Tuesday, January 28, 2014

GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA MIRKANEESSA !


Gootichi Afriikaa Kibbaa Maandeellaan, Daandiin Bilisummaa dheeraadhaa fi Sirna Appaartaayidii dhabamsiisuuf adeemsa ykn hojii yeroo dheeraa nu gaafata jedhee ganamumaa yaaduu isaa yennaa dinqisiifannu, irraas haa barannu wayita jennu, maal jechuu keenyadha ? Qabsoon Oromoo waggoota 30 ol lakkoofsise, Namoota akkas yaadan hin qabu jechuu keenyadhaa ? moo, 
hubannoon ykn jechii isaa kun, garii keessa jiraatee cichoominaan isa dhaabuu fi garii ammo cichoomiina sana of keessaa dhabee daandii salphinaatti makachuun, miidhama keenyaaf bu’ura ta’uu wal hubachiisuf itti fayyadamna laata? Qabsoon Oromoo jabaachuu fi dhiisuu isaa abbootii dhimmaa kanneen taane irra, diinatu guyyu lallaba. Dhimmi Oromoo har’a addunyaaf mata duree kan ta’e, lubbuu godhatee ka’ee of himate odoo hin taane, cichoomiina Maandeellaa sana kan qaban nuffii fi mo’amiinsa yeroo keessa dhuftuun odoo hin daddaaqamne warra hojjataniin ta’uu hubachuun dansaadha.maaliif yeroo fudhatee ? kan jedhuuf garuu , hubannoo ga’aa argchuun hegareef nu fayyada. Kanas qalbii bal’aan ilaalu feesisa.
Haqi haalamu hin dandeenye, Daandiin Bilisummaa dheeraa ta’uu qofa odoo hin taanee, daandii dheeraa kana keessa, bu’aa ba’ii jiru dursanii hubatanii sammuu ofii amansiisanii murannoon hojjachuu dhabuun nu miidheera. Cichoomiinaa fi murannoo dhabuun bakka meeqa akka nama dhaabdu argineerra. Galgala Goota jennee kan faarsine, ganama dabeessa ta’ee kan  argame seenaan galmeesseera. Kaleessa Sabboonaadha kan jenne dhaadheessine,har’a halgaatti maxxanee dhabamtan malee nuun jedheera.  Daandiin Bilisummaa dheerachuu Maandeellaan baanu kana faa’aa of keessaa qaba. kan diinni akka ati hin mooneef sirratti hojjatu akkuma daandii Bilisummaa dheeressuu, kan qabsoo keessatti umamus qabsoo dheereessa jechuudha. Addatti diinnis nama irratti hojjatee haa ta’uu, kan cichoomiina dhabee dhaaba keessaa yennaa ganee ba’u, Qabsoo Ummata sanii hangam akka gaaga’u waan walitti himan miti. Yaadoota lameen, (dheerachuu fi gabaabbachuu) kana kan araarsu, gufuuleen lameen kun akka jiran hubatanii, of qapheessuudha. Kun akka sibiilaa nama jabeessa. Dhalooti itti aanus kana hubachuu qabu kanadha. Gootummaan kana of keessaa qaba.
Gaaffiin Ummati tokko qabu , Daandii Bilisummaa dheeressuus gabaabsuus danda’a. kana irratti ammoo , gaaffii kee irratti humnoonni addunyaa ilaalchii fi ejjannoon isaan qaban dhiibbaa ni qabaata. Dantaan isaanii keessa jiraannaan karaa sii tolchan. Hin qaban taanaan karaa sitti cufan. Ammas, Qabsoo ati gaggeessitu, keessaan hojjadheen sirna jirun kuffisa , jettee kan irratti hojjattuu fi Qawweemaan wareegama kafaleen kuffisa jettee kan filattu Daandii Bilisummaa dheeressuu fi gabaabsuu ni danda’u. egaa Maandeellaan Daandiin Bilisummaa dheeraa ta’u dubbachuun isaa kana hundaa hammata.
