Thursday, November 21, 2013

Waamicha Hiriira Mormii (Oslo, Norway) – Sadaasa/November 22, 2013


Akkuma hundi keessan quba qabdanitti lammiiwwan keeyna biyya Saudi Arabia jiran miidhaan guddaan irra gahaa jira. Gocha raawwatameefi raawwachaa jiru kana balalefachuufi akka dhaabbatus gaafachuuf gaafa Jimaataa, guyyaa 22.11.2013 Embassy Saudi Arabia fi Ministeera dhimma alaa Norge fulduratti IHOOn hiriira mormii qendeessaa jira. Kanaafuu guyyaa jedhame kana sa’aa 10:30 bakka Trafikanten jedhamutti walgeeyna. Sa’aa 11:00 tti mormii keeyna Embassy Saudi Arabiatti, Drammensveien 102H, dhageessissun miidhaan lammiiwwan keeyna irra gahaa jiru akka dhaabbatu haagaafunnu. Kara embassy Saudi deemuf trikk lakk 13 qabachuudhan buufata “Nobelsgate” jedhutti bu’uun nidanda’ama. Nuti miseensotni waaldaa hawaasa Oromoo biyya norway gochaa mootumman Sawudii lammiiwwan keenya irraan gahe jechaa fi miira dandaa’mu hundaan balaalefatna. Aarii fi gadda nutti dhagaame hundaa ibsuun gochaa suukanneesaa, gochaa hammeenyaa mootummaan biyya sanatiin uummata keenya irraatti raawwate ni balaaleftna.
Mootumaan Sawudii Arabiyaa isaa baqatoota siyaasaa baqatoota gosa biro irraa addaan baasee ilaaluun utuu irra jiraa, hundaa waliigala akka tokkotti fudhatee gochaa sukanneessaa akkasii keesumaa iyyuu lammiiwwan Itoophiyaa adda baasee jara qofaa irratti xiiyyeefachuun sirrii miti.
Mootummaan Sawudii Arabiyaa akka oodeesu yoo dhuguma seera mootummaa addunyaa hojii irraa oolchaan yoo jechu, seeraa addunyaa isaatti bakka kamitti iyyuu baqataa biyya kee dhufte, ajjeesi, gudeedi yookaan reebi kan jedhu hin jiru. Kanaaf nuti yaadaa fi sagalee tokkoon dhaabota mootumaa addunyaa keesumaa iyyuu UNHCR, “Human Right Watch” fi Ligiin Mrga Dalamaa kan Ganfa Afrikaaa gochaa suukanneessaa ilmaan Itoophiyaa irratti raawwate kana akka qo’atanii warra daba kana geessise aka seeraan gaafatani cimisinee gaafatna.
Mootummaan Sawudii Arabiyaa itti gaafatumummaa seeraa addunyaatiin ala waan ta’uu hin dandeenyeef, dhaabotiin addunyaa warri dhugaa jaallatani hundi dhugaa dabee kanaa fi seera addunyaa warra cabsan kana gara mana murtiitti akka dhiiheesaniif badii isaaniitti akka gaafatamaniif adabaman gaafatna.
Shorokaan haa Dhabamu!
Waldaa Hawaasa Oromoo oslo

No comments:

Post a Comment