Tuesday, January 7, 2014

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Hedduminaan Ummataaf Raabsame.

Amajjii 07,2013
Uummatni Oromoo aadaa fi seenaa isaa guddisuuf hojiiwwan garaa garaa hojjechaa ture. Ammas jabaatee itti jira. Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo keessatti Uummatni Oromoo gamtaan aadaa fi amantii isaa guddisuuf malkaatti bahuun waaqa isaa kadhachuun sirna nafxanyummaas gamtaan mormee jira. Sirna waaqeffannaa gaggeeffame kana irrattis ilmaan Oromoo gamtaan shira mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irratti sagalee diddaa dhageessisee jira. Qeerroon Yuunivarsitii Amboos gamtaan uummata waliin yaa’uun walleewwan warraaqsaa kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Sirba Kumaalaa Addunyaa alaabaa jedhu wallisuun mootummaa wayyaanee rifaatii gudddaa keessa seensisanii jiran. Mootummaan wayyaanees diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasu illee diddaan qeerroo gamtaan shira mootummaa wayyaanee fashalsee jira. Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa halluu diimaa magariisa diimaan kuulaman ” Nuyi tasa garbummaa hin barbaadnu, Qeerroo Viva” Jedhu hedduumminaan maxxanee jira.

No comments:

Post a Comment