Friday, November 29, 2013

FILANNOO 2015 DURA ABO LAAMSHEESSUU !

FINIINEE  FINFINNEE (1991)
GULLALLEETI
Sochii siyaasaa keessatti odeeffannoon bakka ol aanaa qaba. odeeffannon guddaadha , xiqqaadha hin jedhamu. Warri muuxannoo ga’aa qaban akkas jedhu.”ODEEFFANNOON HIN TUFFATAMU, HIN JAJAMU” jedhu.diina mo’achuuf tarkaanfiin jalqabaa odeeffannoo argachuu fi haala odeeffannoo irratti hundaa’uun irratti hojjachuudha. Kana dhalli Oromoo hundi bakka jiru maratti waan of eeggachuu fi shira diinaa kana fashalsee irra aanuuf irratti hojjachuu qaba. Yoo siyaasa keessa hin jirru ta’e illee , waan sabummaa keenya irratti hojjatamu odoo ijaan arganii BIRA taruun yakka. Rakkoo yertuu nu keessa jirruuf jennee, ykn wal dhabbii sadarkaa dhunfaatti wal irraa qabnuuf jennee, Qabsoo obboleyyan keenya itti dhumaa jiranii fi hiraaraa jiran yennaa miidhamu ilaaluun wallaalummaadha. Odeeffannoo walii laachuun lubbu walii oolchuu ta’uu habadhaatii bakka jirtanitti diina mana keenya seenee nu diiguu fi qabsoo keenya kolaasuuf yaalu irraa ofis , ummata keessanis, dhaaba keessanis  tiksaa.  
Haalli biyya keessa jiru haalaan yaaddeessaadha.Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti waa hedduu argineerra. Haalli sirna wayyaanee dadhabee, ofiin kufutti wayita dhihaatu, dhaabbilee mormitootaa hedduun keessa isaanitti rakkoo ulfaataatu dhalata. Yeroo dhaabbileen kun rakkoo keessa isaaniin tarkaanfachuu dadhaban, wayyaaneen deebitee lubbu horatti. Seenaa kana yeroo hedduu taajjabneerra. Wayyaaneen har’a dhaabbilee mormitootaa addatti ABO irratti shirri gaggeessitu daangaa hin qabu. Angoo isheef kan sodaattu fi irriiba itti dhabduus sochii qabsoo Ummata Oromoo ABOn hogganamuudha. Kana laamsheessuuf waggoota Angoo irra jirtu kana hundaa ifaajjaa jirti. Wayyaaneen har’a ABO dhabamsiisuu akka hin dandeenye akka gaaritti hubattee jirti. Maallaqi ABO dhabamsiisuuf ba’e Biyya tokko ijaara ture yoo jenne dhugaa irraa fagaachuu miti. Bajati ramadamu kun , Dingadee Biyyaa laaffisuu isaatiin, Maqaa Gooleessummaa jedhuun Addunyaatti hidhatanii itti duuluun har’a daran jabaate itti fufee jira.
Shiroonni wayyaanee ABO irratti gaggeeffaman lakkoofsa hin qaban. Garuu tokko tokkon adda baafamee yk tarrifamee, irratti hojjatamaa jiraachuu akka dansaatti beekna.barruun Biyya keessaa ba’ee warra alaan isini dhaqabe kun, ta’innaa yk ta’u malaa miti . haqadha. nuuti SHIRA wayyaanee akka xaafii ijaa heddummaate kana dandamatee, har’allee wayyaaneef yaaddoo guddaa kana ta’e ABO guddoo dinqisiifanna. Kana jechuun miidhaan irra hin geenye jechuu keenyaa miti. Of eeggachuu dhabuu irraa balaan irra hin geenye jechaas hin jirru.. Garuu har’allee of qulfulleessaa jiraachuu isaa wayita dhageenyu itti gammanna. Qabsoon Adeemsa malee murtee guyyaa tokko miti jennee waan amannuf..yeroo Baayyee dhaabni kun jabaataa wayita dhufu waa tokkotu keessatti dhalata. Kun ammo, shira diinaa dhaabicha keessatti karaa namoota dadhaboo seenu irraa akka ta’e ifaadha.
