oromoo qabnuun walnubarsiisuurratti hojjechaa jiraachuukeetiif Oromoon kitaabota keenya mara dubbisu galata addaa siif qaba.

No comments:

Post a Comment