Tuesday, January 7, 2014

Oromo, Ogaden and Eritrea Seminar in Frankfurt


oromo_eritrea_ogaden
Semanaarii gamtaa kan  Oromo, Ogaden fi Eritrea gafa 04.01.2014 Magaala Frankfurt  biyyaa Germany Keessatti  Kabajaa ayanaa WBO faana gaggeeffamee.
Semnaarii kun Tokkummaa Bartootaa Ororomoo Biyyaa Jarmanii ( TBOJ) ca’aa ABO, Waldaa gargarsaa warra Ogaden Kan Adda Bilisummaa Ummataa Ogaden (ONLF) ti hidhaataa qabuu fi  Caasa “Peoples For Democracy and Justice” (PFDJ)  nannoo Frankfurtiin Magaala Frankfurt am Main bakka Haus der Jugend Frankfurt Jugendherberger,  Deutschherrnufer 12 tti qopha’ee.
Semnaara kunii  hassaa banumsaa Miseensoolii Koree Qopheesituu J/Biftu Barii TBOJn bakka bu’un, Obbo Abdrhiman Sheek Waldaa Gargarsaa Ogadeen Bakka bu’uun akkasumaas obbo Teklai Mokkonon PFDJ godhaniin eegalamee.
Semnaara kanaa irratti  J/ Dr. Shigut Geleta, Miseensi Gumii Sabaa ABO, ABO bakka bu’un,  Obbo  Hassan Ali  Miseensii Koree Gidduu ONLF, ONLF-n bakka bu’un akkasumaas  Obbo Sifaf Adem Mohammed PFDJ  bakka bu’un  Haala siyaasa nannoo ganfa Afrika fi sochii dhabbolee bakka bu’ani ilaalchissee  dabaree dabareen ibsa bal’aa keenani. Karaa dhihataan mirgaa dhalaa namaa ilaalchissee odeeffataa qabataamaa irratti  kan hunda’ee kan biyyaaa keessaa Vidiyoon Ogadeen irra obbo Abdulahi Hassan yeroo dhiheessuu akkasumaas karaa Obbo Dajane Abdissaa gabaasaa Jarmoolee mirgadhalaa namaaf falmanii irratti kan hunda’ee fi kan Oromoo irratti xiyeeffatee dhihessee.
Hirmatoonii  Barnootaa dhihatee irratti  bifaa gaffii fi deebiin ergaa maariin bal’aa gaggeffamee booda  garaa fuulduraa hujii qabatamaa waltumsuun kan hojeetamuu irratti hubii tokko kan godhatee yeroo tahu garaa fudluduraas sagantaan kunii kanaarraa bal’inaa fi qindoominaa qopha’uu koreetti galfataa keennatee jira. Waligalaa gochaa Sukkaneessaa Mootumaan Ityophiyaa kan ABUT durfaamuu Ummotootaa Impayeeraa Ityophiyaa keessaratti rawachaa jiruu fi nagaa nannoo gafa Afrikaa booreesaa jiruu kan balaleeffatee yeroo tahu. Humnootiin Cunqurfamoo Impayeeraa Ityophiyaa Keessaa jiraan akka irree walqabachuun mootummaa abbaa irree kanaa irratti ka’an waamichaa godhee jira.
Karaa biro Qabsoo bilisummaa kan of irratti hirkannoon gaggeeffamuu keesatti dhaloonii jiruu qoodaa irratti agarsiisuun filmaata uttu hintahiin dirqamaa tahuu walhubachissee jira.
Xumuraa Semnaaraa kanaa irratti  Kabajaa guyyaa WBO Amajii tokko ilaalchissee J/Abdalla Mohammed Itti gafatamaan Jarmaa Konyaa ABO Frankfurt fi J/Dr.Shigut Galata ilaalchissee ibsaa gagabaaba ergaa keennaii booda hirmatooni Tin’isaa godhanii qophichii haala nama onnachisuun ABO fi WBO farsuun xumuraamee.
IUOf!!

No comments:

Post a Comment