Shirri diinaa kun wayyaanee qofaan kan qideeffame miti. Humnoonni alaas keessa jiru. kanneen maallaqaan bitamanii ogummaa isaaniin fayyadamanii maal gochuu akka qaban kan wayyaanee gorsan lakkoofsa hin qaban. Ogeessa alaa karoora isaaniif baasuuf hanga doolaara kuma 50 faa’aa baasaa jiran. Dallaaloota siyaasaaf hanga Dolaara Miliyoonaa ga’u Afaan kaa’u. Fudhatama dhabsiisuuf hanga Dolaara miliyoon 100tti gargaarsa irraa achi dabarsuuf. Waan isaa yeroo biro itti deebinaa garuu daangaa hin qabu. Maallaqi ammi sun ba’ee ABOn Ummata keessa jira. Isaan ABO alaa barbaadan. ABO eenyullee dhabamsiisuu hin dandeenye ONNEE UMMATA OROMOO KEESSA JIRA. ABOn waan onnee Ummata keessa jiru akkamiin dhabamsiisu danda’u ? kun akka hin taanees wayyaaneen har’a adda baafattee jirti. Adda baafachuun isaanii bubbuleera . kanaaf akka falaatti kan fudhatan ABO isaan akka barbaadan oofan ummachuudha. Kanas yaalanii hin taaneef. Salphoon nama keenyaa shira kanaan kukkufee Biyya keessatti harka kennateera. Wayyaaneen gama kanaan hololaaf itti fayyadamu yaalteetti. Garuu Ummatichi inuma dide. ABO biraa uumuun ammallee hin dhaabbatiin jira. ABO keessatti rakkoo dhalchuuf ykn dadhabsuuf shiroonni duraan turan ammallee itti fufu dhageenya.
Wayyaaneen bajata addaa ramduun, wabsoo Biyya keessaa fi alaa addatti kan qeerroo caasaa isaa madda isaa gogsuuf shira kana hin jedhamne maallaqa guddaa ramaduun, Filannoo 2015 dura itti milkaa’uu fi ABO gufachiisuuf carraaqaa jiraachuu  ragaalee argannee jirra.
  1. 1.      Toftaalee ABO ittin dadhabsuuf yaadaman:-
Toftaan adda duraa irra jireessa namoota wayyaanee keessa naqachuun amma hapahatee jiraachuun ni beekama. Kunis dhaaba kana dadahbsuuf bifa foxxoquufaa’an akka keessaa yaa’an taasifameera. Shira ammaa kana raawwachiisuuf miseensoota dadhaboo fi mufii qaban, akkasumas amala gara garaa qabaatanii maallaqaan gawwamuu danda’an ofitti qabuun rakkoolee kanaa gadii akka raawwatan taasisuudha.
==Toftaaleen kun kan kanaan duraa irra deebi’uu ni hammata . Toftaan Ilmaan Oromoo yaada dadhabaa qaban  ofitti qabuun, Gandummaan gurmeessanii keessaa baasuuf yaaluun itti fufa. Akka bakka dhalootaatti ijaaramanii keessaa  baasuu jechuudha.
==Amantiin gurmeessanii akka wal barbaadanii fi akka murnaatti akka keessaa ba’an taasisuu
==akka dhuunfaatti akka keessaa yaa’niif bsaastoota isaanii dhaabichatti naquun yeroo keessa miseensi aariin keessaa akka ba’u taasisuuf gorsuu, gargaaruu , jajjabeessuu ,
==Nageenyi fi walitti dhufeenyi miseensi dhaaba  keessaa akkasumas, miseensaa fi deeggaraa  akka boora’uuf bakka jiran maratti irratti hojjachuu
==Miseensa jajjabaa fi of laatanii hojjatan karaa gara garaa dadhabsuun akka gatee deemu taasisuu, abdii kutachiisuu, jireenya isaa akka yaadu taasisuu
==hojiilee gufachiisuuf tattaaffii gara garaa taasisuu. Hojiileen hojjataman , caasaaleen jiran , namni jiru hojii akka jabiinaan hin hojjanneef afuura hamaa uumuu ,beekaa hojii akka dadhabsan taasisuu
==Addatti Biyyoota alaatti hawaasi Oromoo kanaan dura waan gara garaan wal irraa fagaate akka walitti hin deebine irratti hojjachuu
==Ameerikaa Miniyaapoliis, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi Norweyitti sochiin ummataa 2006 kaasee irratti hojjatamee itti milkaa’an akka deebi’ee hin ititneef shira jabeessanii hojjatanii isaan diiguu, kun maallaqaan akka hojjatamu. Yoo ta’uu baaate warra Oromiyaatti dhalatee guddatee ummaticha beekuun akka hojjatamu.
