Wednesday, January 8, 2014

Godina Shawaa Lixaa Keessatti Ayyaanni Bokkuu Cittuu fi Guyyaan WBO Sirna Howwaan Kabajame.

Amajjii 5,2014 Amboo
Gabaasaa: Amajjii 5/2014 Godina Shawaa Lixaatti Sirni kabajaa Bokkuu Cittuu bifa howaa ta'een ilmaan Oromoo kumootaan lakka'amaniin kabajame. Bokkuun Ccittuu Aamboo irraa gara kibbaatti 15km fagaattee kan argamtu Sirni kabaja Bokkuu Cittuu akka Gadaa Oromootti bakka olaanaa kan qabuu fi Aamajjii garajalqaba Amajjii Guyyaa WBOtti aansuun Amajjii gafaa guyyaa shani kan kabajamu yoo ta'uu kan bara kanas 5/2014 bifa baay'ee miidhagaa ta'een kabajame jira.Sirna kabajaa Bokkuu Cittuu bara kanaa kan asiin fulduraa irraa wanti adda godhuu Ummaanni Oromoo Godina Shawaa Lixaa heddumminaan irraatti argamuun aadaa, seenaa, dhuudhaa, gootummaa, Amaantaa, Afaan fi eenyummaa isaa faarsuu isaati. keessaattuu Sabboontotni Qeerroon Yuunivarsiitii Aamboo, Yuunivarsiitii kolleejjii RiftiVallii Damee Aamboo,
Sabboontootni Magaalaa Amboo fi Gudar gamtaan hirmachuu fi Sabboontotni Oromoo Aanotaa Aakka Aanaa Amboo, Tokkee Kuttaayee, Xiiqur Incinni, Geedoo , Jalduu, Wancii, Walisoo fi Giincii irra heddumminaan irraatti argamuun Oromumma fi Sabboonummaa Oromoo sadarkaa duratti olkaasuun leellifatan.

Qeerroon Sabboontotni Oromoo sirna kabajaa Bokkuu Cittuu irrattii argamuun walleewwaan warraaqsaan uummataaf barumsaa guddaa dabarsuun diinatti yaaddoo guddaa dhalchani jiru Sirna kabaajaa Bokkuu Cittuu irratti Aabbootiin Gadaa Maccaa argamuun sirni kun kan har'a eegalee utuu hin 6ta'iin kan jarraa 16ffaa irraa egalee turee ta'uu ibsuun uummataafi sabboontota Oromoof dhaamsa fi barumsa itti aanu kana dabarsan. dhaamsi abbootii Gadaa Oromoo kunis:- '' Goototni Ilmaan Oromoo duula habashaan kallattii garaagaraan yeroo garaagaraatti nutti duuluun; Seenaa, Aadaa, Amantii, Duudhaa, Afaan, eenyummaa, fi Oromummaa nurraa mulquun mirga keenyaa sarbanii nu bituu barbaadaan dura dhaabbaachuun seenaan keenya akka
jiraattu afaan keenyaa akka jiraattu seenaan Goototaa keenyaa akka
mul'atu, eenyummaan uummata Oromoo akka mul'atu, Afaan keenyaan akka dubbannuu fi sabboonummaa akka qabannee ofiin of faarsinu godhaniif
galannii keenya guddadha. ' Ammas dhalonni haaraan Qeerroon dargaggeessii Oromoo kun dhaalotaa wareegaman dhufe ta'uu hubatee uummaata keenyaa guutummaatti gita bittaa jalaa baasuuf itti gafaatamummaa guddaan akka isa irra jiru beekee tokkummaan wal cina dhaabbachuun qabsoo bilisummaa saba isatiif falmachuun dirqiidha kanaafuu qeerroon dargaggeessii Oromoo haala amma irraa jiru caala jabbachuu fi wal jajjabeeffachuun uummatni oromoo cufti gamtaan walitti dirmachuun mirga isaa kabachifachuu qaba . jechuun dhaamsa guddaa dabarsan Kana malees guyyaadhuma kana Amajjiin tokkoo Guyyaan WBO sabboontotaa kallaatti garaa garagaraa irraa walitti dhufaniin dhamsa baga bara haarawaa geessan jedhuun Amajjii tokkoo guyyaa WBO bara 2014 sirnaan kabajamaa kan oolee ta'uu fi qabso bilisummaa Oromoo jabeessuu
irraattis sabboontotni marii gaggababaa gaggeeffachuu Qeerroon Amboo
irraa gabaase jira.
Sirna kabajaa Bokkuu Cittuu hambisuu fi akka sabboontotni irraatti
hin argamneef mootummaan abbaa irree wayyaanee humna poolisaa fi basaasa isa heddumminaan bobbasuus tokkummaa uummatni fi qeerroon argisiiseen kan fashalaa'ee ta'uu qeerroon dabalee gabaasaa isaan ibsee jira
Injifannoon U/Oromoof!
Amboo

No comments:

Post a Comment