Tuesday, November 12, 2013

Sadaasa 9, Guyyaa FDG Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo


QEERROOGabaasaa Galmee Sabboontota Oromoo Kanneen Bara Tokko Keessatti Hidhaman,Ajjeefamanii fi Bakka Buuteen Isaanii Dhabamee. ( Sadaasa 2012 Irraa Hanga Sadaasa 2013)

Uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaaneef tole jedhee guyyaatti gabrummaa of irratti ilaale hin qabu. Uummanni Oromoo diddaa sirna cunqursaa kanaaf wareegama baroota 21 keessatti baase kan lakkaawamee dhumu miti. Oromiyaa keessatti sabboontota gaaffii mirgaa kaasan yeroo irraa yerootti mootummaa Wayyaaneen adamfamanii mana hidhaa adda addaa keessatti ugguramuun aadaa bulchiinsa EPRDF ta’uun beekama.
Bara tokkoo as Sadaasa9,2012 irraa eegalee hamma Sadaasa 9,2013 waggaa tokko keessatti sabboontotiin Oromoo FDG gaggeessaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamfaman lakkoofsaan hedduu ta’anis, gariis ajjeefamanii,gariin ammoo bakka buuteen isaanii dhabame. Walumaa gala Sadaasa 9/2012 irraa hanga sadaasa 9/2013tti FDG hedduun guutuu biyyaatti gaggeeffamaa bahe. Wayyaaneenis darara hidhaa fi ajjeechaa gaggeessaa ture. Bara kana keessa qabsoo bilisummaa Oromoof jechaa kanneen hidhaman, ajjeefaman yaadachuu fi sabni keenya adduunyaa irra jiru mirga qabsaawota kanaa bakka hundatti akka falmuuf jecha Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa(Qeerroo Bilisummaa) galmee qabsaawota hidhamanii,ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamanii yeroo fi bakka irraa hidhaman waliin akka armaa gadiitti gabaasa. Ilmaan Oromoo Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti gaaffiilee abbaa biyyummaa gaafattan jedhamuun hojii irraa dhorkaman ( sadaasa 11-2012)
1.Obbo Girmaa Araarsaa Gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree
2.Obbo Abbabaa Giddiiraa gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree
3.Obbo Dhaqqabaa Tafarraa Gargaaraa Hakiima Beeylaa
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa aanaa Cooraa keessatti gaaffiilee mirgaa gaafataman ABO waliin tahuun kan qindeessu sidha jechuun Barsiisaa Abbabaa Takkaa mana hidhaatti wayyaaneen ukkaamsitee turte. (Sadaasa 14-2012)
Gaaffiiwwan mirgaa itti fufinsaan Yuunivarsiitii keessatti gaafatamaa tureen wal qabatee ilmaan Oromoo Yuunivarsiitii Madda walaabuu isin jibbinsa mootummaa wayyaanee qabdu jechuun Yuunivarsiitii irraa arii’amanii jiran. (Sadaasa 15-2012)

No comments:

Post a Comment