==dhalli Oromoo kamu waan gamtaan hojjatu diiganii gara dhunfaatti akka deebi’u taasisuu
==miseensa keessa shakkii fi jette jettee , akkasuma tokko isa tokko irratti kaasuu
==gama diinagdeen miseensis ta’u deeggaraan buusii taasisu karaa ABO irraa dhaabuu danda’an irratti hoojjachuu ,dhalli Oromoo waan oromoo tokkomsu akka hin hojjanneef deeggarsi kamuu akka hin taasifamneef irratti hojjachuu, sabboontoota gama kanaan tattaafatan hamilee cabsanii akka keessaa gadi taa’an taasisuu,
==beektoota Oromoo Biyya alaatti argaman qabsoo Oromoo keessatti qooda mataa isaanii akka hin gumaachineef irratti hojjachuu , wal irraa fageessuu, kan tattaafatan yoo jiraate bakka kamittu fudhatama akka hin arganneef irratti holaluu, sochii isaan warra akaa biratti taasisan gama hundaan dura dhaabbachuu ,
==Qabsoo Oromoo addunyaa biratti fudhatama dhabsiisuuf shira Biyya keessatti hojajtan itti cimsuu fi Biyyooota alaatti sagalee ilmaan Oromoo akka hin dhaga’amneef shiroota adda addaa gaggeessuu. Dhaabbilee mormitootaa adda addaatti dhimma ba’uun ABOn akka Biyya diiguuf deemutti irratti hojjachuu, Biyyoota alaatti xalayaalee adda addaa akka galchan taasisanii fudhatama dhabsiiuu
==sochii alaa laamsheessuu fi ummati Biyya keessaa ijoollee isaa Biyya alaa jiran irraa akka abdii dhabu taasisuuf , haala Biyyatti deebi’an gama hundaan yaaluu , addatti Biyyoota olla keessa dargaggoota jiran humnaanis ta’u Biyyatti deebisuun haalaan akka irratti hojjatamu. Kominitii hawaasa Oromoo Biyyoota alaa keessa jiran diiguuf maallaqi ba’e ba’ee akka milkeeffamu kanneen jedhaman keessatti argaman. Kun hundi hammeenya Ummata Oromoo irratti hojjatamuudha.
==qabxiileen tarrifne kun Biyya keessattis haaluma wal fakkaatuun kan irratti hojjatamu ta’a jechuudha.
== Qabxii guddaan dhala Oromoo fi Qabsaa’oota Oromoof kan dhaamnu yoo jiraate,miseensi tokko waan beekun irra jiruun ala walitti dhiheenyaan ykn NAMA KEENYA jedhamee waan hojjatamu hundi balaa irra akka jiru beeku qaban. Kana jechuun miseensa gidduttu shakkii uumu miti.waan  nu ilaallatuu fi nu hin ilaallanne keessa seenu , nama nuuti waliin mari’annuu fi dhiifnu adda baafachuu,,bakka marattu waan qabsoo odeessuu , nama dhimma keenya nu gaafateef atu hin reebamiin lallabuu irraa of qusachuu nu barbaachisa. Eenyullee haa ta’u dhimma keenya keessa seenee yennaa xibaaru ykn nu deeggaree akka malee lallabu waan keessa keenyaa itti jigsuun dura , maaf kana kaasee ? maal barbaade jedhaa of gaafadhaa . har’a sochii dhaabni itti jiru baruuf karaa hundaa odeeffannoo akka walitti guuraniif namoota hedduu wayyaaneen bobbaftee jiraachuu hubadhaa.
Har’a sochii dhaabaa gama hundaan jiru tu’achuuf hordoffiin jabaan taasifamaa jira. Addatti caasaa jiru ciruuf , keessattu hordoffii gara biyya keessaa jiru adda baafachuuf, shirrii gaggeeffamu salphaa miti. Addatti dhimma itti aanu irratti of eeggadhaa !!!!!!!!!!!!!!addatti miseensoota laafina qaban maallaqaan dogoggorsanii odeeffannoo waa hundaa akka dabarsu taasisuuf sagantaan ol aanaa qabamuu hubadhaa .