Kana tilmaama keessa kan hin galchine, biraa harca’anii hafaniiru. Harca’uun namoota muraasaa garuu guyyaan Bilisummaan itti  dhuftu hin dhorgine. Kunis barnoota .Seenaa Qabsoo keenyaa keessa kun illee ni jira. Gantummaa lakkoofsa hin qabne raawwatamus , qabsoon sabichaa daran jabaataa jira. barruun kun addatti dhaloota har’af bu’ura ta’a. dhalooti kun waan gaafatamuuf maraa deebii quubsaa mataa isaa qabaachuu qaba. daddaaqamuu hin qabu. Gootonni isaa lallabdootaan maqaan isaanii boora’uu hin qaban.sammuu bal’ifatee , yaada bal’aa qabaatee tarkaanfannaan, akkasumas, adeemsa qabsoo dhaalsifamaa jiruf kabaajaa qabaannaan Gootummaa Ummata Afriikaa Kibbaa waan hin dabaliniif hin jiru. sochiin amma argaa jirru marti, wareegama baayyee booda kan dhufeedha. Wareegamni kun hundi Qabsoo Oromoo fi gaaffii Oromoo har’aan ga’eera. Wareegamni kana boodaa Kan Bilisummaa mirkaneessu ta’u qaba.
Jaallannus jibbinuus seenaa keessa dabarre, kan tolaas ta’ee badii , yoo irraa baranna jenne nuuf qoricha. Inni guddaan waan jiru hubatanii tarkaanfii ofii jabeessuu qofaadha. rakkoon dabre akka hin dabalamneef irratti hojjachuudha. Shira diinni nu qopheesseen xaxamuun ammallee akka dhaabbatuuf irrattii hojjachuun murteessaadha. Ergamtoota diinaafis ta’e of-jaallattotaaf bakka laachuu irra, suduudaan dhaabbadhu jedhanii itti himuudha. Sadarkaan irra jirru mirga sabummaa keenyaa kabachiisuuf eenyun olitti muuxannoo itti qabna. Dhaloota akkas ofii fi lammii isaatti boonu horannaan Fincillii Afriikaa Kibbaa nuuf salphaa ta’a.
Kana waliin kan ilaalamu qabu, Maandeellaan Appaartaayidii dhabamsiisuuf yeroo dheeraa fudhata jechuu  isaa keessaan waan ofii ilaalluun dansaadha. Appaartaayidiin jireenya hawaasummaa fi aadaa Ummata Afriikaa kibbaa guutummaatti dhabamsiiseera jechuutu danda’ama. Eenyummaa fi maalummaan ummatichaa aadaa warra dhihaan dhuunfatameera. Kana Ummata keessaa baasuuf waggoota dheeraa akka fudhatu shakkiin hin jiru. waan dhalootaan sirreefatanidha. Gama kanaan sirnoonnii nu gabroonfatan, gama kanaan miidhaan nu irraan ga’an salphaa miti. Aadaan wal nyaachuu isaanii nu keessatti saaree,  miidhaa nurraan ga’aa jiru argaa jirra. Wal kabajuu aadaan keenya nu badhaase gannee, wal tuffachuu isaanii dhaallee maal wal irratti akka raawwannee seenaatu hima. Ofittummaa fi gantummaan isaan irraa dhaalleen, hangam akka hammacamne walitti hin himnu.
Hanqinni kkf Biyya keessas alas ni jira. diinni of nu wallaalsisee aadaa isaa nu keessa kaa’eetti odoo hin dammaqiin, kan faranjii of irratti idaanee maal ta’aa akka jirru , warra ala jiraatantu beeka. Aadaan daboo, wal gaafachuu, kkf badanii hunduu qophaa haasa’aa deemuu dhageenya. Kan walitti dhufe ammo, Biyya keessatti yennaa aaran akkuma Afaan biraan wal cabsan, alattis Ingiliffaa fi qooqa biroon wal quncisuu jedhan. Kun hundi, dhiigaan Oromoo ta’uun keenya qofti, noormii Oromoo nu keessa akka jirutti yaannee jiraachuu irraa madda. Kana of keessaa baasuuf, duula ofirraa jalqabnee dhaloota itti aanu baraaru gaggeessuun beellamaa qabuufii hin qabnu. Bilisummaan inni adda duraa akka dhuunfaattu summii kana of keessaa dhabamsiisanii, Oromummaa isa dhugaan wal ijaaruudha. Yeroo sana wal ganuun hin jiru. wal caalchifachuun hin jiru.