INTARNEETAA FI MEESHAALEE ITTI GARGAARAMNU  ILAALCHISEE,
Wayyaaneen gama kanaan hodoffiin gootu lakkoofasa hin qabu. Biyya keessattis biyya alaattis gama kanaan sochiin itti jirtu salphaa miti. Ilmaan Oromoo Biyya keessaas ta’ee alaatti shamarran kennanii waan hojjatan akka hordofan taasisuu irra ga’aniiru. Mana intarneetaa keessatti hammeenya hojjatan heddu. Waan hojjannu hundaa ilaalan. Eenyu waliin akka quunnamnu illee hordofan. Kun ifa. Kan amma itti dabalame, USER NAME namootaa argannaan paas woordii cabsuu fi waan barbaadan ilaaluu chaayinaatu hojjateef. Kanaaf dhalli Oromoo eessallee jiru user namii isaa kennuu jechuun waan hundaa ficcisiisuu jechuudha. Kana gochuuf ammo Biyya alaattis shirri gaggeeffamaa jiru lakkoofsa hin qabu. Mana dhufanii Intarneeta fayyadamu ? jedhanii , User Name hin haqxan taanaan  guurratanii deeman. LAP TOP keessan ykn kompiyutara keessan ykn mobaayila keessaniin fayyadamu gaafatanii waan hedduu fudhatanii deeman. User name hatuun gabaa ta’eera. Kana raawwachiisuuf dhaaba keessaas alaas nama qabaachuu akka danda’an beeku barbaachisa. Wayyaaneen yeroo hedduu karaa aadaa umama keenyaan nu seenu yaalti. Har’a sochiin qeerroo fi isa kaan akka malee hordofaa jirtu fi bira ga’u dhabde , amma tokko jabiina ijoolleen ta’uu ni mala. Kaleessa odeeffannoo miseensi illee hin beekiin wayyaaneen beekti turte . har’as waan hojjatamuuf deemu hubachuu irratti haalaan hojjatamaa jira. Karaa teeknoolooji hammayyaa wan hojjatamu of eeggachuun barbaachisaadha. mobaayilaa fi komputara namaa keessaa waa hatuun , odeeffannoo guurrachuu amma bishaan dhuguu ta’eera. Seenaa namaa hatuun, daataa hatuu fi dhabamsiisuun hojii ta’eera.Kompiyutara hojii vaayirasiin hojiin ala taasisuun toftaa kana keessaati. Hojii gufachiisu. Baasii baasiisuun keessatti argama.
Inni kaan, ergaalee Intarneetaan ega ergitanii booda, bakka seent meeseeji jetu seentanii waan ergitan haqu qabdan. Itti aanee bakka tiraash jedhus deentanii haqu qabdan. Kun hojii kan ilaallatuudha. Waan maraafu lap topii, mobaayila, kompiyutara keessan kennuu jechuun waan hundaa kennuu jechuudha. Kun hojiif taanaan keessan qofaa ta’uu qaba. kana irratti gara laafinni hin jiru. mobaayila keessa fi bilbila manaatti yoo fayyadamtanis RE.CALL jedhamee waa fudhachuun akka danda’amu hubadhaa .