Miidhaan kun salphaa miti. Ummata keenya keessaa baasuuf bara Bilisummaa kan itti eegnu miti. Ammumaa hojiin isaa eegalamuu qabna. hojiin isaa ammo of irraa eegala. Achii maatii ofii , itti aansee ollaa ofii jechaa itti fufu qaba. keessa ofii Oromummaan osoo of hin ijaarree, isa kaan komachuu akkamiin dandeenya?. Ta’anii argamuun waa guddaadha. Afaan Amaaraan yaadanii Afaan Oromoon dubbachuuf yaaluun waan fafaati. Haala kanaan qulqullaa’uu dhabuun, keessa keenya  hin miine yoo jenne , ammayyuu waan sirnoonni turan nu keessaa kaa’antu nu keessaa dubbata jechuudha.Oromoon Afuura Oromummaan dhaabbatee fi Oromoon Afuura halgaan dhaabbate gonkumaa walii galuu hin danda’u. Oromoon Oromummaan jiru,Oromoof gammachuu qabu, imimmaan cobsee mirkaneessuufii barbaada. Oromoon Afuurri halgaa keessaa hin baane, Ilkaaniin qofaa gammachuu isaa ibsaaf. Gama kanaan miidhaan walii keenya irraan geenye salphaa miti. kun hundi walitti ida’amee, tokkummaa keenyaaf gufu ta’ee nu rakkisaa jira. Tokkummaan Oromoo ta’uu keenya qofaan kan hundee godhatuu miti. Gandummaa fi Amantiin qofaa wal qooduun umameen hanqina qaba. afuurri hamaan kan irratti dubbachaa jirru hundee tokkummaa keenyaati. Afuura summaa’aa gubbaatti eerretu, Gandummaas, Amantiinis        akka wal qoodinu taasisa.   Aadaa warra safuu  hin  qabnee .!!!!!!!!!!!!!!
Odoo nuuti hin dhalatiin sirboonni tokkummaa keenyaaf sirbaman hanga har’atti hiika dhabanii dhaloota boriif illee sirbamuuf taa’an, aadaa fi hammeenya halgaan nu keessa dhaabe irraa of qulqulleessinee walitti dhufuu dhabuu keenya mirkaneessu. Keessattu ilkaaniin qofaa wal barbaachuu keenya dhugeessa. Lafee Gootootaan waliin kakatanii , kanneen ganan, Afuura summaa’aa halgaan nu keessatu salphina kanaan isaan ga’e jechuu dandeenya. Amalli fi aadaan habshootaa keessa keenyaa ba’uu qaba. Bilisummaan waa hundaa caalu isa kanadha. Maandeellaanis gocha diinaa himuun nama rakkisu sana hundaa balleessuuf yeroo fudhata jedhee dhalooti wal harkaa fuudhee akka irrattii hojjatu kan taasise kanaafi. kun nuuf barnoota. Kan boriif hin jedhamne.
Daandiin Bilisummaa dheerachuu hubachuun duuba kan jiru immoo haa ilaallu. hubannoo kanaa qabaachuu fi of qopheessuun, Daandii Gootummaa Nama goonfachiisu keessa nama seensisu qalbeefachuun dansaadha. Qabsaa’oonni har’a cichoominaan Ummata isaaniif dhaabbatan hundi, Ummata isaaniif Goota. Gootummaa kana kabajuun ammo, Bilisummaa Ummataa labsuun nama ga’a. akka ejjannaa kiyyaatti, Qabsoon Oromoo sadarkaan inni irra jiru, rakko keessa isaatti umameen hin madaalamu. Garuu akka harkifatu taasise ta’a. Hojiin inni adda duraa waan dhumate fakkaata. Hojiin dhalootaan qabsoo itti fufsiisuu lafa qabateera. Yeroo amma keessa jirru kanaan wal bira qabnee yennaa ilaallu, dhimma dhala Oromoo Maraa ilaallatu tokko hanqina jechuu dandeenya. Yeroo kanatti sochii Qindoomiina qabutti ce’uutu nurraa eegama ture. Amala siyaasaa keessa yeroo eeggachuun murteessaa  waan ta’eef, haalli addunyaa, dammaqiinsa Ummata keenyaa , haala wayyaanee fi keessa ishee , Biyyoota ollaa kkf yoo ilaallee, BILISUMMAAN OROMOO ykn gaaffiin Oromoo  sochii nuuti akka dhuunfaattis ta’ee Ummataatti gaggeessinu irratti akka hundaa’u hubachuu nu barbaachisa.
Addunyaan kan humna qabuuti. Humnaan of mul’isuun dirqama dhala Oromoo hundaa ta’ee asi ba’eera. Kanatti dhimma ba’uuf Ilmaan Oromoo hundi waan dabree seenaaf dhiisanii Gootummaa Abbootii isaanii irra deebi’uu qaban.wal irraa qoollifachuu ykn qabsootti deebi’uun mo’amu nutti fakkaatee of keessa marannee taa’uu keenya irra, waan dabre seenaaf haa keenyu jedhanii gama kamiin akka wal tinnisuun danda’amu wal akeekuun gootummaadha. Kaayyoon ABO ganamaa kana uumuudha. Waan karaa ga’ee kana xumura itti gochuun , Fakkeenyummaa Maandeellaafaa dhugeessu ta’a. yeroo sana,dhugumayyuu Maandeellaan Gootummaa san isaan irraa baratee nu dhugeessa. Yoo kun ta’uu baate, seenaa warqaa irraa dhaloota dhaalsisuu ta’a. kun ammo…………………….
Maandeellaan Ashabbaarii jedhamaa jiraate fi dhiibbaan gara garaa irra ga’aa ture, humna isaa fi Ummata isaan Goota jedhameera. Ashabbaarii siin jechuu keenyaaf dhiifama. Sirraa waa hedduu baranne. Ati fakkeenya addunyaa kanaati jedhameera. Hundeen injifannoo kana hundaa garuu Fincila Ummata Kibbaa Afriikaati. Akka Ummata Gibtsi Fincila waggaa 2 wal irra hin cinnee finiinsanii furmaata maayyitti ba’uun filmaata yeroon nu dhiheessituudha. Akka Giddu gala Afriikaa humnaan Mootummaa hudhanii qabanii Angoo Irraa buusanii of kabachiisuunis akka jiru addunyaatu nutti himaa jira. Akka warra Kibba Sudaan dhageetti argachuuf murachuunis filmaata nu dhihaatteedha.Akka siiriyaa maalis ta’u maal humnaan biyya miila tokkon dhaabdee, Abbaa irreedha isa jettu mariif gadi teesisuudha. Murannoon kun hundi garuu, Bilisummaaf kan taasisameedha. Wareegamuun, qabeenyaan barbadaa’uun , gubachuun …..karaa Foddaa TV arginu sun hundi , Bilisummaa ofii kabachiifachuufidha. Mee murannoo kanaan of haa madaallu. Eessa jirra laata ?
Gootummaa kana keessatti hiriiruuf yoo of hin laatiin , Bilisummaa hawwuu fi qabsoo qeequu irraa dhaabbachuu qabna. Addunyaa kana irratti Bilisummaan manatti namaaf dhufte hin jirtu. Amma baayyinaa fi seenaa keenyaa hin hojjatiin jirra. Kun haqa. Kana jechuun humni hojjate hin jiru jechuu miti.
Bara injifannee waanuma dubbannu ykn kana gumaache jennu mee haa hojjannu. Oromummaa kiyyaaf kanan hojjadhe waan jennu, ykn waanuma br dhaloota keenyaatti himnu haa gumaachinu. Oromiyaa siyaasaan marfamtee jirtu BILISOMSUUN waan salphaa miti. Waan wal irratti dhiisanis miti. Diinni keenya kumaantama. Kana baayyina keenyaan dura dhaabbachuuf wal haa tumsinu. GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA MIRKANEESSA kanan jedheef kanaafi !!!!!!!!!!!! kutaa 3ffaa keessatti of kabachiisuuf , Fincilaa fi diddaa qindeeffachuun murteessaa ta’uu waliin ilaallee mata duree kana goolabna.
GALATOOMAA !

No comments:

Post a Comment