Waan irra deebinee himuu barbaannu, kun shakkii uumu miti. Haqadhaa hin tuffatiinaa. Dadhabbii keessan hin busheessinaa . qabsoon Oromoo Afaan qabsoo biraa odoo ummate nutti tola . yoo ta’uu danda’eef.wanni hedduu nama raaju wayyaanee caasaa humna tikaa , polisa fedaraalaa , waraanaa hundaa ABO akka hin seenne jettee amma dandeessuu Block gootee ijaarte. shakkiin ishee hundumtu dhaaba abdii Oromoo irratti bu’uraa’a. nuuti biyya keessa jirra. Tarii wayyaanee keessas jirra ta’a. garuu dhaaba kana irratti shiroota gaggeeffamu namni hubate, dhaaba kana waliin du’a malee dabarsee hin kennu. Dhaabbilee siyaasa oromoo maraaf kan jennus kanuma . dhaabni walii isaaniin akkas wal tuffatan wayyaanee biratti yaaddoo hangafaati. Dhaabis ta’u Ummati kun gaaf tokko wal tumsee akka ka’u gaafa Angoo qabatanii kaasanii beekan. Kun akka hin taaneef irratti hojjtanii bara baraan shiraan laaffisuu yaalan. Wayyaaneen har’a ABO dhabamsiisuu odoo hin taane laamsheessutti gadi hiiqxee jirti . kunis gaaf tokko kabajaatti jijjiiruun ishee hin hafu. Jaallattee miti. Dirqiin. Afuurri isaanii inni dhumaa Ummata kanadha. Kanaaf dhalli Oromoo Biyya keessas ta’ee ala jiru hojiin isaa inni duraa of eeggachuu ta’uu qaba. dinni akkas haa ta’u ykn fira fakkaatee yoo akkas gooteewoo, ykn mee kompiyutara kee naa ergis, yk lap toppii kee naa argisi jedhu, lafumaa ka’ee manuma kee dhaqne malee jedhu shakkaa !!!!!!!!!!!addunyaatu kanuma yaa firaa. Kun wal shakkii uumuf miti nuuf hubadhaa . odeeffannoo keenya waliin wal fakkaatu namootaan ni katabamu. Irraallee barannee jirra.isinis hin tuffatiinaa. Miseensa qabsoo Ummata ofii ta’uun imaanaa ulfaataadha. Imaanaa Ummataa bakkaan ga’uuf ammo karaa irraa lallabaa deemuu fi gara laafummaan jiraachuun wal hin simu.
Isa dhugaa dubbachuuf wayyaaneen har’a ABOn maalitti akka jiru harkaa badeera. Humna asi ba’u eegaa jirti. Walitti itituu qabsaa’ootaa ishee dhukkubsaa jira. Kana diiguuf waa hedduu yaalaa jirti. Keessa ofii eeggachuu murteessaadha. Kun dhimma lubbuuti. Namni kan amanamu gaafaa guyyaa itti kakate sana bira ga’eedha. Kanaaf adaraa of haa eeggannu. Kan dabre irraa haa barannu. Diinni keenya lakkoofsa hin qabu. Hundumtu sadarkaa dhuunfaa eegalee amma jaarmiyaatti caasaa ijaaree nu diiguuf hojajtaa jira. Nuutis sadarkaa dhuunfaa eegallee amma jaarmiyaatti wayyaanee diiguu irratti haa hojjannu. Wanni qabsoo dhaabaa gufachiisuuf hojjatamu hundumtuu, qabsoo Ilmaan Oromoo dhabamsiisuuf shira gaggeeffamu ta’utti fudhachuu qofa odoo hin taane, itti amannee dura dhaabbachuu qabna. Sadarkaa dhuuunfaatti shala Oromoo irratti hammeenyi hojjatamu naanna’ee naanna’ee Ummatichumaa miidhaa hubadhaatii waliif birmadhaa. Wal hubachiisaa. Furmaati nutti qabnu waliif birmachuu qofaa ta’u gadi jabeessaa itti amanaa .Jabaadhaa. Hegareen keenya ifa bareedaadha.
Injifannoo ummata Oromoof !!!!!!!!

1 comment:

  1. Liqii keessan kaffaluuf liqii hatattamaa ykn daldala keessan fooyyessuuf liqii kaappitaalaa si barbaachisa? Baankotaa fi dhaabbilee faayinaansii birootiin didamtaniittuu? Liqii walitti makuu moo liqii manaa si barbaachisa? Kana booda hin ilaaliinaa, sababni isaas rakkoo maallaqaa keessan hunda duubatti deebisuuf as jirra. Karaa email nu qunnamaa: jurgenstefanfinancialservice@gmail.com jurgenstefanfinancialservice@outlook.com Ykn Whatsapp: +919654763221 Isaan kun tajaajila faayinaansii Jurgen Stefan dha. Namoota fedhii qabaniif dhala madaalawaa %3n liqii ni kennina. Daangaan kun Yuuroo 5,000.00 hanga Yuuroo 350,000,000.00 ta'a.

    ReplyDelete